Muddama tibbanaa waraana Itiiyoo -Somaaliyaa darbe Moqaadishoo yaadachiise

Lola Itiyoo-Somaaliiyaa bara 1977

Madda suuraa, Gatty Images

Tibba kana miidiyaaleen Somaaliiyaa ajandaa wal fakkaataa tokkoo qabataniiru.

Innis miidiyaaleen mootummaa biyyattii muuziiqaa Itoophiyaa akka diina seenaa biyyasaanii gochuu kan ibsuufi waraanaa kakaasuu irra dedeebiin dhageessisaa jiru.

Namoonni tokko tokkos muziiqaan baandii Somaaliyaa miidiyaalee mootummaa biyyattiin dabarfamaa jiru kun ‘‘kan miira kakaasuudha’’ jedhu.

Gaafa Amajjii 1,2024 Itoophiyaa fi akka biyya walabaatti kan of-ilaaltu Somaaliilaand waliigaltee wal hubannoo Itoophiyaadhaaf karra galaanaa ni argamsiisa jedhame walii mallatteessuu hordofee Finfinneefi Mooqaadishoo jidduutti muddamni cimeera.

Waliigalteen wal hubannoo kunis hojiirra kan ooluu yoo Itoophiyaan qarqara galaanaa argattuuf Somaaliilaandiin kan Somaaliyaan akka akka qaama bulchiinsasheetti ilaaltuuf beekamtii kenniti jedhameera.

Aanga’oonni Somaaliiyaa gochaan kun baayyee aarse ammoo waliigalteen kunis haleellaa birmadummaa biyyattii irratti raawwatameedha jechaa kan turan yoo ta’u, waltajjiiwwan adda addaa irrattis Itoophiyaa waliin waraana keessa seenuuf qophii ta’uu yoo dubbatan dhagahamu.

Ministirri Mummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii Baaree torban darbe keessa Itoophiyaa waliin waraanaa keessa galuudhaaf qophiidha jedhanii ture.

Akkasumas ‘‘yoo dhiiftan malee waan akka isin nu dhiiftan isin taasisuu isin agarsiifna… gara bulchiinsa Somaaliyaa taakkuu tokkoolleen seenuuf yoo yaalan, reeffa qabatanii gara biyya saanii deebii’u’’ jedhanii ture Ministirri Mummeen Somaaliyaa Obbo Hamzaa Abdii Baaree Samabata darbe.

Akkasumas erga Manni maree nagaaenyaafi tasgabbii Gamtaa Afriikaa muddamni biyyoota lamaan jidduutti mudate karaa mariitiin akka furamuuf waamicha taasiiseen booda, Somaaliyaan Itoophiyaan hanga waliigaltee Somaaliilaand waliin taasifte hin haqneetti mariin taasifamu homtuu akka hin jirree dubbachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Miidiyaaleen Somaaliyaa ammaan kana muuziiqaa waraana biyyoota lamaa jidduu wagga 50 dura gaggeeffame yaadachiisuun qilleensa irra oolchaa jiru.

‘‘Nagaa yoo hin barbaadne akka kan bara 1977 isin goone akka yaaddattaniif carraa isiniif kenniina’’ jedha muuziqichi.

Waraanni Itiyoo-Somaalii ykn waraanni Ogaadeen bara 1977-1978tti gaggeeffamee yoo ta’u, waraanni Sii’adii Baarree gara daangaa Itoophiyaa seenuudhaan eddo muraasa qabatanii ture.

Haata’u malee waraanni Itoopiyaa loltoota Somaaliyaa yeroo sana ofirraa qolachuun daangaa keessaa baasee ture.

Waraana kanaan gama lamaaniinuu injifachuu himu.

Kanaanis muuziiqaa ‘‘Remember What We Did to You in 1977’’ jedhuun alatti, Itoophiyaadhaan wal qabatee muuziqaaleen lama miidiyaalee hawaasaa Somaaliyaa irratti bal’inaan qoodamaa jiru.

Looltoota Somaaliiyaa 1977 lolarra turan

Madda suuraa, Getty Images