Dhimma Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu qaamoleen alaa akka hin galle, Obasaanjoon akka mariisisan gaafataman

Madda suuraa, Getty Images
Manni-maree Nageenyaafi Tasgabbii (PSC) Gamtaa Afrikaa, dhimma keessoo Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu qaamoleen alaa akka hin seenne gaafate.
Kana malees, Komishiniin Gamtaa Afrikaa Bakka-bu’aa Olaanaa Gaanfa Afrikaa Gamtichaa kan ta’an pirezidantii duraanii Naajeeriyaa Oliseegun Obasaanjoo biyyoota lamaan gidduutti marii akka jalqabsiisanis gaafateera.
PSCn Gamtaa Afrikaa walgahiisaa 1192ffaa Amajji 17 bara 2024 gaggeesseen, haala Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itoophiyaafi Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa gidduu jiru kan ilaale yoo ta’u, biyyoonni lamaan gochaafi jecha obbolummaa, micchummaafi tokkummaa gidduusaanii jirurra dhiibbaa hamaa geessisuu danda’urraa akka of qusatan gaafateera.
PSC ibsa baaseen Itoophiyaafi Somaaliyaan dubbii hammeessuu dhiisanii bu’uura ‘rakkoo Afrikaatiif furmaata Afrikaa’ jedhuun rakkoon jiraanaan mariin furmaata akka itti kennan gaafateera.
Amajjii 1, 2024 mootummaan Itoophiyaa Somaalilaand waliin waliigalteen waliin hojjechuu malleetteefamuu hordofee biyyi Somaalilaand qaama kooti akka biyyaatti beekamtii hin qabduu jettu Somaaliyaan ''tokkummaa daangaa lafa kootti bu'ameera'' jechuun mormii dhageessifteetti.
Waliigaltee kanaan gocha ''weeraraati'' kan jette Somaaliyaan, ambaasaaddara ishee Finfinneerraa ofitti waamteetti. ''Raawwiin waliigaltichaa seera idila-addunyaa kan cabse, fudhatama kan hin arganneedha'' jechuunis ibsite.
Somaalilaand biyya kamiinuu akka biyya walabaatti beekamtii kan hin arganne ta'uufi Somaaliyaan ammoo qaama kooti jechuusheetiin muddamni dhalate.
Mootummaan Itoophiyaa handaara galaanaa fi buufata humna galaanaa qabaachuuf waliigalteen Somaalilaand waliin mallatteesse muddama uumuu hordofee deebii kenneen, ''waliigaltee kanaan amantaan cabes, seerri sarbames hin jiru'' jedhe.
Rippablikin Somaalilaand biyyi beekamtiin hin kennamneef garuu akka biyya taatetti of ilaaltudha.
Manni-maree Gamtaa Afrikaa walga’ii taa’e kanarratti waldhabdeen Itiyoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti deemaa jiru irratti yaaddoo guddaa akka qabu ibseera.
Qaamoleen alaa seera dhimma keessoo biyyaa biraa keessa seenuu dhiisuu jedhu kabajuun dhimma biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa kana gidduu akka hin galleef gaafateera Manni-maree Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa kun ibsa baaseen.
Waliigalteen maal ture?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigalteen hooggantoonni Itoophiyaafi Somaalilaand waliif mallatteessan ifatti hin taasifamne.
Kun ammoo qaamoleen lamaan waliigaltee wal-hubannoo sanaan maal irratti akka waliigalan ilaalichiisee akka wanti garaa garaa himamuuf karaa bane.
Waliigalteen wal-hubannoo fedhii kan agarsiisu malee waliigaltee seera qabeessa miti.
Haata’u malee, wanti ifaa fakkaatuu tokko, Somaalilaandiin karaa buufatasheetiin ulaa galaanaa daldalaa Itoophiyaaf kennuuf qophiidha.
Garuu ammoo buufata kam irraan akka ta’uu danda’us ifaa miti.
Akkasumas, kallattiin waraanaas jira. Somaalilaand garee qarqara galaanaashee humna galaanaa Itoophiyaaf kireessuu akka dandeessu himte. Kunis Finfinneedhaan mirkanaa’eera.
Deebii isaatiif ammoo Somaalilaand Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kan milkaa’aa ta’e keessaa qooda argatti.
Garuu ammoo dhimmi ifa hin taane Itoophiyaan Somaalilaand akka biyya walabaatti beekamtii ni kennitiif moo ni dhiifti kan jedhudha.
Waggoota 30n erga koloniin Biritish duraanii Somaaliyaa dhiisee bahee keessaa biyyi gara biraa Somaalilaandiif bekkamtii kennee gara biraa hin jiru.
Guyyaa waliigalteen wal-hubannoo sun mallatteeffametti, Pirezidantiin Somaalilaand Muusee Biihii Abdii, waliigaltichi qaama Itoophiyaan gara fuulduraatti adeemsa keessa Somaalilaand akka biyya walabaatti beekmtii kennuu kan hammatu ta’uu himan.
Itoophiyaan garuu kana hin mirkaneessine. Bakka isaa, yaalii maalummaa waliigalteen wal-hubnnoo ibsuuf taasifamerratti, mootummaan Itoophiyaa Amajjii 3, 2024 irratti waliigaltichi "kutaawwan…yaaliiwwan Somaaliilaand ittiin beekkamtii argattu irratti xinxala gadi-fagoo taasisuu fudhatuu‘‘ kan hammatu ta’uu hime.
Maaliif kun walfalmisiisaa ta’e?
Somaaliyaatiif, Somaaliilaand qaama daangaa isheeti. Kanaaf, biyya biraa waliin waliigaltee taasifti jechuun ykn hayyama Moqaadishoo malee waliigaltee seenuu jechuun rakkoo cimaadha.
Guyyaa waliigaltichi itti mallattaa’een booda, Somaaliyaan gochicha akka gocha ‘‘dubbii barbaaduuti’’ jechuun ibsuudhaan, nagaafi tasgabbii kan balleessuudha jette. Akkasumas, Ambaasaadara ishee Finfinnee irraa waamte.
Dilbata ammoo Pirezidantiin Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaammud ‘‘biyya keenya ni eegganna, waan barbaachisaa ta’e hundaan ni eegganna. Michuu nu gargaaruuf fedhii ta’e hundarraas deeggarsa ni gaafanna,’’ jedhan.
Akkasumas, dargaggoonni ‘‘biyyasaanii eeguudhaaf akka qophaa’aniif’’ waamicha taasisan.
Torban darbe waliigalticha mormuudhaaf hiriirri Moqaadishoo keessatti namoota kuma kudhaniin lakkaa’amaniin gaggeeffamee ture.
Ejjennoon Somaalilaand maali?
Somaalilaand bara 1991 ture kan Somaaliyaarraa baatee biyya walabaa ta’ushee labsitee turte. Kanaanis, sirna siyaasaa, filannoo baramaa, humna poolisiifi maallaqa mataashee qabdi.
Waggootaaf hookkara Somaaliyaa keessatti mudate hedduu jalaa bahu dandeessee jirti.
Haata’u malee, walabummaan ishee kun biyya kamiinuu beekkamtii hin arganne.
Akka Somaalilaand jettetti, Itoophiyaan yeroo ta’etti beekkamtii kennuuf kan waliigaltu yoo ta’e, Qxanaa Gaanfa Afriikaa irratti kan dhiibbaa olaanaa qabaatu ta’a.
eeffachuuf yaadni ‘‘saanduuqaan alaa’’ akka barbaachisuu dubbatan.












