Hamaas fi Hezbollaan kan jalaa laaffatan egereen 'Axis of Resistance' garee Iraaniin deeggaramuu maal ta'a?

Kufaatiin mootummaa Asaad Iraaniin deegaramuu garee 'Axis of Resistance' jedhamuuf oduu gaarii miti.

Gamtaan kunis kanneen baha jidduugalaatti ijoo ta'an keessaa tokko. Kanneen garee kana hundeessan keessaa tokko kan ta'an Qaasiil Suleeyimaanii Baagdaad keessatti erga ajjeeffamanii waggaa shan ta'era.

Namni kun komaandara humna addaa Iraan turan.

Iraan sochiilee qaxanicha keessatti argaman deeggaruu keessatti nama murteessaa turan.

Suleeyimaaniin osoo hin ajjeefamin baatii sadiin dura, Edgooda Warraaqsa Iraaniif haasaa icciitii taasisanii ture.

Innis haasaa ''Axis of Resistance gochaafi lakkoofsaan haala itti baayyatu'' kan ilaallatu ture.

Waa'ee garee isaan dursaniis ilaalchisuun dubbatanii ture.

Osoo hin ajjeefamiin dura, ''Egdonni Warraaqsa Iraan humna mormituu kana humnaa fi lakkoofsaan guddiseera.

Kibba Libaanos keessatti kan duraan ture iskuweer meetira 2,000 irra gara iskuweer meetira walakkaa miiliyoonaa akka haguugan taasifameera.

''Humnii mormii kunis kan daangaa qaxxaamuru akka ta'uuf eegdonni Warraaqsa Iraan gargaareera. Iraaq, Sooriyaa fi Libaanos waliin gahuun danda'ameera'' jedhan.

Garee filciltootaa 'Axis of Resistance' jedhaman akka milkaa'ina Suleeyimaniitti ilaalama.

Erga bara 1980 as Iraan naannicha keessatti babal'ataa jirti.

Libaanositti qaama sochii Shi'aa kan ta'e Hezbollaa hundeessuun dana'ameera.

Kunis Israa'elii fi Ameerikaa dura dhaabbachuufiidha.

Bara 2003tti Ameerikaan wayita Iraaq weerartetti fi yeroo warraaqsi Arabaa bara 2011tti ka'etti, qaxanichi muddamaan guutamee ture.

Isteetii Islaamaatiin kan ka'e sochiin filxaaleyyii Sunniis ni eeramu.

Iraan taateewwan kanneenitti fayyadamuun dhiibbaa qaxanicha keessatti qabdu guddiisuuf yaalteetti.

Eegdonni Warraaqsa Iraan Sooriyaa keessatti bobba'unsaa fi hidhattoonni Shi'aa Iraaqiifi Libaanos keessa jiran akka karaa daangaa Meeditiraaniyaanitti babal'ataniif daandii baneefiira.

Gara bulchiinsa Israa'elittis dhiyaatteetti.

Yunivarsitii Hiibiruu, Yerusaalem keessa kan hojjatan, pirofessar Daani'el Sobilmaan akka jedhaniitti, osoo Ameerikaan bara 2003tti Iraaq hin weerariin dura Iraan qaxanicha keessatti ni babal'atti jedhamee kan yaadamu hin turre.

''Waraanni Iraaq Iraan biyyoots akka Iraaq, Sooriyaa fi Libaanos waliin hidhata akka qabaattu dandeessiseera. Hezbollaan Libaanositti milkaa'ina ijoo Iraan. Axis of Resistance hundeessuuf bu'uurrisaa kamuma'' jedhu.

Yaman wal waraansaan yoo rakkattuutti magaalaa guddooshee dabalatee magaaloonni gurguddoon hidhattoota Shi'aa kumaatama Iraanitti dhihoo ta'an harka galan.

Humnoota Israa'el marsan

'Aksiis of Rezizstaan' kunis gamtaan gareewwan Shi'aa fi Sunnii muraataa qaxanichaa akka ta'etti fudhatama.

Gareewwan Hamaas fi Islaamik Jiihaad kan jiranis Baha Jidduugalaa keessatti dhiibbaa gochuuf Israa'el dura dhaabbachuuf yaalu.

Gareen kunis Hezboollaan Libaanoo, hidhattoonni SHi'aa Iraaq, finciltoonni Huutii Yaman fi bulchiinsi Al-Asaad Sooriyaa keessatti argamu. Iraaniif ammoo meeshaa siyaasaa qaxanichaa ijoodha.

Osoo deeggarsi garee kanaa hin jiru ta'e motummaan Asaad duri kufa ture. Moggaasa 'Riing of Faayar' ykn qubeellaa ibiddaa jedhuun gareen kun Israa'el marseera.

Iraan meeshaa ijoo ittiin Ameerikaa fi Israa'el ittiin mormiituudha. Bara aangoo Bushiitti, waraanni Afgaanistaanii fi Iraaqiitti eegalaman, bara aangoo Obaamaatti ammoo waliigaltee niikulaara Iraan taasifamee fi gaheen egdoonni waraaqsa Iraan qaban walitti dabalamuun eddoo Iraan qaxanicha keessatti qabdu cimseera.

'Aksiis of Reziztaanis' kan cime karaadhuma kanaan. Gorsaan Nageenyaa Biyya Tiraamp, Joon Booltan akka jedhaniitti, Iraan karaa garee kanaatiin sochii loltotashee cimsuuf yaaliin taasifte milkaa'aadha.

''Iraan Aksiis of Reziztaansi kan jettuunii fi Suleeyimaaniin moggaasa 'qubeellaa ibiddaa' jedhaniin yaaliin Israa'el marsuu eegalan.

Sochii kanattis doolaara biiliyona itti baasaniiru. Yeroo Hezbollaan hundeeffamu eegalame. Sochiin kunis yoo ijaarsa miisaa'elii baalaastikii fi miikulaara Iraaniitti dabalamu, milkaa'ina isaanii agarsiisa'' jedhan.

Dhiibbaa Iraan

Pirezidanti Tiraamp Suleeymaaniin akka ajjeefaman kan ajajan waggaa shan dura ture. Kunis murtee 'Aksiis of Reziztaansi' irratti dhiibbaa taasiseedha.

Tiraamp irra deebiin yeroo gara aangootti dhufan, Iraan laafna waggaa 20 keessa hin mul'annee keessa turte.

Tiraamp yeroo pirezidantii turaniitti Iraan irratti dhiibbaa olaanaa taasisuuf, Ameerikaan waliigaltee nikulaaraa keessaa baasan.

Iraan irratti waggoottan torbaniif dhiibbaa faayinaansi itti fideera. Dhiibbaa sanarrattis ajjeefamuun Suleeyimaanii dhiibbaa Iraan qaxanicha keessatti qabdu dadhabsiiseera.

Waraanni Gaazaa ammoo qormaata gara biraa itti ta'e.

Ajjeeffamuun aanga'oota Hamaas, Gaazaatti ajjeechaa dureewwan waraanaa, ajjeeffamuu dursaa Hezbollaa Haasan Nasralaah Beeruutiitti raawwatamuu fi dureewwan garee Shi'aa xiyyeeffannaa keessa galfamuunsaanii, Iraan dandeettii ittiin Israa'el dura dhaabbattuu laaffiseera.

Dr Daani'el akka jedhaniitti, dandeettiin Hezboollaa laaffachuun kan gahee Iraan qaxanicha keessatti qabdu kan miidhuuda.

''Waggootaa Hezbollaan Aksiis of Reziztaans keessatti cimaa ture. Amma garuu gareen kun itti fufiinsiisaa gaaffii keessa jira. Humni qaxanichaa akka gara Iraaniitti cinlaafatuuf garichi gargaareera. Amma garuu haalichi jijjirameera'' jedhu.

Gaheen Iraan garicha keessatti qabdu kan mootummaa Asaadiin deeggaramu ture. Kufaatiin mootummaa Asaad ammoo gariichaa fi Iraan kan dadhabsiisuudha.

Gorsaan Nageenyaa Joon, ''kufaatiin Asaad eenyumtuu hin eegiini Iraaniif kasaaraadha. Hezbollaan Iraan irraa miisaa'eliifi meeshaalee waraanaa biraa karaa ittiin dabarsu dhaba. Hezboollaa kan dhiibbaa Israa'el keessa jiru hanqinni dhiyeessitii ni mudata'' jedhan.

Carraa egeree garichaa

Iraan ajajootaa fi dureewwan garee kana keessaa qabdu hunda dhabde. Waliitti dhufeenyi qaxanichaa deeggartoota ishee waliin qabdu gaaffii keessa galeera.

Iraan gareen Ameerikaa fi Israa'el irratti haleellaa raawwachuuf qabdu hidhattoota Shi'aa Iraaqii fi finciltoota Huutii Yamaniidha.

Iraan walitti bu'iinsoota Sooriyaa fi kaan irratti doolaara biiliyoonaan baafteetti. Amma garuu carraan egeere garee Aksiis of Rezizstaan rakkoo cimaa keessa galeera.

Tiraamp wayita aangoo qabatanitti yoo Ameerikaafi Iraan jidduutti waliigalteen taasifameen alatti, Tiraamp boba'aa Iraan irraa Chaayinaa fi Iraaqi dhaqu cuufuudhaaf dhaadataniiru.

Akkasumas hidhattoota Shi'aas akka dhabamsiisan dubbataniiru.

Dursaan Iraan Ayaatoolaah Alii Kaamiinii ''humna dorgommaarratti hanguma dhiibbaa taasistaniin caalaa nu kakaaftu. Sochiin Aksiis of Rezizsitaansi yoomuu caalaa qaxanicha keessatti ni babal'ata'' jechuun dhiheenya kan dubbatan.

Iraan karoora eddoo qaxanicha keessatti dhabde deebiistee qabachuuf qabdu akeekkan.

Oggeessi basaasa waranaa Israa'el duraanii, Ibraahima Leeviin akka jedhaniitti, garichi miirrii haaloo bahuusaa sadarkaa olaanaarratti kan argamu ammadha.

Dureewwan bakka duraan qabatanii turan deebiisanii qabachuuf yaalii ni taasisuu.

''Sooriyaa yoo dhabanis Iraan daandii gara Sooriyaa ishee geessuu haaromsuuf ni yaalti. Dursaan HPS mootummaa Asaad kuffiisee, akka Sooriyaa keessa socha'aniif akka hayyamuf gaafachu danda'u'' jedha.

"Siyaasni baha jidduugalaa amma haala murteessa keessa jira. Waldahbdee Israa'el fi Filsxeem furuudhaaf carraa jiraachu danda'a. Namoonni siyaasaa dhiibbaa waraanaa hubachuun filmaata barbaaduun, qaxanicha gara haala fooyya'eetti geessuu danda'u qabaatu'' jedhu oggeessi kun.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.