Arsenaal galchii Chaampiyoonsi Liigii keessatti rikardii ta'een qe'ee PSVtti gammachuu dhuunfate

Arsenaal qe'ee warra qophii tibba ayyaana waggaan faayamaniitti dhaqe. Gammachuu ayyaana waggaa warri Eindhoven dhandhamuuf ba'an irraa fudhate.

Gareen Mikeel Arteettaa PSVtti goolii roobsuun deeggartoota kilabichaa uffannaa ayyaana waggaan faayamanii dirree fi ala jiran gaddisiise.

Arsenaal goolii dorgommii kanaaf rikordii ta'e galchuun seenaa hojjeteera.

Seenaa dorgommii Chaampiyoonsi Liigii keessatti tapha nuusa xumuraa dura taasifamu keessatti goolii hedduu galchuun rikordii qabateera.

Waggaa 13 dura dirreesaan alatti goolii 7 fi 3n erga Niwukasil mo'atee Arsenaal ammas goolii hedduu 7 fi 1n PSV mo'ateera.

Injifannoon kun taphattoota Arseenaaliif ''gammachuu, ofitti amanamummaa fi of ta'uu dabaleera,'' jedhe leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa.

Gareen isaa dorgommii Chaampiyoonsi Liigii keessatti goolii rikordii ta'e galchuu ilaalchisee kan gaafatame Arteettaan, ''dhugaatti waan ta'ee hin beeknedha. Qaama milkaa'ina kanaa ta'uun waan guddaadha,'' jedhe.

Garuu akka gareetti wantoonni milkeessuu qaban kanaa ol ta'uu dubbate Arteettaan.

''Wanti nu gammachiisu inni guddaan nuti amma sadarkaa itti aanutti ce'uuf ga'umsa barbaachisurra jirra. Bakka deemuu feenu ga'uuf jirra,'' jedhe.

''Garuu ammallee Landan keessatti hojiin nurraa eegamu hedduudha.''

Erga West Haam goolii 1-0n mo'ee fi Notinghaam Foorast waliin qixa bahee Arteettaan Arsenaal haala kanaan ni mo'ata jedhee hin eegne.

''Kun dorgommiiwwan hafan keessatti ofitti amanamummaa dabalaaf. Arsenaal jalqabumarraa taphicha to'achuun taphachuu eegalan,'' jedhe xiinxalaan kubbaa miillaa BBC Kiriis Suutan.

Taphattoota sarara fuulduraa (jifattoota) kanneen akka Kaayi Havertiz fi Gaabreel Jesuus dhabeekan jiru Arsenaal, qindoominaa fi cihoomina gareen hojjechuutiin qaawwa ture haguugee olaantummaan xumure.

''Arsenaal wayita kubbaa gara gooliitti geessan akkaan hamoo turan. Qindoominni taphattootaa gara xumuraarra ture akkaan nama ajaayiba,'' jedhe Kiriis Suutan.

Tapha kanarratti dursaan taphattoota Arsenaal Maartin Odegaard fi akkasumas utubaan Ingilaand fi Arsenaal Deklaan Raayis ga'umsa ajaayibaa agarsiisaniiru.

Gooliiwwan Arsenaal galche torba keessaa lama kan galche Odegaard, gooliin Raayis galche taphaan ala jedhamuun haqame.

Taphattoonni Arsenaaliif goolii galchan kaan Juuriyen Tiimbar, Mikeel Meriinoo, Etaan Niwaaneerii, Liyaandiroo Tiroosaard fi Rikaardoo Kaalafiyooriidha.

Tapha kanarratti taphataan umrii 17 Arsenaal keessatti guddate Etaan Niwaaneerii kubbaa miillaa keessatti ga'umsa abdatamu agarsiiseera.

Taphataan lafee dugdaa Arsenaal ta'e Bukaayoo Saakaa miidhamaan erga garee kanarraa fagaatee taphataa ol adeemaan kun qaawwa kana cufuuf guddoo ifaajaa jira.

Niwaaneeriin taphoota hunda hanga yoonaatti taphate (28) irratti gooliiwwan saddeet galcheera.

Ga'umsa taphataa kanaa taphattoota Ingilaand umrii xiqqaan goolii hedduu lakkoofsisan keessatti akka beekamuuf karaa banaafii jira.

Maayikil Ooween fi Waayin Roonii umriisaanii waggaa 17tti taphoota hundarratti goolii sagal galchanii rikordii qabu.

Niwaaneeriin waggaa 18 guutuuf guyyaa 16 qaba, guyyoota hafan keessatti goolii dabalataa galchuun rikordii qabachuuf carraa qaba.

Taphataan kun taphattoota umrii xiqqaan dorgommii tapha kuffisanii darbuu (kilaboota 16) irratti goolii galchan keessaa nama sadaffaa ta'eera.

Kanaan dura Bojan Krkic bara 2008 fi Juud Beeliingihaam bara 2021 umriisaanii waggaa 17tti goolii galchaniiru.

Tapha dhaqaa fi deebii qabu kanarratti tapha jalqabaarratti injifannoo amansiisaa ta'e kan galmeesse Arsenaal darbii Maadriid keessaa abbaa injifatu waliin morkachuuf gamanumaa karoorsuu eegaleera.

Tapha Saandiyaagoo Barnaaboo irratti taphatame Riyaal Maadriid goolii 2 fi 1n Atileetikoo Maadriid injifateera.

Tapha morkii cimaan irratti mul'ate kana eenyu mo'atee akka darbu tilmaamuun ni ulfaata.

Riyaal Maadriidiif gooliiwwan dinqisiisoo kan galchan Goes Roodriigoo fi Biraahiim Diyaaz.

Atileetikoo Maadriidiif taphataa Maanchistar Siitii irraa garas imale Juliyaan Alvaareeztu galche.

Gooliin Roodriigoon daqiiqaa 4ffaarratti galche warra Atileetikoo abdii hin kutachiisne. Alvaareez daqiiqaa 35ffaarratti goolii walqixxeessitu galche.

Gooliin kun taphataa Arjantiinaa kanaaf taphoota dorgommii kanaa hirmaate saddeet irratti goolii torbaffaa isaati.

Haata'u malee goolii taphataan duraanii Maanchistar Siitii kan biraan Diyaaz daqiiqaa 55ffaarratti Riyaal Maadriidiif galcheen taphichi 2 fi 1n xumurameera.

Gareen Kaarloo Anchelootii torbee dhufu gara dirree Atileetikoo imaluun tapha marsaa lammataa ni taphatu.

Arsenaal ammoo dirreesaarratti PSV waliin tapha marsaa lammaffaa ni taphata.

Kilaboota Piriimer Liigii Ingilaand dorgommii Chaampiyoonsi Liigii keessatti hafan keessaa tokko kan ta'e Aston Viilaanis morkataa isaa Club Brugge 3 fi 1n injifateera.

Tapha kanarratti ittisaan Aston Viilaa Tyrone Mings ga'umsa dogoggora kanaan dura uumerraa isa boqochiise agarsiiseera.

Sadaasa darbe dogoggora inni hojjeteen Club Brugge rukuttaa adabbiin Aston Viilaa mo'ate. Ergasii taphataan Ingilaand kun miira sanarraa hin dandamanne.

Yeroo sana kubbaa gooli eegaan Imiliyaanoo Maartiinez itti dabarse akka waan taphi hin eegalamneetti yaaduun harkaa qabee peenaaliitii Club Brugge'f argamsiise.

Dursaan taphattoota Club Brugge Hans Vanaken kubbattii sirriitti fayyadame. Goolii inni galcheen mo'atanii ba'an.

Kaleessa garuu kilabni isaa ga'umsa olaanaan sadarkaa itti aanutti akka qajeeluuf guddoo gumaache.

''Deebi'ee haala kanaan dirree keessatti mul'achuu kootti baayyeen gammada. Ammallee hoji manee hin raawwanne qabna,'' jedhe taphicha booda.

''Tapha galgalaa kanaatti guddoon bohaare. Kanaan duras kilaba kana waliin taphanneerra. Kanaaf tapha kanarraa waan eegnu beekna turre. Waanuma nuti eegnetu ta'e,'' jedhe.

Mings amma taatee gaddisiisaa ji'a fur dura raawwate dagatee fuulduratti bu'aa buusuurratti akka xiyyeeffatu shakkiin hin jiru.

Akkuma Arsenaal, yoo darbeef, Aston Viilaas morkii cimaatu eeggata. Sababni isaa Liivarpuul fi PSG keessaa abbaa darbu waliin taphatu waan ta'eef.

Taphi Liivarpuul fi PSG har'a taphatama.