Murteessaan Liiverpuulii fi Kiloop 'arrabse' Waancaa Awurooppaa akka hin taphachiifne dhorkame

Waldaan Kubba Miilaa Awurooppaa murteessaa Deevid Koot jedhamu amala gaarii hin taane waancaa Awurooppaa 2024 irratti agarsiiseen yoo xiqqaate waggoota lamaaf adabe.

Deevid Koot mudde bara 2024 keessa qaama waldaa murteesitootaa bulchu [PGMOL] jedhamuun qoratamee taphoota Piriimer Liigii akka hin taphachiifneef hojii isaa irraa ari'ameera.

Murteessaan kun yeroo Liiverpuulii fi leenjisaa isaa duraanii Yargen Kiloop arrabsu viidiyoon tokko erga miidiyaa hawwaasaa irratti qoodamee hojiirraa dhorkamee ture.

Hojii irraa dhorkamee guyyaa lamaan booda Waldaan Kubba Miilaa Awurooppaa qorannoo irratti bane.

Muteessaan kun Waancaa Awurooppaa ganna darbee irratti gargaaraa murteessaa Viidiyoo [VAR] tahuun Jarmanitti hojjetaa ture.

Waldaan Kubba Miilaa Awurooppaa Deevid Koot ''qajeeltoowan amala gaarii murteessoo tahan cabseera'' jechuun adabbii irratti dabarse.

Ispoortii kubba miilaa keessumattuu dorgommii Waancaa Awurooppaa kabaja dhorkate'' jechuun Deevid Koot adabamuu ibse.

Deevid Koot hanga Waxabajji 30 bara 2026tti tapha waancaa Awurooppaa kamiyyu hin taphachiisu.

Waldaan Kubba Miilaa Ingiliziif Deevid Koot bara 2019 keessa tapha West Biroomii fi Liidsi jalqabuun dura kaardii keelloo akka kennu dubbachaa turuun isaas qorachuu eegale.

Murteessaan kun garuu himata irratti dhiyaataa ture hunda haaleera.

Murteessaan kun dhiibbaa hojiin isaa isartti fide amaloota hin taane agarsiisuun aka hojii isaa dhabaniif sababatahaniiru jedhe.

Dabalataan jaallattoota saala wal fakkaataa keessaa tokko tahuu isaa dhoksee ture.

Kunis yeroo tapha taphachiisu qoollifannaan narra gaha jedhee sodaatee akak tahe hime.

Gaaffiif deebii 'Sun' waliin kana dura taasiseen ''ani 'gay' dha. Garuu qoollifannaa narra gahu sodaadheen osoo ofitti hin booniin jiraachaa ture'' jedhe.

Murteessaan kun taphoota gurguddoo 100 ol taphachiiseera.

Hojii irraa dhorkamuu isaa ilaalchisee yaada kenneen dhiifama gaafateera.

''Amala narraa eegamu agarsiisuu dadhabuu koon balleessaa hojjedheera. Itti gaafatamummaa isaa nan fudhadha.''

''Dubbii koo fi gocha koo irraa kan ka'e miidhaa dhaqabe hundaaf dhiifaman gaafadha. Kubban jaaladhu keessattis dhiibbaa barbaachisaa hin taane gochikoo fideef dhiifama gaafadha'' jedhe.

Yeroo ulfaataa kana keessa wantoonni narra gahanii fi icciitii mataakoo taan jiru. Garuu hundi isaanii eenyummaakoo har'aa kana hin ibsan jechuun gochaa isaatti gaabbuu hime.

''Jaalattoota saala wal fakkaataa tahuu isaatti ''baay'een ofitti qaana'a'' jedhe.

Maatii isaatti kan hime erga umuriin isaa waggaa 21 gaheeti. Hiriyyoota isaatti ammoo erga umuriin isaa waggaa 25 gahee dubbate.

Kana dhoksee jiraachuun gama xiinsammuu fi hojii isaa guutuu irratti dhiibbaa gochuu kan hime murteessaan kun garuu kufaatii isa mudateef sababni kana qofa miti jedhe.

''Waa'ee koorniyaakoo dhoksee jiraadhe. Miira natti dhagahamu dhoksadheen jiraadhe. Akka murteessaatti jabaan ture. Akka namummaatti garuu gaarii hin turre'' jedhe.

Yeroo taphoota adda addaa taphachiisaa ture doorsifni isarra gahaa fi lubbuu isaaf sodaachaa turuu hime. Isa qofa osoo hin taane haadha isaa irraas doorsifni gahaa tureera.