Arsenaal akkuma Evraan jedhe ammas waancaaf bara dhufu eegaa?

Nootiingihaam Foorest Arsenaaliin ammas waancaa irraa fageesseera. Arsenaal qixa xumuruu isaa fi Liiverpuul Niwkaastiliin mo'achuun isaa abdii Arsenaal waancaaf qabu dimimmisaa'ee ture jalaa dukkaneesseera.

Taphoota kudhan qofatu Liiverpuul hafe. Isaan keessaa jaha Aanfiilidtti taphata.

Arsenaal dirree isaa irratti West Haamiin mo'amee, dirreen ala ammoo Nootingihaam Fooresti waliin qixa bahe.

Taphoonni Piriimer Liigii xumuramuutti yeroo dhiyaatanii fi qabxiin kileboota waancaaf dorgomanii walitti dhiyaatutti yaalii gaggeessuun injifannoof nama hin gahu.

Arteettaan taphataa sarara duraa jabaa jedhamu hin qabu. Ammoo warruma qabu keessaa kan akka Nikeetaa fa'aa Kiristaal Paalaasitti gurgure.

Bukaayoo Saakaa fi Haaverti miidhamnaan Miikel Meerinoo fuulduratti butee taphachiisuu jalqabe.

Tapha Leester Siitii irratti milkaa'us ergasii garuu yaalii fashalaa'edha jechuun danda'ama.

Nootingihaam Foorest yeroo baay'ee ittisa shaniin taphatu ture. Kaleessa garuu ittisa irra taphataa afur taphachiisan.

Maaliifi? jedhamuun kan gaafataman leenjisaan Nootiingihaam Foorest, Nuunoo Ispiriitoo Saantos, ''silaa Arsenaal taphataa sarara duraa jabaa hin qabu jenneeti'' kan taphattoota afuriin taphanne jedhan.

Arteettaan ''waan dhabne nan beeka. Duula dura irraa taphataa galchii lakkoofsisu dhabne'' jedhe. Tarii ama gaabbee laata?

Liiverpuul galchii Soobooslaayii fi Maak Alisteriin yoo Niwkaastil injifatu leenjisaan isaanii Arnee Isloot fageenyairraa daawwachaa turan.

Isloot walitti bu'insa Everteen waliin mudate hordofee taphoota lamaa fi paawondii 70,000 akka kaffalan adabaman.

Deeggartoonni Liiverpuul ''barana waancaan kan keenya'' jechuun taphattoota isaanii faarsaa turan.

Liiverpuul qabxii 13'n Arsenaaliin caala. Arsenaal ammoo tapha haftee tokko qaba.

Bitootessa 16 ammoo waancaa Karabayoo Kaappiif Liiverpuulii fi Niwkaastil Weembilee irratti wal falmatu.

Liiverpuul Mohaammad Saalaa irratti hedduu hirkateera. Bara kana qofa galchii walitti qabate 67 keessaa 30 ol galchii Mo Saalaan lakkoofsiseen argatan.

Saalaan galchii 25 lakkoofsisee 17 galchiif mijeessee kenneera.

Liiverpuul taphattoota sarara gidduu akka Soobaaslaayii fi Giraaveergi irraa tajaajila addaa argataa jira.

Sooboslaayi tapha Maanchister Siitii waliin taasisan irratti gahumsa guddaa agarsiisee ture.

Dhuma irratti dadhabbii guddaan irraa mul'ataa ture.

Niwkaastil irrattis gahumsi Sooboslaayi adda ture. Faallaa kanaa Arsenaal taphaootta sarara gidduu irraa galchii hedduu argataa hin jiru.

Gama biraan Maanchister Yuunaayitid halkan kaleessaa miira wal makaan dabarse.

Wal hubachuu dadhabuu Paatirik Doorguu fi Onaanaa irraa kan ka'e Ipsiich Taawon galchii jalqabaa lakkoofsisan.

Buruunoo Fernaandesh kubba fageenya irraa rukute dursaan taphattoota Ipsiich Taawon, Morsi jedhamu karra isaaniitti rukutuun ofirratti lakkoofsisan.

Maatiyaas Di Likti fi Maaguweer galchii lakkoofsisanin Maan Yuunaayitid mo'atee bahe.

Doorguun osoo boqoannaa hin bahiin dura kaardii diimaan dirreetii bahe. Maanchister Yuunaayitid hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii irraa fagaatee kufaatii keessa galeera.

Amoorim bara kana falaasama isaanii taphattoota isaanii hubachiisuun taphattoota haaraa ammoo bara dhufuuf mallatesisuun hojjetu jedhamee eegama.

Maanchister Siitiin galchii Erliingi Haalaandiin Tootenhaam mo'ateera.

Haalaandi galchii 20ffaa isaa lakkoofsise. Maan Siitiin sadarkaa 1-4 keessa galee xumuruuf tattafataa jira.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.