Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbanni Baqattootaa Addunyaa baqattoota Yamanirra gara biyyaatti galchuu jalqabe
Dhaabbanni Baqattoota Addunyaa(IOM) lammiilee Itoophiyaa fedhii isaaniin gara biyyaa galuu barbaadan Yaman magaalaa Sana'aa irraa Finfinnee galchaa jira.
Sagantaan baqattoota gara biyyaatti deebisuu kun balaliinsaa Fulbaana booda yeroo jalqabaaf adeemsifame.
Daa'immaniifi ijoollee dabalatee namoota 118 qabachuun Finfinnee kan gale yoo tahu lammiilee Itoophiyaa Yaman jiran baayyeef abdii horeera jedhameera.
Dhaabbatichi odeeffannoo marsariitii isaa irratti gadhiiseen lammiileen Itoophiyaa fedhii bu'uuraa nyaata, dahoofi tajaajila fayyaa otoo hin argatiin turanii jedha.
Akka gabaasni dhaaba kanaa jedhutti lammiileen Itoophiyaa achi jiraatan humni isaanii akka malee faayidaarra kan oolu yoo tahu, yeroo biyyattii keessa lolli jirutti immoo daddabarsitoota namootaan gidiraa argaa turani jedha.
Dhaaba kanatti itti gaafatamaa yeroo piroojektii kanaa kan tahan Maat Huubar, ''hawaasni idila addunyaa nageenya godaantota saaxilamoo eeguuf tarkaanfii hatattamaa fudhachuu qaba,'' jedhan.
Itti gaafatamaan kun dabaluunis, ''baqattoota Yaman fedhii qaban deebisuuf dhiyeessiin gahaa jiraachuu baatus balalii Wiixataaa kan jalqabaa malee kan dhumaa miti,'' jedhaniiru.
Akka IOM jedhutti Amajji hanga Sadaasaa godaantonni kuma 95 tahan Yaman galaniiru.
Lakkoofsi kun bara 2022 wajjin birqabaan yoo ilaalamu akkaan caaladha. Bara darbe lakkoofsi kuni kuma 70 ture.
Dhaabbatichi dabaluunis godaantonni Afrikaa fi Gaanfa Afrikaarraa galan deeggarsa namoomaa akka barbaadan beeksiseera.
Lola biyyattii keessa jiruun godaantonni Yaman jiran deeggarsi isaan barbaachisu qaqqabsiisuuf dhaaboti tola ooltotaa rakkachaa jiru.
Hayaatiifi ijoolleeshee lakkuu
Hayaat dubartii ganna 29 yoo taatu ijoolleeshee lakkuu waliin godaantota biyyatti deebifaman keessaati.
Hayaat waggaa lama dura ture bosonaafi gammoojjii qaxxaamurtee jireenya fooyya'aa barbaacha Yaman kan galte.
''Ji'a jaha dura deeggarsa barbaadee ijoollee koo qabadhee Sana'a gale,'' kan jettu Hayaat, ''Guyyaa sanaa qabee guyyaa maatii koo wajjin wal-arguun hawwaa ture,'' jechuun ibsiti.
Balaliin eeyyama ofiin gara biyyaatti itti deebi'an godaantota baayyeef carraa gidiraa keessaa ittiin bahan uuma.
Sagantaan kuni dhiyeessii bu'uuraa guutee haala nageenyi isaanii eegameen gara biyya isaaniitti isaan deebisa.
Godaantonni gara Itoophiyaa erga deebi'anii deeggrsi kan taasifamuufi yoo tahu, gara iddoo deemuu barbaadanitti geejiba, tajaajila wal'aansa, gorsa xiinsammuu fi maatii barbaaduun ni deeggaramu.
Sagantaan kuni addaan cituun dura godaantonni kuma ja'a caalan buufata xiyyaataa Sana'aa fi Eden irraa ka'auun Finfinnee galaniiru.