Namni dogoggoraan waggaa 38 hidhame dhumarratti bilisa jedhame

Madda suuraa, LA DISTRICT ATTORNEY'S OFFICE
Namni Ameerikaa tokko ajjeechaa raawwate jedhamuun itti murtaa'ee gara waggoota kurna afuritti dhiyaatu erga hidhamee booda, ragaan haaraan qorannoo qaccee sanyii (DNA) balleessaa nama biraatti waan akeekeef bilisaan gadhiifame.
Maurice Hastings bara 1983 Kaalifoorniyaatti ajjeechaa nama Roberta Wydermyer fi yaalii ajjeechaa biraa lama raawwateen mana hidhaa kutaa biyyattii keessatti waggoota 38 oliif dabarseera.
Garuu ragaan DNA haaraan inumaa nama biraa bara 2020 mana hidhaa keessatti du'etti yakka raawwatame akeeke.
Amma umuriin isaanii waggaa 69 kan ta'e Aab Hastings, bara 1988 murtiin itti murtaa'e Onkoloolessa 20, 2022 erga haqamee booda mana hidhaatii gadhiifameera.
Abbaan Seeraa Aanaa Los Anjalas George Gascón, murtii namichatti murtaa'e kana ''adeemsa sarbama haqaa balaafamaa fi gaddisiisaa'' jechuun ibseera.
"Sirni haqaa guutuu miti, ragaa haaraa murtii tokko irratti amantaa akka dhabnu nu taasisan yeroo barru saffisaan tarkaanfii fudhachuun dirqama keenya ture," jedhe ibsa kenneen.
Dubartiin ajjeefamte Roberta Wydermyer, bara 1983tti duuba (kiisii) konkolaataa ishee keessaa rasaasa tokkoon mataa ishee irra rukutamtee argamte.
Isa duras miidhaa saalaa irra gahee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taatee kana hordofee Aab Hastings yakkoota ajjeechaa hedduun himatamuun. abbootiin alangaa adabbii du'aa irratti gaafataniiru.
Himannaa jalqabaan kanneen murtee dabarsan erga walii galuu dhabanii booda marsaa lammaffaan yakka itti murteesse, bara 1988tti carraan dhiifama irraa mulqamee hidhaa umurii guutuu itti murtaa'e.
Yeroo qorannoon reeffaa gaggeeffamutti sanyiin dhiiraa afaaniin fudhatamuun baramee ture.
Aab Hastings yeroo qabame irraa kaasee yakka kanarraa bilisa ta'uu isaa falmachaa ture, garuu gaaffiin qorannoo DNA inni bara 2000tti dhiheesse abbaa seeraatiin fudhatame dhabe.
Dhuma irratti garuu sanyiin kormaa (isparmiin) sun kansaa akka hin taane qorannoon qaccee sanyii (DNA) mirkaneesse.
Ragaan DNA kun nama hidhatee nama butuun ukkaamsuun yakkamaa ta'etti akeeke, namni kun dubartii kana ajjeesee konkolaataa keessa dhoksee ture.
Aab Hastings dhaddacha mana murtii Onkoloolessa 20 murtii itti murtaa'e irraa haquuf gaggeeffame hordofuun gaazexeessitootaaf akka ibsite, ''waan irratti raawwatameen abdii kutatee taa'uurra jireenyasaa hafte akka dansaatti jiraachuuf yaada qaba.''
''Guyyaan kun akka dhufu waggoota dheeraaf kadhachaan ture,'' jechuun Asoosheetid Preesitti hime Aab Hastings.
"Ani quba namatti hin qabu. Ani nama hamaa ta'ee as hin dhaabbanne, garuu jireenya koo amman qabuun gammaduudhaan jiraachuun barbaada."












