Qondaalli ABO Yaasoo Kabbabaa turtii mana hidhaa fi waa'ee himatasaa maal jedhe?

Madda suuraa, KULANI JALATA
Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Yaasoo Kabbabaa hidhaa ji'a shanii booda wabiidhaan mana hidhaatii gadhiifameera.
Yaasoon erga bara 2018 as yeroo lamaaf hidhamuu fi walumaagalatti waggaa lamaa fi ji'a shan murtii seeraa malee akka hidhame hime.
Jalqaba waggaa lama hidhamee erga gadhiifamee ji'a afur booda ammas qabamee ji'a shan hidhamee ba'e.
Jalqaba wayita hidhamu shororkeessummaan kan himatame Yaasoon, 'aanga'oota mootummaa ajjeesisuuf yaaluu, odeessa waraanaaf kennuu' himataawwan jedhan irratti dhiyaachuu hime.
''An nama siyaasaa karaa nagaan socho'u malee waraana miti. Akkanumaan sodaa qabanirraa na hidhan. Waggaa lama guutuu murtee seeraa malee na hidhan. Waggaa lamatti dhaddacha 39 dhaabbadheera. Booda akkanumaan na gadhiisan.''
Yaasoon himata poolisin irratti dhiheese hin fudhatu. Murtii malee hidhamuu isaas morma.
''...waggaa lama guutuu har'a ragaa fidanna, bor ragaa fidanna osoo jedhanuu turan. Ragaan sanadaas ragaan namaas hin jiru. Dhumarratti bilisa jedhanii na gadhiisan,'' jedhe.
Namni tokko waggaa lama guutuu murtee seeraa malee yoo hidhame yeroo fi humni inni mana hidhaatti balleesse herreegamee beenyaa argachuu qaba malee bilisa deemi jechuun seera biyya kamiinuu sirrii miti jedhe Yaasoon.
''Bu'aan inni akka dhuunfaatti, akka sabaatti, akka biyyaatti buusu herreegamee yoo beenyaan kennameefi, dhugaadhaan bilisa kan jedhamu. Yoo kun hin ta'in ammoo waggaa lama hidhamee akka ba'etti ibsuu qabu.''
Namni tokko to'annoo qaama isa hidhee [mootummaa] jala waggaa lama guutuu taa'ee shakkamaadha jedhamuu hin danda'u kan jedhu Yaasoon, ''kun dhiibbaadhumaan nama adabuudha,'' jedha.
Yaasoon waggaa lama hidhamee bilisaan erga gadhiifamee ji'oota afur booda magaalaa Finfinneetti ammas deebi'ee to'atame .
Qondaalli siyaasaa kun waahila isaa waliin ta'uun maallaqa miiliyoonaan lakkaa'amu osoo garee juuntaa TPLF'f dabarsuu qabame jedhee ture mootummaan kan to'ate.
Yaasoon garuu himannaa irratti dhihaatu kana morma. Haala turees wayita ibsu, ''nama hospitaala geessee osoon achi jiruun qabame, '' jedhe.
''Jalqaba wayita na qaban tokko konkolaataadhaan nama rukutte naan jedhe. Anillee gochuman hin raawwannettin rifadhe.
''Takka turanii buufata poolisii tokkotti na geessanii baankii saamsiste naan jedhan. Booda Baankii Anbassaatti na geessan, achitti ammoo maallaqa juntaadhaaf dabarsite naan jedhan.''
Baankii Anbassaa jedhamu tajaajilaafuu fayyadamee akka hin beekne kan dubbatu Yaasoon, ''galmee herregaa baankichaa osoo hin qabaatin maallaqa akkamiinan dabarsa jedhee gaafannaan, namoota isaanii waliin waliigaltee maallaqa dabarsite jedhanii narratti cufan,'' jedhe.
Dhiheenya kana Itoophiyaa keessatti namni tokko altokkotti birrii 50,000 caalaa dabarsuu akka hin dandeenye labsameera, ''anaan ammoo birrii miiliyoona 40 dabarsite naan jedhan, kanaafis ragaa qabaachuu himan.
''Ragaa sana garuu hin dhiheessine,'' jechuun himati irratti dhiyaate 'soba' ta'uu hima.
Yaasoon wayita qabamu suuraan isaa kan waan baankii bira jiru fakkaatu, dabtara herreega baankii waliin kan kaafame miidiyaa hawaasummaarra deemaa ture.
Yaasoon waa'ee suuraa sanaa akkas jedhe: ''An kanin qabame bakka sanii miti. Bakka sana humnaan na geessan. Baankii fuuldura na teessisanii suura kaasanii maxxansan.
''Eenyu akka na kaaseyyuu hin beeku. Galmeen herreega baankii suuraa irra jiru ammoo kan Baankii Daldalaa Itoophiyaati. Kan baankii Anbassaayyuu miti.''
Boodarras dhiisanii matta'aa nyaatte jedhanii na himatan kan jedhu Yaasoon, kunis ta'uu dinnaan wabii birrii kuma 30n akkan ba'u Manni Murtii Waliigalaa Itoophiyaa murteesse jedhe.
Jalqaba komishinii Poolisiitti ji'a sadii fi torban lama hidhamuun isa booda gara mana hidhaa Galaanitti argamu [Abbaa Saamu'eel] geeffamuun ji'a tokkoo fi torban lama hidhamee kan ba'e Yaasoon, haalli qabiinsa mana hidhaa mijataa miti jedha.
''Komishinii poolisiitti namatu akka malee baay'ata. Mana hidhaa Abbaa Saamu'eelitti ammoo hanqina qulqullinaatu jira. Balfa hedduutu mooraa keessaa fi naannawa isaa jira. Bishaan hin jiru.
''Wanti nyaatan hin jiru. Manni fincaanii hunduu duudeera. Soorata fi bishaan maallaqa keenyaan dhamaanee alaa galfataa turre.''
Qondaalli siyaasaa ABO Yaasoo Kabbabaa kanaan dura kitaabota barreessuudhaan beekama, kitaaba isaa keessaa kan walitti fufiinsaan maxxanfamaa turan Miila hin shokoksine, Dibaa, Shira kan jedhan ni beekamu.
Yaasoon amma qondaala siyaasaa ta'us, ''garuu ergaa koo karaa barreeffamaa [kitaabaa] dabarfachuu hin dhiisu,'' jedha.
''Wayitan qabame kitaaba Miila hin shokoksine Jildii afraffaa [isa xumuraa] mata duree Ijibbaata jedhuun barreessee eebbisiisuuf qophiirra ture. An hidhamus kitaabichi garuu maxxanfamee gabaarra ooleera.''

















