'Qondaalli ABO Yaasoo Kabbabaa 'waggaa lama hidhamanii bilisa jedhamuun naaf hin galu' jedhe

Yaasoo

Madda suuraa, KULANI JALATA

Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo Yaasoo Kabbabaa waggoota lamaaf erga hidhaa tureen booda guyyaa dhiheenya kana mana hidhaatii bilisaan gadhiifaman.

Jijjiirama biyyattii keessatti dhufe hordofee dhaaba ABO waliin Eertiraa irraa gara biyyaa kan galan Obbo Yaasoon Kabbadaa, Onkololeessa bara 2020 ture kan hidhaman.

Waggoota lamaan kanatti manneen hidhaa sadii keessa turuu kan himu qondaalli siyaasaa kun, dhimma himannaa isaa fi namoota galmee isaa jalatti himataman irra ture akkas jechuun BBC’tti hime.

“Ani nama siyaasaatis ta’u kanin hojjedhu hojii siiviliiti. Loltuus miti. Ajajaa waraanaas miti. Himanni narratti baname himannaa shororkeessummaati.

Himatichi angaa’ota mootummaa ajjeesisita, ajaja kennitee shororkeessummaa keessatti hirmaatte kan jedhudha” jedha.

“Yeroo himanni kuni narratti banamu biyya kana keessa dhaabni shororkeessaa jedhame hin jiru. Bakka dhaabni akkasii hin jirretti namni shororkeessaa ta’e jira jechuunuu waaanuma hin yaadamne.

Garuu himanni keenya akkana fakkaata ture”.Galmee isaa jalatti namootni jaha himatamanii akka turanii fi waggaa lamaan kanatti yeroo 36 mana murtiitti dhihaachuus dubbata.

“Yeroo 36 yeroon dhadhacha irratti argamu kana ragaan narratti dhihaates hin jiru. Nama deddeebisuu, mankaraarsuudha kan ture. Nuti hidhamtoota siyaasaa waan taaneef haqa karaa seeraatiin arganna jennees yaannee hin beeknu. Raakamuudha kan ture” jedha.

Waxabajjii 23, 2021 mana hidhaa irraa kan gadhiifaman Yaasoo fi namoonni galmee isaa jalatti himataman adeemsa ittiin gadhiifamanis akkas jechuun hima.

“Waggaa lama guutuu ergan hidhamee boodee ‘Bilisa’ jedhee na gaggeesse manni murtii. Ani waggaa laman hidhame bilisa miti. Yaasoon waggaa lama hidhamee bahe jedhamuu qaba malee bilisa jechuun sirrii miti. Ani hidhameen bahe malee bilisa hin baane” jedha.

Akkaataa adeemsa seeraatiin namni hidhame tokko hanga ragaan irratti qindaa’utti ji’oota sadii hanga afurii yoo hidhamee bahedha bilisaan gadhiifame kan jedhamus jedha Yaasoon.

Namni yeroo qorannoo sana darbee hidhame beenyaan kanfalamuufii osoo qabuu waggaa lama hidhamee bilisaan baate jedhamuun waan naaf hin galledhas jedha Yaasoon.

Turtii waggoota lama mana hidhaa kanaan booda fayyummaadhaan bahu fi gadhiifamuu isaatiinis miirri addaa itti dhagahamu akka hin jirres himeera.

“Gaafan qabsoo ABO’tti seenu hidhamuun, dararamuun, miidhamuun akka jiru nan beeka. Kanaaf anii fi jaallan kiyya hidhamuudhaan dura, yeroo hidhaa fi hidhaadhaa bahu gidduu miirri addaa nutti dhagahamu hin jiru” jedha.

Obbo Yaasoo Kabbabaatiin alas qondaalonni ABO ol-aanoo fi miseensotni isaa hedduun mana hidhaa keessa akka jiran paartichi irra dedeebiin beeksisaa turunsaa ni yaadtama.

Kanumaan walqabates, dhaabbatichi filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa tibbana gaggeeffame irratti osoo hirmaatiin hafe.

Dhaabbanni Aminastii Internaashinaal dhiheenya kana dura ta'aan dhaaba ABO Obbo Daawud Ibsaas magaalaa Finfinneetti ''hidhaa mana keessaa'' irra akka jiru himuun, balleessaa yoo qabaatan ta'e mootummaa himannaa akka irratti banu ykn akka gadhiisuuf gaafachunsaa ni yaadatama.