Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UNESCOtti kan galmaa’an Paarkiin Biyyaaleessaa Baaleefi dhakaan dhaabii Geede’oo maal qabataniiru?
Dhaabbanni Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Biyyoota Gamtoomanii (UNESCO) Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baaleefi teessuma lafaa aadaa Geede’oo hambaa addunyaatti galmeesseera.
Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baaleefi teessumni lafaa aadaa Geede’oo hambaa addunya ta’uun kan galmaa’anis, kora UNESCO 45 irratti kan murtaa’e yoo ta’u, kun ammoo hambaalee addunyaa Itoophiyaan qabdu 15 taasisa.
Geede’oon gari caalaan gaarreeniifi bu’aa ba’ii, hanga tokko ammoo lafa diriiraa ta’e akka qabu itti-gaafatamaan qajeelcha Komunikeeshinii godina Geede’oo Obbo Abrahaam Makuriyaa BBC'tti himaniiru.
Lafa dhiibuun itti baayyatu kana keessatti uummatichi baroota dheeraatiif bifa nageenya biyyee eegeen qonnaa gaggeeffataa qabeenya uumamaas kunuunsaa turuu eeru.
Obbo Daani’eel Katamaa ammoo ogeessa beeksisaafi odeeffannoo aadaafi turiizimii godina Geede’ooti. Geede’oodhaaf bunni, warqeen/qooccooniifi bosonni lubbuu isaati jedhu.
Aadaa eegumsa naannoo Geede’oo waliin muuxannoo qonnaa isaanii adda ta’an, dhagaa dhaabbii Tuutu-Falaa duriifi fakkiiwwan dhagaarraa durii kanaaf filatamoo akka taasisan ragaan UNESCO ni mul’isa.
Galmeen teessuma lafaa aadaa Geede’oo teessumni lafaa Koonsoo erga hambaa addunyaa ta’ee galmaa’ee waggoota 12 boodadha.
Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee ammoo kanaan dura UNESCOtti yeroodhaaf galmaa’ee kan ture yoo ta’u, dhaabbataadhaan galmeessisuuf ammoo waggoota 16 fudhateera.
Paarkiin Biyyaalessaa Baalee maal maal qaba?
“Tokko akkaataa taa’umsa dachee sanaati. Akka Itoophiyaatti sadarkaa lammaffaarra jira [ol ka’iinsa lafaan]. Kan biraa tulluu gubbaarratti pilaatoo yookiin lafa diriiraa qaba,” jedhu Obbo Naggaan.
Lafi diriiraa kuni Saannatee jedhama. Biqiloota baddaa keessa biqilan qaba. Saanatee kanarratti bineensonni kanneen akka Jeedala Diimtuu argamu.
Akka ogeessa kanaatti lafi diriiraa kuni ol ka’iinsa 4,000m ol irratti argama.
''Kan akkasii addunyaarri yaraa [baay’ee miti], bakka hundumaatti hin argattu,’’ jechuun BBC’tti himan.
Inni lammataa bineensota bosonaafi simbirroota achi qofa argamaniitu jiru jechuun himu. ‘’Bosonni kan achi keessa jiru baay’ee kan nama haawwatudha.’’
Turistoonni Gaarreen Baalee dhaqanii daawwatan waa’ee simannaa hawaasa naannoo paarkii jiraatus ni dubbatu
''Jiruufi jireenya hawaasa sanaa arguunis waan biraadha. Nyaanni isaas, aadaan isaas adda,’’ jechuun himu Obbo Naggaan.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa guyyuu gara Roobee balalii eegaluu isaa himuun namoonni akka dhaqanii daawwatan waamicha taasisu.
Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee kan hundaa'e bara 1962tti. Bal'inni lafaa paarkichi irratti argamu ammoo hektaara kuma 200 fi kuma 15 ta'a jedhama.
Paarkichi aanaalee jaha keessatti gandoota 29 akka waldaangessu ibsama.
Ta'us, akka lakkoofsa faranjootaa bara 2009tti galmee yeroo UNESCO irratti galmaa'e.
Itoophiyaa keessatti lafti ol ka'umsaan sadarkaa lammaffaa qabu (meetira 4377) paarkii kana keessatti argama.
Bineensota akka Jeedala Diimtuu kan Itoophiyaa keessatti qofa argamtu fa'i keessatti argama. Laggeen 40 tahanis maddi isaanii Paarkii kana keessaayi.
Paarkiin Biyyaalessa Gaarren Baalee kun iddoo hawwata turizimii ijoo Oromiyaa keessatti turistoota hedduudhaan daawwaatamu keessaa tokko.
Teessumni lafaa aadaa Geede’oo maal hammateera?
Teessumni lafaa aadaa Geede’oo qabiinsa lafaa, haambaalee seenaa, dhagaawwan dhaabbii, barreeffamoota holqarratti barreeffamaniifi bosonawwan aadaatiin bulan akka keessatti argaman dubbatu Obbo Abrahaam.
Dhagaawwan dhaabbii Afrikaa keessatti argaman kuma 10 ta’an keessaa dhibba keessaa harki 60 kan ta’u ykn kuma 6 kan ta’u godina Geede’oo keessatti akka argamu ogeessi aadaafi turiizimii ni ibsu.
Dhagaawwan dhaabbii kunneen bakkeewwan gara garaa sadiitti kan argaman yoo ta’u, bakka tokko qofatti dhagaawwan dhaabbii 1, 500 ol ta’anitu argamu jedha Obbo Daani’eel.
Bakkeewwan kunneen sadanis: Hambaa Arki’ooloojii CalbaaTuutittii, Tuutufalaa, akkasumas barreeffamoota dhagaaraa kan qabateefi waggoota dheeraa kan lakkoofsise Galma Adoolaati jechuun BBCtti himu aanga’oonni godonichaa.
Dhagaawwan dhaabbii kunneen boca fuula namaafi qama saalaa dhiiraatiin kan bocamanidha.
Dhagaawwan dhaabbii kanneen jala awwaalchi namoota bara durii jiraataa turanii kan itti raawwatame yoo ta’u, bakkawwan awwaalchaa kanattis meeshaaleen itti gargaaraman qotamuun argamaniiru.
Aanaa Yirgaa Caffeetti, hambaa Arkioloojii Calbaa Tuuttitiiiti qofa dhagaawwan bifa qama saalaadhiiraatiin bocaman 1,506 dhaabbatanii argamu. Hambaa Tuutuufalaatti ammoo dhagaawwan dhaabbii 525tu argama.
Aadaan Geede’oo bosona kunuunsuu waggoota 5,000 dura jalqabuusaa ogeessi aadaafi turiizimii ni dubbatu.
Wantota akka teessumni lafaa Geede’oo kun UNSECOtti galmaa’uuf gargaaran keessaa tokko kana ta’uu isaa ogeessi kun eeruun, bosonni eegumsi taasifamuuf akkumajirutti ta’eeqonnaanis ni qatama.
Sirna bulchiinsa aadaa Geede’oorraa kan ka’een hawaasichi biqiltuu “akka dhalaatti” aadaa ilaaluu akka gabbifateeru aanga’oonni lamaan BBCf ibsaniiru.
Sirna Gadaa Baallee jedhamu godinni Geede’oo ittiin bulu, waggaa waggaadhaan ayyaana waggaa haaraa Daraaroo irratti Abbootiin Gadaa uummata Geede’oo maraan waa’ee kunuunsa naannoofi bosonaa ilaalchisuun ergaa dabarsu.