Ruwaandaan waldoota Kiristaanaa 4,000 cufte

Ruwaandaan waldoota Kiristaanaa danbii fayyaafi nageenyaa biyyattii hin guutan jettu 4,000 cufuu beeksifte.

Waldoonni Kiristaanaa ji’a darbe cufaman kunneen meeshaalee sagaleen akka nama hin jeeqne ittisan tolfachuu diduu dabalatee danbiiwwan kaa’aman cabsanii argaman jetteetti.

Baayyinaan kanneen cufaman waldoota Kiristaanaa warra Pirotestaantii yoo ta’an, masgiidonni muraasni qarqara lagaarra jiranis dhaabbilee amantaa cufaman keessatti argamu.

“Tarkaanfiin akkasii kun kan fudhatameef hawaasichi akka kadhannaa hin taasifne dhorkuudhaaf osoo hin taane, nageenyaafi fayyaa hordoftoota amantaalee mirkaneessuufidha,” jechuun bulchaan naannoo sanaa Zaan Kilaawud Musaabiyimmaa miidiyaa mootummaatti dubbatan.

Waldoonni Kiristaanaa cufaman tokko tokko dunkaana warraa dhaabbatan, akkasumas hanqina qulqullinaa kan qaban yoo ta’an, kun ammoo hordoftoota amantichaallee balaaf kan saaxiledha jedhan bulchaan kun.

Ruwaandaa keessatti seerri bakkawwan waaqeffannaa to’atu wagga shan dura erga bahee booda tarkaanfiin kun cimina isaatiin isa guddaadha.

Bakkeewwan waaqeffannaa bakka mijataafi amansiisaa ta’etti akka hojjetaman, akkasumas sagalee ummata jeequ ni dhorka.

Dabalataan seerri kun warri lallaban osoo waldaa Kiristaanaa hin banatiin dura barnoota amantaa ilaalchisuun leenjii akka fudhachuu qaban dirqisiisa.

Baruma seerri kun biyyattii keessatti tumame 2018 waldoonni Kiristaanaa 70 ta'an cufamanii ture.

Pirezidantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen yeroo sanatti biyyattiif bakkeewwan waaqeffannaan baayyeen ishee hin barbaachisan jedhanii ture.

Bakkeewwan waaqeffannaa lakkoofsaan hanga kanaa guddatu kan barbaachisan tajaajila barbaachisu itti fufsiisuu warra danda'an biyyoota dinagdeen isaanii guddateefidha jedhan Kagaameen.

Biyyattiin filannoo dhiyeenya kana gaggeessiteen sagalee harka dhibba keessaa 99 argachuun marsaa afraffaatiif biyyattii bulchuudhaaf kan mo'atan PoolKaagaameen, warra isa qeeqan ukkaamsuudhaan, akkasumas hawaasicharratti hordoffii cimaa taasisuun himatamu.

Tarkaanfii biyyattiin bakkeewwan waaqeffannaarratti fudhachaa jirtu bulchiinsawwan magaalotaatti Boordii Bulchiinsa Ruwaandaa (RGB) waliin tumsuun hojiirra oolfamaa jira.

Waldoonni Kiristaanaa kunneen danboota kana hojiirra oolchuudhaaf waggaata shanan darban yeroo isaanii akka kenname kn himan aanga'oonni, murteen cimaa ammaa kun sirriidha jedhaniiru.