Muslimoonni Ruwaandaa maaliif azaana barii akka hin dhageenye dhorkaman?

Musiliimonni Ruwaandaa ji’a qulqulluu Ramadanaa soomaa jiran barii barraaqa sagalee azaanaa ykn waamicha kadhannaa ganamaa hin dhaga’an, fuuldurattis tarii dhaga’uuf hin jiran ta’a.

Maaliif?

Sababni isaa ammoo ji’a darbe qondaaltonni biyyattii sagalee guddistuutti gargaaramuun waamicha kadhannaa ganamaa akka hin dhageessifne dhorkaniiru.

Qondaaltoonni biyyattii akka jedhanitti, sagalee guddistuu masjidaatti gargaaramanii waamicha kadhannaa gochuun seera faalama sagalee ganamaa deessibalii 55 olitti baasuu dhorkuufi galgala naannoo manneen jireenyatti sagalee deessibaalii 45 ol akka hin dhageessifne bahe cabsa.

Dubartiin ganna 55 Zeeyinaa Mukamabanoo jedhamaniifi magaalaa guddoo biyyattii Kigaalii jiraatan "murtoon kun mirga amantii keenya hordofuu cabsa," jedhan.

Dubartiin kun, jireenya koo keessatti azana ykn waamicha kadhannaa afaan Arabaatiin "Adahan" jedhamu ji’a Ramadaanaa barii otoo hin dhaga’iin hafuun kun kan jalqabaati jedhan.

Sagalee guddistuu gamoowwan masjiidaa irratti hidhuun bara 1930 keessa Eeshiyaatti kana jalqabe yoo ta’u, boodarra addunyaarratti babal’ate.

Guyyaatti waamicha kadhannaa ykn azaana shanitu taasifama, kunis amantoonni guyyaatti amanamummaan si’a shan kadhannaa kana akka raawwataniif kan yaadachiisudha.

Qondaaltoonni Ruwaandaa jiraattoonni waamicha kadhannaa gara barii jalaa naannoo sa’aatii 10:30 fi 10:49ti taasifamuufi daqiiqaa lamaa hanga sadii tururratti komii dhiyeessuu himaniiru.

Gammadaa hin jirru…yeroo Ramadaanaatti azaanni yeroo soomaa jalqabnu nutti hima, Muslimoonni Ruwaandaa hundi sa’aatii allaarmii agarsiiftu hin qaban,’’ jedhe jiraatan biraa Nuhuu Bihibindii jedhamu.

Aadde Mukamabanoon akka himanitti, mootummaan masjiidotatti sagalee xiqqeessaa jedhee itti hime, akkuma mana dhugaatiitti sagalee muuziqaa keessan xiqqeessa jedhanii himanitti," jedhan.

‘’Azaanni ykn Adahan aadaa keenya, amantaa keenya, azaana dhorkuun Muslimoota mufachiisa, keessattuu yeroo Ramadaanaatti azaana dhabuun ammoo nama dhukkubsa,’’ jedhan.

Jiraataan magaalaa Kigaalii kan biraa Isaa Kariim Mubagoo jedhamu namoota biroo waliin ta’uun mootummaa biyyattii mana murtiitti himachuuf akka jiran dubbate.

Ruwaandaatti muftii ykn ammoo hayyuu amantii Islaamaa kan ta’an Sheek Suulimaan Mibarushimanaa akka jedhanitti, hoggantoonni Muslimootaa dhimmicharratti mootummaa waliin mariyannee, murtee kanarratti walii galle jedhan.

‘’Musliimoonni mirgi amantii keenyaa sarbameera jedhu…. qondaaltonni garuu waamichi kadhannaa barii jalaa dhorkamuun dhimma waloo keenyaatiifi jedhu,’’ jechuun dubbatan Sheek Suulimaan Mibarushimanaan.

‘’Nuti irratti walii gallee bira haa tarru jenne, sababiin isaa ammoo amantiin keenyas murtoo anga’ootaa kabajaa jedha,’’ jedhan.