Tigraayitti dhukkuboonni daddarboo sadii yaaddoo hamaa uuman

Dubartii mana yaalaa teessu

Madda suuraa, Getty Images

Naannoo Tigraayitti dhukkuboonni daddarboon antiraaksi (abbaa sangaa), dhukkuba saree maraatuu fi busaan yaaddoo hamaa uumaa jiraachuu Biiroon Fayyaa naannichaa hime.

Keessattuu dhukkubni antiraaks ykn akka naannichaatti ‘magaram’ jedhamuun beekamu dhukkuboota naannichatti oggeessoota fayyaa biratti barame keessaa tokko.

Bara 2022 kana keessa ammoo godina Jidduugala Aanaa Naa’ideer Adeetiitti namoonni 10 dhukkuba antiraaksii jedhamu kanaan qabamuun gabaafameera.

San boodas aanaalee gabaasa gara Biiroo Fayyaatti ergu danda’an keessatti namoonni hedduun dhukkubichaan qabamaniiru.

"Waxabajjii 10, 2022 buufataalee Aanaa Taahitaayi Qaraaroo keessatti argaman Adii-Gashiitiin, Adii-Haabasaayiin akkasumas godinaalee Kaaba Lixaa fi Bahaa keessatti namoonnii du’uufi beeladoonni qabamu ragaan jira" jedha Biiroon Fayyaa Naannoo tigraay.

Haala kana hordofuun ammoo gareen Dhaabbata Qonnaa Addunyaa (FAO), Biiroo Misooma Qonnaa Baadiyyaa fi Biiroo Fayyaa naannichaa irraa babbahe tokko Waxabajjii 22, 2022 haalicha qorachuun hojii ittisaa akka hojjetuuf ergameera jedhan.

Gareen kuni namoota 120 kanneen beeladoota waliin tutuqaa qabaniifi foon nyaatan keessaa 34 kan ta’an dhukkubaan akka qabamaniifi lama ammoo lubbuun isaanii akka darbe mirkanneesseera.

Akkasumas beeladoota shakkaman 30 keessaa 23 du’unis himameera.

Haata’u malee sababii hanqina malawwan qunnamtii naannicha keessa jiruutiin, Bulchinsi Yaaddoo Fayyaa Ummataa (Public health Emergency Management (PHEM)) garichaa dhaabbilee fayyaa aanaalee hundarraa odeeffannoo argachu hin dandeenye jedhame.

Dhuma baatii Bitooteessa 2022 irraa kaasee godinaalee Jidduugala, Kaaba-Lixa, Kibba Bahaafi Lixaa keessatti waliigalatti namoonni dhibee kanaan shakkaman 116 yoo ta’an, namoonni torba ammo sababiidhuma kanaan lubbuu dhabu gabaasni biiroo fayyaa naannichaa irraa argame ni mul’isa.

Rakkoolee dhibee abbaa sangaa kana to’achuuf mudatan keessaa:

  • Beeladoota dhibee abbaa sangaatiin qabaman qaluufi foon namootaaf raabsuu
  • Qorichi dhibee kana wal'aanuuf namaafis ta’e beeladootaaf ooluu homtu naannicha keessaa dhibuu
  • Sababii hir’ina boba’aa naannicha keessatti mudateen wal qabatee dhukkubsatoota konkolaataan gara mana yaalaa geessuun waan hin danda’amne

Dhukkuba saree maraatuu

Waraanni naannicha keessatti eegaluudhaan dura to’annoofi ittisni dhukkuba saree maraatuu sadarkaa hawaasaa, garee buufataalee fayyaa sadarkaa tokkooffaa fi hospitaaloota Tigraay hunda keessatti kennama ture.

Yerichatti dhaabbilee fayyaa hedduun kanneen dhibichaan shakkamanii fi du’an gabaasa ni dhiyeessu turan.

Waa’ee talaallii sarotaa, sareewwan abbaa hin qabnee fi namoota dhibichaan qabamaniif waldhaansa taasifamuu hojiiwwan hubannoo uumuu cimaatu taasifamaa ture.

Hanga bara 2030 tti du’aatii sababa dhibee saree maraatutiin mudatuu guutummaatti hambisuuf hojjachaa akka ture Biiron Fayyaa Naannoo Tigraay ni ibsa.

Haa ta’u garuu sababa waraana fi naannichi marfamee jiruuf sababa dhibee saree maraatutiin duuti jiraachuu akkasumas kan adda hin bahin gabaasni gabaasni isa qaqqabaa akka jiru biirichi ni ibsa.

Dhibee busaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tigraayitti naannoon dhibbeentaa 75 ta’uufi uummanni dhibbeentaa 75 dhibee daranyoo sombaa (TB) dhaaf kan saaxime ta’uu isaa ragaan Biiroon Fayyaa naannichaa BBC’f kenne ni agarsiisa.

Tatamsa’inni busaa yeroo fi bakka irratti hundaa’un garaagara. Tigray keessatti baay’inaan kan mul’atu ji’oota Fulbaana hanga Sadaasa fi Eblaa hanga Caamsattiidha.

Naannichatti weerarri yeroo dhumaatif kan mudate bars 2017 aanaa Ahifarom jedhamutti.

Sana booda tarsiimon ittisaa fi to’annoon dhibee busaa cimaan waan taasifameef mudatee hin turre.

Dhibeen busaa sababoota haala fayyaa Naannoo Tigraay rakkoo keessa buusaniidha.

Namoonni dhukkubsatan seeran waldhaansa argachuu fi hordoffii taasisuun tatamsa’ina dhibichaas ta’ee du’aatii hir’isuuf gahee olaanaa qaba.

Haa ta’u malee, sababa waraanatiin tajaajilli waldhaansaa gahaan dhabamuu, dhiyeessiin waldhaansa fayyaa fi hordoffiin jiraachuu dhabuu irraa kan ka’e dhibichi babal’achuu fi namoonni du’aa jirachuu Biiroon Fayyaa naannichaa BBC tti himeera.

Lubbuu baraaru fi weerara kana ittisuuf waa’ee tatamsa’ina dhibichaa beekuu fi odeeffanoo nama dhibichaan qabamee argachuun murteessadha. Haa ta’u malee, tajaajilli karaa miidiyaa Tigraayi kennamu addaan cituu fi odeeffannoowwan jiran guutu ta’uu dhabuu irraa kan ka’e waa’ee tatamsa’ina dhibichaa odeefannoo quubsaa argachuun baay’ee rakkisaadha.

Dhibeen busaa Caamsaa bara 2020 kaasee bifa weeraraatin tatamsa’aa akka jiru Biiroon Fayyaa Naannoo Tigraay beeksiseera.

Ogeeyyin waa’ee dhibichaa qoratan naannichatti bakkeewwan garaa garaatti akka ergaman kan ibsu biirichi “garee kanaaf geejjiba, boba’aa fi kaffaltii isaanii kan danda’e biiroo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Maqaleetti argamuudha jedhe.

Garuu hanqina boba’aa fi yerootiin sababa dhibichaa adda baasuu hin dandeenye” jedha.

Hanga Adoolessa 23, 2022tti aanaalee Tigraay 10 keessatti tatamsa’inni dhibee busaa mul’ateera.

Bakkeewwan kanatti qorichi itti dhibee busaa biifamuu fi diyeessiwwan waldaansa fayyaa biro dhabamuun haalli isaa akka hammaatu taasiseera.