Ragaa viidiyoo ajjeechaa jumlaa Oromoo Walloo dagatame mul'isu

Ibsa waa'ee viidiyoo, Ajjeechaa jumlaa Oromoota Walloo dagatameef eerguu barbaacha

Waraanaa Sadaasa 4, 2020 Tigraay keessatti eegaleen wal qabatee sarbamiiwwan mirgoota namoommaa fi yakkiiwwan qaama lamaaniinu raawwatamuutu himama.

Isaan keessayis tokko ajjeechaa jumlaa Oromoota Walloo irratti raawwatameedha.

Kunis bara darbe wayita loltoonni Tigraay gara Finfinneetti qajeelanii booda ammoo booddeetti deebii'aniitti, humnootiin mootummaa magaaloota hidhattoonni keessa turan keessatti mana manarra deemuun sakkatta'insa taasisuun namoota hidhaa turuun himame.

Haala akkasiin ture egaa Oromoonni Walloo kunneenis humnoota nageenyaa mootummaatiin erga manasaanii qabamuun fudhatamanii booda guyyaa maraasaan booda jumlaan rasaasni itti robsamee kan ajjeeffaman.

Viidiyoo yeroo muraasaan booda miidiyaa hawaasaaratti gadhiifame ka'umsa godhachuun qorannoo BBCn gaggeesse kana dowwadhaa.