Dorgomaan guyyaa filannoo ajjeefame bulchaa ta’uun filatame

Ekuwaador, keessatti sagalee kennuu eegaluun sa’aatii muraasa dura kadhimamaan ajjeefame, bulchaa magaalaa Puwertoo Looppez ta’ee filatame.

Omaar Menendeez, umurii ganna 41, Sanbata irratti kutaa hojjettoota duula filannoo isaa waliin utuu jiruu, hidhattoota cabsanii ol seenaniin rasaasaan rukutamee ajjeefame.

Haleellaa Kanaan dargaggeessi tokkos ajjeefameera. Poolisiin sababa haleellaa kana duuba jiru ammayyuu qorachaa jira.

Miseensi paartii Menendeez bulchaa magaalichaa ta’uun bakka isaa ni bu’a jedhamee eegama.

Filannoon bulchiinsotaa kun kan gaggeeffame yeroo lakkoofsi yakka biyyatti gartulee qoricha sammu hadoochuu raabsaniin wal qabatan dabalaa dhufettidha.

Qophii filannoo kanaa irratti kadhimamaan ajjeefame Menandeez gofa miti.

Torban lama dura, kadhimamaan filannoo bulchaa magaalaa Salinos, Huuliyo Sisaar Farachiyoon, rasaasaan rukutamee ajjeefameera.

Poolisiin ajjechaa Farachiyoo, umurii ganna 45, waliin wal qabatee, shakkamaa Kanaan dura isa doorsisaa ture to’annoo jala oolcheera.

Shakkamaan kun yakka qoricha sammu adoochu daddabarsuun himatamee to’annoo jala erga olfamee booda dhiyeenya mana hidhaatii gadhiifamuu isaa miidiyaan biyyatti gabaaseera.

Ajjeechaa Omaar Menan wal qabatee, hidhattoonni haleellaa kana gaggeessan erga doqdoqqeen miliqanii booda hanga ammatti namni to’annoo jala oolfame hin jiru.

Pirezdaantiin biyyatti Juleermoo Laasso ajjeechaa kunneen balaaleffataniiru.

Yakka ajjeechaa Ekuwaador keessatti dabalaa jiru wajjiin kan falmaa jiru pirezdaantichi, filannoo Dilbataa dura wixinee jijjirraa heeraa adda addaa uummataaf dhiyeesseera.

Jijjiiraan yaadame tokko, lammileen biyyatti yakka gartuun wal qabatee himataman gara biyya itti himatamaniitti dhaddachaaf akka ergaman kan taasisudha.

Sababa lakkoofsa yakka biyyattiitti dhiyeenya dabalaa dhufeen, manneen hidhaa Ekuwaador hedduun, hidhamtoota dandeetti isaanii qabatanii jiru.

Angaa’oti tokko tokko shakkamtoota himataman gara manneen hidhaa Ameerikaatti erguun, sirna haqaa biyyattiif filannoo naga-qabeessaa fi maallaqa hedduu hin baasisne ta’uu danda’a yaada jedhu dhiyeessaniiru.

Kolombiyaan bara 1997 keessa heera ishee sirreessuun, mala kana fayyadamuun yakkamtoota ciccimoo hedduu gara US’tti ergiteetti.

Anga’oonni Kolombiyaa akka jedhanitti, yakkamtoonni hidhaaf gara US’tti kan ergamuu hin feeneef, US keessatti hojjetootaa fi hoggantoota manneen hidhaa waliin hidhata waan hin qabnee fi dhibbaa irratti uumuu waan hin dandeenyeefidha.

Ta’us garuu wixineen jijjiirama kana heera Ekuwaadoor keessatti uumuu, sagalee diddaa %51’n kuffifameera.

Pirezdaant Laassoo, “yeroo uummati dubbatu, xiinxaluu, hubachuu fi simachuun diqama keenyadha” jechuun bu’aa wixinee kanaa simachuu isaanii ibsaniiru.