Miseensi finciltootaa Kolombiyaa Pirezidaantii ta’uun filatame

Gustaavoo Peetroo, kantiibaa magaala Bogotaafi loltuu finciltootaa kan ture pirezidaantii Kolombiyaa ta’uun filatame.

Peetroon filannoo Dilbata darbe gaggeeffameen morkataa isaa Rodoolfoo Hernaandeez mo’uudhan pirezidaantii Koloombiyaa ta’e.

Filannoo kanaan garaa garummaa sagalee 700,000 tin caaludhaan morkataa isaa Rodoolfoo Hernaandeez injifate.

Bu’aan filannoo kun biyyattiidhaf jijjiirama guddaa fida jedhamee eegama, sababni isaas Koloombiyaan waggoota hedduuf ilaalcha siyaasaa giddu galeessa fi eenyummaatti warra cichan (conservatives) dhaan bulaa turte.

Filannichi kan gaggeeffame akkaataa biyyattiin ittiin bulaa turte irratti yeroo garaa garummaan yaadaa heddu ka’ee falmii kaasaa turetti. Akkasumas bara darbe mormii uummataa mootumma irratti ka’een namoonni heddu ajjeefamanii turan.

Gustaavii Peetroon mo’achuu isaanii booda, “mo’ichi kan Waaqayyoo fi kan uummataati” jechuun dubbate.

"Kana booda gaddii kana dura ture gammachuu har’a guutuu biyyaatti ta’een haa irraanfatamun jedha” jechuun Petroon fuula tiwiitara isaa irratti katabe.

Isa wajjin ta’uun filannoo irratti kan hirmaatte Firaansiyaa Maarkuweez ammoo itti aantuu pirezidaantii taati jedhamee eegama. Firaansiyaan dubartii gurraattii yeroo jalqabaaf Kolombiyaa keessatti itti aantuu piresidaantii taatudha.

Firaansiyaan kana dura hojjattuu mana namaa turte. Achii haadha ijoollee taate, booda ammoo siyaasa keessa seenun filannoo irratti hirmaachuu dandeesse.

Hernaandeez gama isaatin, "Bu’aa filannoo kana nan fudhadha. Gustaavoo Petroon akkamitti akka biyya gaggeessan ni beeka jedheen yaada, ilaalcha farra malaammaltummaas akka qabaatu nan amana” jechuun dubbate.

Pirezidaantiin Kolooombiyaa Ivaan Duuken akka irra deebin hin filatame seera biyyaatin dhorkamus, Gustaavodhaan baga gammadde jechuu akka barbaadu ibseera.

Gustaavon baroota 1980’ oota keessa miseensa finciltoota M-19 jedhamanii ture. Booda ammoo meeshaa waraanaa seeran hin eeyyamamne qaba jedhamuun mana hidhaa ture. Achii bahee siyaasa keessa galuun miseensa mana mare biyyattii fi kantiiba magaala Bogotaa ta’uun tajaajilaa ture.

Gustaavon yeroo duula na filadhaa gaggeessa turetti mirga wal-qixxummaa akka eegu, barnoota yuunivarsiitii bilisaan akka laatamuu fi kaffaltii sooramaa irratti sirreeffaman taasisa jechuun qalbii namootaa hawwate.

Akkasumas walii galtee mootummaan bara 2016 garee finciltoota FARC wajjin taasifame hojiirra oolchuun diinummaa waggaa 50 akka hambisuu fi garee hidhattoota ENL jedhaman wajjinis lola dhaabee karaa nagaa dubbii fixachuuf akka hojjatu waadaa seenee ture.