Paarlaamaan Itoophiyaa rakkoo of danda'e qaba - Dr Diimaa Noggoo

Dr Diimaa Noggoo nama siyaasaa buleessadha. Waggoota shantama dura namoota siyaasaa muraasa Adda Bilisummaa Oromoo hundeessaan keessaa tokko.
Dura Taa'aa jalqabaa dhaabichaatis. Qabsoo barattootaa, qabsoo hidhannoo, siyaasa paartii, itti gaafatamaafi kaan hedduu keessa darbaniiru.
Erga bulchiinsi MM Abiy Ahimad aangotti dhufee boodammoo namoota siyaasaa biyyatti deebi’an keessaa tokkodha.
Filannoo biyyaalessaa jahaffaan dhuunfaan dorgomanii paarlaamaa seenaniiru. Walitti qabaa Koree Dhaabbii Hariiroo Alaafi Nageenyaa ta’unis tajaajilaa jiru.
Waa’ee paarlaamaa, nageenya Itoophiyaa, siyaasa Oromoo, dhibdee mootummaafi WBO, rakkina paartilee siyaasaa, qabsoo hidhannoofi kaan irratti BBC waliin addatti turtii taasisaniiru.
Turtii waliin taasisne akkaataa gaaffiifi deebiin isinii dhiheessine. Dhihaadhaa!
-------------------------------------------------------------------------------------------------
Siyaasa Oromoo
BBC: Nageenya buusuun [Naannoo Oromiyaatti] maaliif dadhabame? Akka nama siyaasaa tokkotti maaltu hanqate?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr Diimaa: Waldhabbiin gama lama yoo jiraate, nageenya buusuf fedhii gama lamaanuu barbaada jechuudha. Gama lamaanuu fedhin jiraannaan nagaa bu’uudhaaf inuma danda’ama.
Hanga ammaa quubsaatti nagaan bu’uun kan hanqateef tarii gama lamaanuurraa yookiin gama tokkoorraa fedhiin guutuun jiraachuu dhaburraayi natti fakkaata.
Yeroo lamaa sadii yaaliin godhameera. Yaaliin suni garuu bakka eeggamu gahuu hin dandeenye.
BBC: Wanti ijoo mootummaafi hidhattoota WBO wal isaan dhabsiise maali? Isin ABO’s hundeessitaniittu, gaggeessitanittusi. Maali inni ijoon suni?
Dr Diimaa: Gara waggaa 25 ni caala erga ABO keessaa baafame. Haala amma jiru hin beeku. Gaafa nuti beeknu ABO’n kaayyoo qaba, akeeka qaba.
Akeeka sana bakkaan ga'achuudhaaf karaa siyaasaatiin carraaqee waan dadhabeef lolatti seene. … carraan akeeka siyaasaa bifa nagaatiin bakkaan gahu bakka jirutti sanatu irra filatama.
Lolli filmaata duraa hin ta’u jechuudha. Humni mootummaas, humni mootummaa dura dhaabbatus, keessatti humni mootummaa dura dhaabbatu akeeka isaa kana bifa biraatin bakkaan ga’achuu hin danda’uu?
Maaltu isa hanqise? Maaliif sana hin yaalle kan jedhu numa qabna warri fagoorraa ilaallu, keessasaa hin beeknu.
Waan haasa’anii irra waldhabanis kana jechuu hin dandeenyu waan keessasaa hin beeknef.
Bifa nagaatin ummata keessa taa'anii ummata sochoosanii akeeka ofii bakkaan ga’achuu fiixa baasifachuu wanti dadhabsiisu jira natti hin fakkaatu.
BBC: Faallaatin immoo paartileen siyaasaa karaa nagaan qabsaa’ani balballi cufame, dirreen dimokiraasii akka durii miti jechuun komatu.
Dr Diimaa: Paartilee siyaasaa hammamitu jira, hammamitu gahaatti socho’aa jira kan jedhu gaaffii qaba. Mana maree keessa paartileen siyaasaa dorgomanii barcuma argatan jiru.
Warri kaanis bifuma kanaan qabsoofnaan waan isaan dhorku hin jiru. Dabalachaa deemuu inuma danda’u jedheetuman yaada. Hammi kuni erga seenani kaanis tarii wanti dadhabsiisu hin jiru.
Qabsoon mootummaarraa eeyyama gaafatanii miti. Hamma seera keessatti qabsaa’anitti mirga isaaniiti. Darbee darbee isa biyya keenyatti arginu osoo hin ta’in baay’inaan yoo qabsaa’an.
Walumaagala biyya keenya keessatti partileen siyaasaa baay’ee dadhaboodha. Ummata sochoosuu, ummata ijaaruurratti qoodni isaan qaban xiqqaadha.

Madda suuraa, Oromia Police, Getty Images
Paartilee siyaasaa qofa osoo hin ta‘in gartuuleen sivilii garagaraas sochiin isaan biyya keenyatti godhan murtaa’aadha. Irra guddaa dirree siyaasaa kan dhiphise kanadha.
Mootummaan aangoorra jiru kamiyyuu mormii hin barbaadu. Mootummaa sanarraa akeeka addaa yoo qabaatan [mormitoonni] qabsaa’uudha.
Keenyammoo paartilee garii akka mormitootaatti dhihaatan gariin hamma tokko mo’anii gariin kan barcumallee dhaban kan har’a mootummaa keessaa qooda qaban jiru.
Sagantaa eenyu tarkaafachiisu, sagantaa paartii aangoorra jirutimoo kan ofii tarkaanfachiisunu gaaffii qaba jechaadha.
Kanaaf gartuuleen siyaasaa biyya keenyaa baay’een aangoo barbaadu malee akeeka siyaasaa tarkaanfachiisuuf warri qophii ta’an xinnoo ta’anii argamu.
Hangam mootummaa to'attu?
BBC: Paarlaamaa Itoophiyaa keessatti Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Hariiroo Alaafi Nageenyaati isin. Dhimma ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ministeera Nagaa hordoftu.
Kunneen immoo dhimmaa nageenyaan walqabate hojjetu. Gabaasni bahu rakkoon nageenyaa itoophiyaa keessa hammaatuu hima. Hangam akka isaan itti-gaafatama isaanii bahan hojjettaniittu?
Dr Diimaa: To’annoon akkitti deemu qaamonni kuni sagantaa baafatu. Sagantaa isaanii ilaala koreen kuni. Sagantaan isaanii dirqama kennameef wajjiin deemuufi dhiisuu isaa adda baafata.
Akkaataa karoora hojiirratti oolchan hordofa jechuudha. Egaa kanaa wajjiin walqabatee walumaagala haalli biyya keessa jiruufi kun ka’un isaa hin hafu. Sanarratti to’annoon numa jiraata.
BBC: Hangam? Gabaasuma dhihoo bahe isin yaadachiisa. Ajjeechaa raawwate keessaa 70% humnoota mootummaatu raawwate jedheera UN. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas waan wal fakkaataa kaasa.
I/gaafatamni paarlaamaa immoo kanneen hojii raawwachiisan akka isaan itti gaafatama qabaatan gochuudha. Hangam humna qaba? Hangam aangoo isaa qabdu?
Dr Diimaa: Komishiniin Mirga Namoomaa qaama itti gabaasu qaba. Gabaasaa isaa isaantu ilaala, nu miti. Parlaamaan qeequu ni danda’a, yoo dirqama isaanii hin guutin akka gaafataman gochuu ni danda’a.
Kana duukaa bu’ee tarkaanfii fudhachuun hooggana parlaamaa bira jira jechuudha. Af- yaa’iifi bakka bu’aan mootummaas jira.
Koreeleen qaamota isaan jala jiran hordofuu, waan badiifi dogongora itti fakkaatemmoo hogganaa paarlaamaatti gabaasuudha. Tarkaanfiin kara sanaan fudhatama jechuudha.
BBC: Qaamoleen kuni isiniif gabaasu. Fakkeenyaaf akka sirrattu kallattii kennitani wanti sirrate, wanti akka fakkeenyaatti kaaftan jiraa?
Dr Diimaa: Qaamonni seeraa bakkatti gabaasan qabu. Fakkeenyaaf poolisiin federaalaa qaamota itti gabaasan qabu.
Gama keenyaan bifa waliigalaatin haala biyyaa garatti deemu ..fakkeenyaaf yoo amma haala waliigalaa ilaalle waggooti lamaan wajjiin wal bira qabne haalli gaariidha, gara gaariitti deema jennee abdanna.
Bakka nagaan hin jirretti namni miidhamuun waan hin hafnedha. Namni waan kana keessaas hin qabne inuma miidhama jechuudha. Kunimmoo gaheera biyya keenya keessatti.
Nagaan waaraan bu’uu qaba, walitti bu’iinsi dhaabbachuu qaba akka namni hin miidhamne gochuudhaaf. Sanarratti qaamni hundi gaafatama qaba jennee yaadna.
Warri ummataaf dhaabbanne mirga ummataaf falmina jedhanus kana keessatti qooda qabu jechuudha. Biyya keessa nageenya buusun, nageenya ummataafi biyyaa tiksuun dhuguma irra guddaa gaafatama mootummaati.
Warri badii garagaraa hojjeteemmoo ..humna waraanaa kessaa, humna poolisii kessaayis warri hidhame, warri hojiirra ari’ame, warri adabni garagaraa itti murtaa’e jiru. Kanas inuma duukaa buuna jechuufani.
Labsii gaaffiin irratti ka'u
BBC: Labsiiwwan garagaraa gara paarlaamaa dhufu. Yerootti wanti kuni haa hafu jedhanii hanbisan hin agarru akka biyyoota kaanii. Paarlaamaan hangam alangee qaba? Paarlaamaan Itoophiyaa ilkaan qabaa?
Dr Diimaa: Parlaamaan Itoophiyaa rakkina of danda'e qaba. Akkaataa paarlaamaan itti ilaalamu mataa isaa [dabalatee]. Tokkoffaa paarlaamaan Itoophiyaa dhibba keessaa 95% ol miseensota paartii tokkooti.
Hanga kana ta’etti murtiin baay’ee paartii keessatti murtaa’a. Hoggana paartiin murta’aanii gadi itti darba. Sana hojiirra oolchuu ta’a irra guddaa miseensonni paarlaamaa, hogganni paarlaamaa, kun hundinuu.
Sanarraa kan ka’e hir’inni ni jira. Akka biyyoota biraa bakka paartileen lama sadii bakka wal dura dhaabbatan, yaada garagaraa qaban miti jechuudha.
Waggoota sadan darban seera bahan keessa ilaaluun inuma carraaqama, waan sasalphaa yoo ta’e paarlaamaatu dabarsa. Yeroodhuma dhihaate dabarsuu [raggaasuu] danda’a.
Yeroo gariimmoo koree dhaabbiitiin ilaalameetu keessa deddeebi’e, ummannis waamamee, walgahiin sadarkaa garagaraatti godhamee, warri dubbiin kuni ilaalu gaafatamaniitu seerri sun bilchaatee koreen suni paarlaamaa guututti gabaasa.
Gabaasa sanarratti hundeeffameetu murtii dabarsa jechudha paarlaamaan. Ammatti seerri kuni hin ta’u jedhamee wanti deebi’e hin jiru. Garuu wayyoominni garagaraa ittuma godhama. Kan hundeedhaan jijjiiramanu jijjiru.

Madda suuraa, Getty Images
BBC: Seera Immigireeshiniin walqabatee bahe, kan dhaabbileen mirga namoomaa gaaffii jabaa irratti kaasan ragga’eera. Wanti suni sirriitti qoratamuu hin qabu turee?
Dr Diimaa: Tokkoffaa dafee akka hojiirra oolu barbaadame natti fakkaata. Seerri suni duraan akka dhihaatetti miti kan murtaa’e. Duraan dhaabbanni immigireeshinii nama shakke akka biyyaa hin baane, akka qabee hidhu akka danda’u ture.
Amma garuu yoo kana godhellee guyyaa hojii sadii keessatti mana murtii dhiheessee manni murtii yoo murteesse qofa kan inni dhowwuus danda’u, hidhus danda’u. Kana paarlaamaatu wayyeesse.
Mirga manneen murtii achi keessatti akka dabalamu gochuurratti manni maree qooda qabaateera jechuudha. Kana caalaas wayyeessuun inuma danda’ama.
Seeronni baay’ee qaamota akkasii ilaalan amma amma dhihaatu. Qaawwa adda addaa waan qabanuuf inuma jijjiirama, achitti hin hafu.
Mariifi qabsoo hidhannoo
BBC: Amma isin dhuunfaadhaan dorgomtanii paarlaamaa seentaniittu. Ummata bakka buutan sanaaf hangam qabsooftan?
Dr Diimaa: Ani jireenya koo guutuu ummata kanan bakka bu’e qofa osoo hin taane walumaa gala ummata Oromoo, ummata Itoophiyaafis jireenya kiyya irra guddaa qabsoo godheera.
Ummata bakka bu’eef sagalee ta’uu keessattuu bu’uura misoomaa garagaraa waan irraa hir’atu akka guuttamuuf qaamota mootummaa garagaraa wajjiin bakka isaanii bu’ee iyyannoo galchuufi, gaaffiin isaanii akka guuttamu gochuu, waan kana kana fakkaaturratti hamma humna kiyyaa tattaafadheera.
BBC: Mariin Biyyaalessaa dhibdee waggootaaf ture furuuf sosso’aa jira. Paartileen jalqabumarraa rakkoo qaba jechuun morman jiranis itti fufeera. Adeemsa komishinichaa akkamiin ilaaltu?
Dr Diimaa: Komishinichi waggaa sadiif dhaabate, amma waggaa lama caalee jira. Hedduu suuta deeme jedheen yaada. Rakkina biyya keenya keessa jiru wajjiin yeroo ilaallu, dursee dirqama itti kenname sana guutuurratti socho’uutu irra ture.
Gahaatti hin sochoone. Amma garuu marii biyyaalessaa hin eegalla jedhee ajandaafi waan kana kana fakkaatu ummatarraa gaafatee sagantaa akkasiitin jira. Hir’ina qabaachuu danda’a.
Akka isaan yaadan hin taane, waan irraa eegnu hin guutu jedhanii warri jalqabumarraa didan jiru. Ammoo haala biyya keenya waliigalaa bakkuma tokko taa’anii mari’achuudhaaf carraan jiruufi filmaanni jiru kanuma natti fakkaata.
Waan hundarratti waligalteerra gahun yoo dadhabamellee akkaataa itti rakkoon kuni furamurratti daandii saaqurratti wal ta’insarra gahuu inuma danda’u natti fakkaata.
Yoo marii kanarratti waa furuun dadhabame sagalee ummataatin akka murtaa’u gochuun ni danda’ama. Kanaaf kanarratti qooda fudhachuun hundarraa eegama.
BBC: Duratti hanqina qaba jettani. Hanqinni suni maali? Lammaffaa kanneen waggootaaf qawwee qabatanii humnoota mootummaa lolaa jiran jiru.
Sababa kanaaf rakkoon nageenyaa hammaateera. Osoo isaan hin hammatiin mariin taasifamu hangam fagoo deemuu danda’a?
Dr Diimaa: Warri amma qawwee kaasanii mootummaa dura dhaabbachaa jiran warra qawwee hin kaasinirraa gaaffii addaa waan qaban yoo qabaatan gaaffiin suni dhihaachuu inuma danda’a natti fakkaata.
Komishinichaa waliin akkaataa hirmaatan mari’atanii qooda fudhachuu inuma danda’u jedheen yaada.
Qabsoo Oromoo
BBC: Waggoota muraasa dura yeroo biyyatti deebitan wanti yeroos abdattanii seentaniifi amma jiru akkamiin madaaltu?
Dr Diimaa: Waanuma biyyi abdatedha wanti yeroos ture… Jijjiiramni hoogganaa sirna tokko keessatti bifa nagaatiin wal jijjiiree aangoo walitti dabarsuu kuni baay’ee abdachiise.
Yeroo duraatiif jijjiiramni aangoo bifa nagaatin ni ta’a kan jedhutu abdatame. Abdiin suni garuu yeroo dheeraa hin turre. Yeroo gabaabaa keessatti bakkuma durii deebi’e.
Yeroo hundaa seenaa Itoophiyaa keessatti yoo ilaalle mootummaan tokko kufee haaraa yoo dhalatu kana gidduutti lubbuu baay’eetu dhabama.
Kunis baroota lama booda garuma sanatti deebi’e jechuudha. Humni duraan aangoorra ture humnaan aangotti deebi’uudhaaf tattaaffii godhe keessatti lola hin eegamnetu biyya keessatti ta’e.
BBC: Siyaasa Oromoo keessa waggaa dheeraaf turtan. Haala amma jiru akkamiin madaaltu?
Dr Diimaa: Waggoota shantama dura gaafa qabsoo Oromootti seennu haalli Oromoon gaafas keessa tureefi har’a keessa jiru garaagara.
Dhawaataan waan baay’eetu jijjiirame. Oromoon biyya isaa keessatti humnaawuu qaba jennee qabsoo seenne. Bakka waggaa shantam turrerra har’a wayyina.
Waan hafemmoo dhawaataan itti guuttachaa deema. Dhaloonni itti aanummoo kana caalaa itti fufuu danda’a jedheen abdadha.
BBC: Bilchaateeraa jechuu dandeenyaa?
Dr Diimaa: Haalli jiru gaariidha, yoomiyyuu caalaa. Ammaan booda of duuba deebi’uu hin danda’u.
BBC: Qawweedhaan wal hunkuruun wanta sana hin gufachiisuu?
Dr Diimaa: Ani akka nama tokkotti yoo na gaafatte amma qawween barbaachisaa miti.
BBC: Guddaa galatoomaa!
Dr Diimaa: Isinis galatoomaa!












