Wixineen labsii aangoo manneen murtii qooddatuufi mirga lammiilee daangessu yaaddoo uume

Torbanoota darban keessa wixineewwan labsii paarlaamaatti dhiyaataniiru. Labsiiwwan kanneen keessaa walakkaan yoo raggaasifaman kaan ammo koree dhaabbataa dhimmichi ilaallatutti qajeelfamaniiru.
Seeroota mana marichaatti dhiyaatan keessaa wixineewwan labsii sadi ijoo dubbii ta’aniiru. Labsiiwwan kunneenis qaamni seera raawwachisu ajaja mana murtii iyyataan osoo hin daangeeffamne tarkaanfii akka fudhataniif hayyamuun wal isaan fakkeessa.
Wiixinewwan labsii kunneenis, fooyya’insa labsii immigreeshinii, qabeenyaa yakkaan argame deebisuufi yakka shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu ittisuu fi to’achuu fi wixinee qabeenya deebisiisudha.
labsiiwwan kunniin akka jedhanitti qaamni raawwachisaa, dhorkaafi murteewwan kanaan dura ajaja mana murtii qofaan darbaa turan, ofiin raawwachuu danda’u.
Oggeessi seeraafi mirga namoomaa BBCn dubbise, foyya’insi seeraa fi wixineewwan kunneen ‘‘of eeggannoon ilaalanuu qabaatu’’ jechuun yaada kennan.
Oggeessi fi barsiisaan seeraa maqaansaanii akka eeramu hin barbaadne tokkos, erga Ministirri Mummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii booda, fooyya’insi ‘‘ijaarsa dhaabbilee, seeroonni mirgootaa lammiilee fi heera mootummaa akka kabajaman taasisuu’’ yaada keessa akka galan taasifamusaanii yaadatu.
Barsiisaan seeraa kuni, ‘‘adeemsa kana keessatti hojiiwwan riiformii hedduun yoo hojjataman, aangoo manneen murtii cimsuu, raawwachiisaan ammo itti gaafatamaa akka ta’u gochuuf yaaliitu ture’’ jedhan.
‘‘Amma deebiisan aangoo gara raawwachiistotaatti deebisuu fi mana murtiirraa fageessuun, jijjirama yaalamee ture sana kan booddeetti deebisudha’’ jechuun yaaddoo qaban ibsu.
Daarektarri mummeen Jidduugala Falmitoota Mirga Namoomaa Itoophiyaa, Yaareed Haayilamaariyaam, yaaddoo isaanii himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Yaareed labsiiwwan kanneen ‘‘qoodinsa aangoo qaamooleen seera raawwachiisaniifi seera hikan jidduu jiru kan balleessuufi maddaallii dhabsisuu danda’a’’ jechuun yaaddoo saanii ibsu.
Daareektarri olaanaan kun, ‘‘dhimmoota mirga namoomaa baayyee murteessoo ta’an qaama raawwachisaaf sadarkaa kanatti kennuun, qoodinsi aangoo akka madaallii dhabu taasisa. Sababiinsaas qaamni raawwachiisaan sadarkaa jalqabaarratti gaaffiilee walabummaa dandeettiin ol ka’an jiru,’’ jedhu.
‘‘Haala qaamni raawwachiisaan gutummaa guutuutti mootummaarra walaba jedhamee hin yaadamne’’ keessa ta’u kan kaasaan Obbo yaareed, ‘‘qaamni seera raawwachiisu walabummaa bira darbees seerootaafi olaantummaa seeraa haalaan kabachiisuuf qaawwa akka qabu kan qormaaatawwan irrati ibsamuudha’’ jechuun dubbatu.
Falmaa mirga namoomaa kan ta‘an Obbo Yaareed, labsiiwwan akkasii kunneenis qoodinsa aangoo madaallii dhabsiisuun alattis, ‘‘aangoo manneen murtiif kenname kan fakkaatu qaama seera raawwachiisuuf kennuun sarbama olaanaaf karra kan banuudha’’ jedhan.
Obbo Yaareed yaada kana yoo cimsaniis, biyya sirni dimokiraasii haalaa hin cimne keessatti qaamni raawwachiisaan, ‘‘kan humnatti dhiyaatedha’’ jedhu.
Qaamni raawwachisaan kun, ‘‘qaama dhimmoota hedduurratti tarkaanfii wal hin madaalle fudhatuudha’’ jedhu.
Akka ibsa Obbo Yaareeditti, qaamoleen seera tumaniifi seera raawwachiisan hordoffiin itti dhiheenyaa taasisan, ‘‘dandeettiin qaama raawwachiisaa daangaa seeraa keessaa akka hin baanee fi itti gaafatamoo akka ta’an’’ taasisa.
‘‘Akka qajeefamaatti aangoon seera raawwachiiftootaa paartii jiruu irraa walaba akka ta’u eegama,’’ kan jedhan Obbo Yaareed, ‘‘haalli Itoophiyaa keessa jiruu garuu kan sadarkaa sanarra gahe akka hin taane’’ dubbatan.
‘‘Haala sirni dimokiraasii fi siyaasni cimee hin jirreefi itti gaafatamummaan hin jiraanneetti,’’ seeroota kanneen qopheessuun, ‘‘tarkaanfiiwwan mootummaan fudhachuu barbaaduuf haguuggii seeraa akka kennuuti’’ jechuun qeequ.
Falmitoonni mirga namoomaas, ‘‘sarbamawwan mirgaa heera mootummaan faalladha jedhan’’ labsiiwwan kanneeniin ‘‘haguuggii seeraa kennuun sarbamni mirgootaa seeraan deeggarame’’ raawwachuuf kan adeemamu akka ta’e Obbo Yaareedi ni dubbatu.
Qabiyyeen wixinee labsiiwwan maaliidha?
Wixineewwan labsii sadii paarlaamaatti dhiyeessuun dursa kan qabate wixinee fooyya’insa labsii immigreeshinitti.
Wixineen labsii fooyya’insaa labsii immiireeshinii wagga 21 dura raggaasiifame fooyyeessu kunis, aangoo namni kamuu biyyaa akka hin bane dhorku Daarektara Olaanaa Tajaajila Immigireeshiniifi Lammuumaatiif kenna.
Labsiin Immigireeshinii ALI bara 1995tti bahe, ‘‘namni kamuu Itoophiyaadhaa akka hin baaneef dhorkamu kan danda’u haala seeraatti mana murtiin yoo ajajamee qofaadha’’ jechuun labsa.
Wiixineen labsii seera hojiirra jiru kana fooyyeessuu kunis, aangoo kana tajaajila immigireeshiniifi lammuumaatiif dabalataan kenna.
Labsiin fooyyeessuu kunis, ‘‘Daareektarri Olaanaan tajaajilichaa tajaajila tikaafi qaamoolee seera kabachiisan dhimmisaa isaan ilaalatu irraa odeeffannoo argatuun ykn odeeffannoo mataasaatiin argatu irraa ka’un, miidhaa olaanaa faayidaa biyyaaleessaa fi nageenya irra gahuuf haala hambiisuun hin danda’amneefi raawwatamuu irra gahee jiraachu yoo amaneette, namni kamuu biyyaa akka hin bane dhorku ni danda’a’’ jechuun kaa’e.
Wixiniichi itti dabaluunis, ‘‘Tajaajilichi nama dhorke sana to’atee kan tursiisuu yoo ta’e mana murtiitti dhiyaachuusaa mirkanneessuu qabaata’’ jedha.
Barsiisaa seeraa fi falmaan mirga namoomaa BBC dubbise, labsiiwwan wiixine kanarratti hammataman qeequ.
Barsiisaan seeraa kunis, ‘‘Ajajni namoonni biyyaa akka hin bane jedhu kana muudamaa mootummaa tokkoof kennun waan akka barbaadameeti (arbitrariness)dha’’ jedhu.
Socha’un mirga heeraa ta’u kan yaadatan oggeessi kun, ‘‘mirgi heera mootummaa kan daangeeffamu ammo, bu’uura seeraa qabaachuun manni murtii yaa ajaja kennee qofaa ta’u qabaata. Malee kan qaamni raawwachiisaan yeroo itti tole murteessu miti’’ jedhu.
Heerri mootummaa keewwanni 32, ‘‘Lammiin Itoophiyaa ykn namni karaa seeraatiin biyyattii keessa jiru kamuu, naannoo biyyattii filateetti imaluu fi bakka jireenyaa hundeeffachu, akkasumas yeroo barbaadeetti biyyaa bahuudhaaf bilisummaa qaba,’’ jechuun labsa.
Obbo Yaareed mirgi heera mootummaa kun, ‘‘yeroo dhihoo as irra deddebiin akka dhageenye, sababiiwwna garaa garaatiin seera hin jirreen qaama raawwachiisaan sababii adda addaatiin yoo diigamee lammiileen rakkooleen yoo mudatu argama’’ jedhu.
Itti dabalunis, ‘‘aangoo kanaan dura haala gahaa ta’een seerrarratti hin bu’ureeffannee garuu hojiirra oolaa ture, seera qabeessaa taasisuu ykn gara seeraatti jijjiruun sarbamaafi dhiibbaa ture bifa seeraa akka qabatu gochuudha’’ jedhu.
Labsii fooyya’insa seeraa kanneen kan qeeqanis, oggeessoonni seeraa fi mirga namoomaa qofaa miti. Pirezidantiin mana murtii sadarkaa tokkooffaa federaalaa, Obbo Fu’aad Kiiyaaris labsiicha ilaalchisee yaaddoo akka qaban Jibaata darbe Mana Maree Bakka bu’oota Ummataatti ibsaniiru.
Manni marichatti Koreen dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa wiixinicha ilaalchisee marii ummataa gaggeesse irratti, Obbo Fu’aad, ‘‘mana marichaas ta’e Koreen dhaabbataa wiixinee labsii fooyya’insaa kana cimsee ilaaluu qaba jedheen akeekkachiisa’’ yoo jedhan dhagahaman.
Mirgi socha’u mirga heeraa ta’u kan kaasan Obbo Fu’aad, mirgi kunis bilisa (exception) taasifamu akka danda’u ifaadha’’ jedhan.

Ajajniiwwan dhorkaa akka namoonni biyyaa hin baaneef kennama adda durummaan aangoo mana murtii akka ta’u sababiin itti taasifame, ‘‘namoonni mirgasaanii akka kabachiisaniif, falmiin yoo jiraates haaluma sanaan faliimsaanii akka dhiyeeffataniif’’ ta’u dubbatan Obbo Fu’aadi.
‘‘Manneen murtii bakka lammiileen qaama raawwachiisaa waliin haala madaallii eegeen itti falmii gaggeessaniidha’’ jechuun, qaamnii murteessaa lammiilee fi qaama raawwachiisaa jidduutti gahee bahu qabaachu kaasan.
‘‘Dhorkaan mana murtii qofaan haata’u’’ falmii jedhuu akka hin dhiyeessine kan dubbatan Obbo Fu’aad, ‘‘haata’u malee daarektara olaanaaf aangoon yoo kennamu, aangoo dhaabbataa kenne. Hanga yoomiitti kan dhorku? Erga dhorkeen booda mana murtiitti dhiyeessaa? Falmiin irratti gaggeeffamaa? Kan jedheu hin jiru’’ yoo jedhan dhagahaman.
Wiixinee labsii immigireeshinitiin guyyaa kudhaniin booda ammoo Kibxata ALI Waxabajjii 4, 2016, wixiineewwan labsii lama mana marichaatti dhiyeeffaman haaluma walfakkaatuun kan ajaja mana murtii malee aangii qaama raawwachiisaaf kenneedha.
Wixiineen labsii seerummaa qabeenyaa yakkaan argame deebisiisuu fi yakka shororkeessuummaa maallaqaan deeggaruu ittisuufi to’achu irratti bahee, yakkawwan labsicharratti eeraman qorachuuf ajaja mana murtiin alatti quunnamtiiwwanii fi xalayaawwan butuuf aangoo qorattootaaf kenna.
Wiixineen labsiichaa, ‘‘qaamni qorataan yoo haalli ariifachiisaan isa mudate, itti gaafatamaa dhaabbata ammaa alangaa dhimmisaa ilaalatuufi naannichatti argamu hayyamsiisuun ajaja mana murtii malee malawwan qorannootti fayyadamuun odeeffannoo walitti qabu ni dana’a’’ jechuun ibsa.
Guyyaadhuma walfakkaatutti kan mana marichaatti dhiyaate, wiixineen labsii qabeenya deebisiisuu irrattis aangoon kun qaama qoratuuf kennameera.
Kana malees, wiixinee labsii qabeenya deebisiisuu irratti qorannoon qabeenyaa saamuu hordofsiisuu fi himannaan wal qabatee, ministirri haqaa ykn itti gaafatamaan isaan bakka buusan guyyoota sadiif qabeenyaa akka dhorkaniif ajaja akka kennan hayyama.
Ajajni kan kennamu, ''qabeenyaa ministirichi ykn kan ministirichi bakka buusaniin dhorkamu haala saffiisaadhaa kan baqachiifamu ykn gochaan faayidaa diinagdeessaa dhabsiisuu jiraachuun yoo itti amaname'' ta'u wiixinicha keessatti labsameera.
ibsi wiixinee labsichaa qabeenyaan akka dhorkamuuf ajaja kennuun aangoo ministira haqaaf kan kenname, ''guyyaa sadii keessatti iyyannoon dhorkaa mana murtiif akka dhiyeessuuf yaadamee'' ta'u ibsa.
Erga ajajni dhorkaa dabarfameen booda guyyaa hojii sadi keessatti yoo dhrokaan mana murtii hin kennamneef ajajichi yeroo mataasaatti hafaa akka ta'u labsichi kaa'eera.
Labsiiwwan lamaan kunneen, ''lammiileen qabeenyaa fi matteenyaa (privacy) isaanii balaarra buusuu kan danda'an ta'usaanii'' Obbo yaareed ni dubbatu.
Hanqiinsa labsiiwwan kanneenii yoo ibsan Obbo Yaareed, ''ammas taanaan quunnamtiiwwan namoonni itti fayydaman hordofuun haala hedduun hojiirra kan oolfamaa jiru yoo ta'u, haala seeraatiin yoo bahan ammoo, aangoowwan qaamooleen nageenyaa fi raawwachiftootaan qoodamuu hin dandeenyee baayyee olanaa waan kennuuf, mirgi namoommaa lammiilee tokko (mirgi matteenyaa balaarra bu'a'' jedhan.
Oggeessi mirga namoomaa kun, ''lammiileen sababii gahee tokko maleeka'umsa shakkiitiin qofa qabeenyaansaanii jalaa dhorkamuu ykn jalaa fudhatamu danda'a'' yaaddoo jedhu kaasu.












