Itoophiyaatti wixineen seeraa toora kominikeeshinii ajaja mana-murtii malee butuu eeyyamu maali?

Wixineen kuni qaamolee yakka qorataniif mirga dabalataa kenna

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wixineen kuni qaamolee yakka qorataniif mirga dabalataa kenna

Itophiyaatti wixineen seeraa qorattoonni toora kominikeeshinii ajaja mana-murtii malee akka butan (hordofan) eeyyamu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaaf dhihaate.

Wixineen kun qabeenya yakkaan argame kan seeraa fakkeessuuf yookiin shororkeessummaa maallaqaan gargaaruu wal qabsiisuun qorattoonni kominikeeshiniifi xalayaa akka butan ni eeyyama.

Wixineen haaraa dhihaate labsii qabeenya yakkaan argame kan seeraa fakkeessuufi shororkeessummaa qarshiin tumsuu ittisuufi to’achuuf isa kana dura bahe kan shaarudha.

Wixineen seeraa paarlaamaatti dhihaate qaamni qoratu ''haalli muddamaa yoo qunname'' hoogganaa olaanaa jaarmiyaa Abbaa Alangaa dhimmichi ilaallatu eeyyamsiisuun ajaja mana murtii malee ergaawwan kominikeeshiniifi xalayaa butuu danda'a.

Akka wixinee kanaatti, yakka waliin walqabatee ergaawwan kominikeeshiniifi xalayaa walii ergaman butuun maloota qorannoo hojiirra oolanidha.

Herreega baankiirrattifi herreegota kaan hordofuu, sirnoota kompiitaraa, websaayitii, akkasumas sarvaroota adda baasuun maloota qorannoo biraati.

Kanaan ala qorannoon dhoksaa (undercover operation) maloota biroo qorachuuf oolan keessaa akka ta'an wixinee keessa eerameera.

Wiixineen seeraa kun ‘’qaamni qorannaa gaggeessu yoo haalli hatattamaa isa mudate hooggansa olaanaa abbaa alangee naannoosaa jiru eeyyamsiisuun ajaja mana murtii malee qorannoo gaggeessuun odeeffannoo walitti qabuu danda’a,’’ jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Labsiin hojiirra oolaa jiru ajaja mana murtii malee eyyama abbaa alangee qofaan maloota qorannoo jiran fayyadamuun odeeffannoo walitti qabuu qaama qorannoo gaggeessuuf hin eyyamu.

Qaamni qorannoo gaggeessu toora tajaajila quunnamtii dhiheessu butuuf gaafatu ‘’gochi butuu kun kan gaggeeffamu eeyyama mana murtii yookiin hooggansa olaanaa abbaa alangeen ta’uu akka mirkaneessuu qabu,’’ dirqamni wiixinee seeraa haaraa kanaa irra kaa’ameera.

‘’Adabbiin maallaqaa quubsaa kan hin taanee fi haalli adabbii barsiisaa kennisiisu danda’u akka hin jirre,’’ kan eere labsiin kun, balleessaawwan raawwatamaniifi adabbiiwwan murtaa’uu qaban irratti fooyya’iinsi akka taasifame ibsa.

Nama qabeenya yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessee kanaanis yakkamaa ta’ee argame irratti adabbiin maallaqaa darbaa ture birrii kuma 100 irraa gara birrii kuma 500 guddateera.

Nama yakka akkanaa raawwachuun yakkamaa ta’uunsaa mirkanaa’e irratti adabbiin hidhaa darbaa ture amma waggaa 10 hanga waggaa 15 akka ta’u murtaa’eera.

Yakka shororkeessitoota maallaqaan deeggaruu irrattis adabbiin maallaqaa fi hidhaa walfakkaataan akka darbu murtaa’eera.

Wixineen seeraa kun mana maree bakka bu’ootaatti dhihaachuun koree dhaabbii dhimmi ilaallatuun erga ilaalamee booda mana marichaaf dhihaatee hojiirra akka ooluuf raggaasifamuu qaba.