Kuus-yaadannoon marsariitiiwwan irraa maaliif fayyadu?

Madda suuraa, Getty Images
Marsariitiiwwan garaa garaa wayita bantaniitti filannoon Kuus-yaadannoo (Cookies) jedhu isin mudatee beekaa? Gaaffii ‘Kuus-yaadannoo’ barbaadduu jedhus isin hin nufisiisiin hin nolle.
Sirumaa marsariitiiwwan tokko tokkoos osoo Kuus-yaadannoo’f deebii hin kenniin akka dabartanii seentaniif hin eeyyaman. Kuus-yaadannoowwon namoota marsariitiiwwan daawwatan hordofu.
Kananis marsaritiicha irratti maal akka raawwatame, marsariitii eessatti argamu akka ilaaltan, bilbilaan kan fayyadamantan yoo ta’e bilbila attamiin akka fayyadamtan, marsariitii tokkoorraa kamiitti akka dabartaniifi odeeffannoowwan gara biraa walitti qabu.
Gaaffii ‘ofii Kuus-yaadannoo maaliif barbaachisan?’ jedhuuf deebii gaarii qaba.
Barbaachisuummaa ykn gaarummaan isaaniis, namoonni marsariitii tokko ijaaran (create godhan) kuus-yaadannootti fayyadamuun namoonni ragaa akkamii akka barbaadan hubatanii tajaajila fooyya’aa akka kennaniif dandeessisa.
Kallattiin dhiibbaa Kuus-yaadannoowwanii kunneen qabaniin ammoo, namoonni kuus-yaadannoowwan fayyadamuun odeeffannoo barbaacha marsariitiiwwan yoo daawwattan, beeksiisa fedhii isaanii irratti xiyyeeffate (targeted advertisement) qopheessuu fi dhiyeessuuf bu’aa irra oola.
Fakkeenyaaf, gabaasaalee teeknooloojii dubbisuu yoo baay'iiftan, qabiyyee teknoloojiin wal qabatan baay'inaan gara marsariitii keessan akka dhaqan ni gargaara.
Kuus-yaadannoo hin barbaadne yoo jettan ammoo, marsariitichi sochii intarneetii irratti taasiiftan galmeessuu hin danda’u.
Barbaachisummaa Kuus-yaadannoo ilaalchisee ibsa kan nuuf kenne hundeessaa Ayikoogn Laabsi fi hojii gaggeessaa kan ta’an Obbo Geetinat Asaffaa akka jedhaniitti, daataawwan Kuus-yaadannoo ‘‘odeeffannoo kan olkaa’aniidha.’’
‘‘Galmeessan barreeffamaa odeeffannoo xixiqaa qabatan’’ jechuun ibsan.
Dhaabbata hubannoo nam-tolchee (AI) akkasumas dameewwan teknoolojii kanaan wal qabatan irratti hojjatu kan hundeessan oggeessi kun akka hubachiisaniitti, Kuus-yaadannoo galmeessituu seenaa buhaartii (Search History) ta’uun tajaajilu.
Maal dubbifne? Maal hojjanne? Geessituu kam cuqaafne? Kamitu xiyyeeffannaa keenya hawwate? Kan jedhu akka ragaa tokkoo gochuun kaasa.
Haata’u malee, eegumsa odeeffannoo dhuunfaatiin wal qabatee gaaffii kaasu.

Madda suuraa, Getty Images
‘Kuus-yaadannoo’ maaliif fayyadu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kuus-yaadannootti kan fayyadaman marsariitiiwwaniidha.
Kuus-yaadannoo yeroo odeeffannoo barbaadnu qofaa osoo hin taane, geessiituu wayita cuqaafnu akkasumas marsariitii tokko irraa geessituu hordofuun gara marsariitti yoo dabarrus ‘duukaa keenya’ hordofuun odeeffannoo olkaa’u.
Obbo Geetinati Kuus-yaadannoodhaan eegdoota odeeffannoo (data keeper) jechuun ibsan.
Sagantaaleen, dhaabbileen odeeffannoo bohaarsaa fi miidiyaaleen hawaasaa odeeffannoo sana irratti hundaa’uun ‘fayyadamtootaaf odeeffannoo barbaachisaa ta’e kennu’’ jechuun hubachiisu.
‘‘Haala gaariidhaan yoo ilaalamee waan dansaadha. Waa’ee dhimma tokkoo yoo qorannootti waa’ee qorannoo sanaa marsariitiin odeeffannoo duubaa ni qabaata.
Odeeffannoo barbaadnu qabatee odeeffannoo gara biraa yoo barbaadnu dafee nuuf kenna. Odeeffannoo barbaadu saffiisaan arganna jechuudha.’’
Odeeffannoon dhuunfaa oggeessoota teeknooloojii akkasumas qaamoolee seera tumtoota biyyoota garaa garaa yaaddeessan haala hin malleen walitti qabuun, olkaa’uu fi faayiidarra oolchuusaati.

Madda suuraa, Getty Images
‘Kuus-yaadannoo’ nu yaaddeessuu?
Oggeessii odeeffannoo dhuunfaa lammii Ostiriiyaa Maaks Sharmis kan hoogganu gareen nageenya odeeffannoo waggaa lamaan dura Kuus-yaadannoo ilaalchiisuun komii dhageessiseera.
Keessattuu marsariitiiwwan namoota ‘Kuus-yaadannoo’ hin barbaadnu jedhan filmaata dhorkachuu komateera.
Google ammoo marsariitiiwwan Kuus-yaadannoo beeksiisaaf oolan dhiyeessan irratti daangaa kaa’eera. Kuus-yaadannoowwan gara qaama sadaffaatti ce’an gonkumaa akka balleessu beeksiisuun isaa ni yaadatama.
Fayyadamtoonni Kuus-yaadannoowwan qaama sadaffaa marsariitii irraa gara marsariitiitti isaan waliin hordofan Appiil, Maayikrosoofti fi Moziillaan dhorkamaniiru.
Geetinat akka jedhuutti, Kuus-yaadannoowwan odeeffannoo namootaa galmeessuudhaan oomishaa fi tajaajila daldalaaf oolchuun dhiibbaa qaban keessaati.
Fakkeenyaaf, kophee bitachuuf marsariitii irra barbaaddan haa jennu. Barbaacha kana osoo hin xumuriin yoo restoraantii gaarii barbaaddan, beeksiifni kophee hin eegiin ni dhufa.
‘‘Barbaaduu baannuus beeksiifni ni dhufa’’ kan jedhu Geetinati, ‘‘kophee sana akkan bituuf haala danda’ameen guyyaa guutuu ‘nu watiwaatu’.
Yeroo bannu hundattis kopheedhumatu dhufa. Kunis ta’u kan danda’e sababii isaan dura kophee marsariitii irra barbaaddaniif qofadha jechuudha,’’ jechuun ibsu.
Kana caalaa ammoo odeeffannoo dhuunfaa keenya eeyyama keenya malee olkaa’unsaa dhimmicha yaaddeessaa taasisa.
Kuus-yaadannoo marsariitiiwwan akka nu yaadataniif gargaaru. Fakkeenyaaf, bittaafi gurgurtaa interneetii gaggeessuuf ni gargaaru.
Saamtoonni odeeffannoo intarneetiirraa odeeffannoo dhuunfaa akka hataniif nama saaxilurreen ni danda’u.
Obbo Geetinati akka jedhaniitti, ‘‘haaduu abbaa qara lamaati. Haaduun qullubbii ni mura, namas ni miidha. Haaluuma itti fayyadama keenyarratti murtaa’a,’’ jedha.
Kuus-yaadannoowwan marsariitiiwwan kallattiin qopheessa kan ‘First-party Cookies’ jedhamuun beekaman yoo ta’an, hanga marsariitii amanamaa fayyadamaa jirtaniitti filmaata fooyya’aa dhiyeessu.
Namni tokko marsariitii fayyadamuun alatti kan ta’eefi yeroo baay'ee beeksiisa qaama sadaffaatiif kan mana saaxilu ammoo isa ‘Third-Party Cookies’ kan jedhamaniidha.
Kunis odeeffannoo dhuunfaa qaama sadaffaaf dabarsee kennuun himatama.
Gama biraatiin ammoo, Kuus-yaadannoowwan ‘Zombie Cookies’ jedhamanis fayyadamtoonni eeyyamanis dhiisanis, kan hordofaniidha. Fayyadamtoonni balleessaniis deebi’anii dhufu.
Mannee (setting) bilbila keenyaa keessa gara kutaa ‘Privacy’ jedhu seenuudhaan eeyyama dhorkuun kan danda’amu yoo ta’u, kompiitaroota keenya irratti ammoo yeroo yeroon Kuus-yaadannoowwan balleessuun filmaata gara biraa ta’a.












