Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finciltoonni Sooriyaa magaalaa guddoo biyyattii lamaffaa akka qabatan maaltu godhe?
Waggoota baayyeetiif, Sooriyaa keessatti Idilbiin dirree waraanaa taatee itti fufteetti. Bakki kun bakka finciltoonni ol aantummaa irratti qabanidha waan ta’eef humnoonni mootummaa Sooriyaa deebisee to’achuudhaaf yeroo yaalutti lolli ni hammaata.
Haata’u malee bara 2020 waliigalteen dhukaasa dhaabuu mallattaa’e ture. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun akka mallattaa’uuf jaarsummaa kan taa’an ammoo Raashiyaa fi Turkiidha. Raashiyaan michuu barbaachiftuu yeroo dheeraa pirezidaantii Sooriyaa Bashir Al-Asaad yoo taatu, Turkiin ammoo finciltoota deeggarti.
Aleeppoon dirree waraanaa dhiigni itti dhangala’e turte. Finciltootaaf ammoo mo’amuu guddaa kan bakka buutudha.
Mo’icha bakka kanatti argateef Asaad humna qilleensaa Raashiyaa fi waraana Iraan kan humnoota lafoo, keessumaa milishoota Iraan ispoonsar gootuun humna argata. Milishoonni Iraan akka Asaad gargaaran gootu keessaa tokko Hazboollaadha.
Haleellaa Israa’el Libaanos keessatti tibbana Hezboollaah irratti gaggeessitee isa dadhabsiifteetti. Akkasumas Israa’el ajajoota waraanaa Iraan Sooriyaa keessa jiranirratti haleellaan raawwatte ni jira.
Kanaaf, milishaan Isilaamummaafi gareen finciltootaa Idilbii keessa jiran murtee tasaafi osoo hin eegamiin Aleeppoo akka qabatan taasise keessatti kunneen waan gumaachan qabaachuu akka danda’an shakkiin hanga tokko ni jira.
Yeroo ta’een asitti , Hayaat Taahiriir Al-Shaam (HTS) humna isaa Idilbii keessatti cimsateera. Bakka kana keessatti ammoo sarbama mirgoota namoomaa qaqqabsiiseera maqaa jedhuun maqaan isaa xuraa’ee fudhatama dhabus akka bulchaa nannoo kanaatti fudhatama.
Fedhiin Idilbiirra darbanii bakka biraa qabachuun garuu ifa miti ture.
Erga Al Qaayidaa irraa adda bahee, galmi isaa sirna bulchiinsa Islaamummaa leellisuu Sooriyaa keessatti hundeessuuf yaaluurratti kan daangeffame ture.
Akka ISIS Kaalifaa bal’aa hundeessuuf yaalee kufee osoo hin taane Sooriyaadhuma keessatti sirna bulchiinsa Islaamummaa leellisuu ijaaruudha.
Hanga dhiyeenya kanaatti, humna isaa cimsatee deebiyee Sooriyaa keessatti walitti bu’insa haaraa banuun guutummaa biyyattii keessatti bulchiinsa Al Asaad dura dhaabbata jedhamee hin yaadamne.
Bara 2011 keessa tarkaanfii mootummaan hiriirawwan mormii deeggartoota dimokiraasiirratti fudhateen wal waraansa jalqabeen namoonni miliyoona walakkaaol ta’an ajjeefamaniiru.
Gareewwan hidhatanii mootummaa Asaad morman, Jihaaddistoota dabalatee rakkoo mudate kana fayyadamuun kutaalee biyyattii gara garaa to’ataniiru.
Bakka mormitoonni to’atan kan taate Idilbii harka caalu HTS jala kan jirtu yoo ta’u, gareen finciltootaa Turkiin deeggaramaniifi humnoonni Turkiis naannicha keessa qubatanii jiru.
Maddeen waraanaa Rooyitarsitti akka himanitti, balaliiwwan Aleeppoorra taasifaman guutummaan guutuutti haqamuufi buufataaleen xiyyaaraa cufamamaniiru.
Haala Sooriyaa keessa jiru maddeen garagaraa fayyadamuun dhaabbanni hordofu (SOHR) akka gabaasetti, xiyyaaronnii Sooriyaafi Raashiyaa Jimaata kutaa bulchiinsa Aleeppoorratti haleellaa qilleensarraa 23 raawwataniiru.
Dhaabbanni kun akka jedhetti taanaan, waraana kanaan namoonni 300 ol kan du'an yoo ta'u, lola Sooriyaa keessatti finciltootaafi humnoota deeggartoota mootummaa gidduutti gaggeeffame keessaa duuti guddaan kan keessatti galmaa'edha.
Waraanni Idilbii keessatti gaggeeffamu bara 2020 irraa kaaseeTurkiifi michuu Sooriyaa murteessituu kan taate Raashiyaan dhiibbaa mootummaan kutaa bulchiinsaa kana deebisee qabachuuf taasisu dhaabsisuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu erga taasisaniin booda hir'achaa dhufeera.
Haata'u malee, gaafa Roobii HTS fi michoonni isaa "haleellaa" mootummaafi milishoota isa deeggaran naannawaa sanatti hammaachaa dhufe "ittisuudhaaf" jechuun dhukaasa jalqabuusaanii dubbataniiru.
Mootummaan Sooriyaafi michoonnisaa osoo walitti bu'insawwan biroo keessa jiranii waraana banamedha.
Biyya ollaa taate Libaanos keessatti loltoonni Israa'el garee Hezboollaah kan Iraaniin deeggaramu irratti duula waraanaa banuun ishee ni beekama.
Loltoonni Hezboollaah kallattii wal waraansa Sooriyaa jijjiiruun gahee guddaa qabu ture.
Israa'el Sooriyaa keessatti Iraaniifi gareewwan Iraan waliin hidhata qabanirratti xiyyeeffachuun haleellaa qilleensarraan taasiftu cimsitee itti fufteetti.