Tiraamp kanfaltii viisaa namoota hojiif gara Ameerikaa dhaqanii doolaara kuma 100 ajaje

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu namoota sagantaa viizaa (H-1B) ykn hojjettoota biyya alaa ogummaa qabaniin US seenanii hojjachuuf iyyataniif kaffaltii doolaara kuma 100 ykn sharafa ammaan gara Birrii mil.14 ykn 15 ta'a.

Kana jechuun dhaabbanni tokko Itoophiyaarra doktara tokko qacarriin fudhachuuf wagga waggaan hanga birrii miliyoona 14 mootummaaf kanfalaa jechuudha.

Akka ajaja hoji raawwachiiftuu kanatti hojjataan biyya alaa ogummaa isaatin Ameerikatti hojjachuuf iyyatu kamuu, kanfaltiin kun yoo kaffalame malee seenuu ni daangessa.

Qeeqxonni viizaa H-1B yeroo dheeraaf sagantichi lakkoofsa hojjettoota Ameerikaa hir'isa jechuun falmaa turaniiru.

Deeggartoonni sirnichaas kanneen akka Elon Mask dandeettiiwwan ciccimoo addunyaa irraa gara Ameerikaatti hawwachuuf gargaara jechuun falmu.

Ajajni biraa Tiraamp mallatteessan godaantotni tokko tokko gumaacha paawundii miiliyoona 1 fi isaa ol taasisan gosa viizaa "kaardii warqee" jedhamu saffisaan akka argatan hayyama.

Jimaata darbe Ministirri Daldalaa Ameerikaa Hawaard Luutnik Waajjira Ovaal keessatti Tiraamp waliin mari'ataniiru.

"Viizaa H1-B waggaatti doolaara kuma dhibba, dhaabbileen gurguddoon hundinuu as keessatti hammatamu, isaan waliinis dubbanneerra" jechuun ibsan Tiraamp

"Yoo nama leenjista ta'e, namoota reefu yunivarsiitiiwwan gurguddoo dachee keenya keessa jiran keessaa tokko irraa eebbifaman leenjisi. Ameerikaanota leenjisi. Namoota hojii keenya fudhatan fiduu dhiisaa." jedhan.

Hanga ammaatti viizaan H-1B kaffaltii bulchiinsaa adda addaa dabalatee waliigalatti naannoo doolaara 1,500 kanfalchiisaa ture.

Bara 2004 irraa eegalee kanfaltiin iyyannoo H-1B waggaatti doolara 85,000 akka ta'u murtaa'ee ture.

Akka odeeffannoon Tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii Ameerikaa (USCIS) irraa argame akka agarsiisutti bara baajataa dhufuuf iyyanni viizaa H-1B gara tilmaamaan 359,000tti gadi bu'eera. Kunis waggoota afur keessatti isa gadi aanaadha.

Akka istaatiksii mootummaatti, bara darbe keessa Amaazoon saganticha irraa fayyadamaa guddaa yoo ta'u, dhaabbileen teeknooloojii gurguddoon Tata, Microsoft, Meta, Apple, fi Google itti aanan.

Murtee qoqqoodinsa uume

Hundeessituun dhaabbata 'Watson Immigration Law' fi haadha seeraa kan taate Tahmina Watson, murtiin kun maamiltoota ishee hedduu kan baay'inaan daldala xixiqqaa fi dhaabbilee jalqabaa ta'aniif balabala itti cufuudha jchuun BBCtti himteetti.

"Namni hundi jechuun ni danda'ama gatii kanfalu qaba. Seensa qofaaf doolaara kuma 100 jechuun dhiibbaa guddaa qabaata. Dhaabbileen xixiqqoon ykn giddu galeessaa hedduun "dhugumatti hojjettoota gitoota hojii kana guutuuf argachuu akka hin dandeenye sitti himu" jetti

"Hojjechiistonni hojjattoota biyya alaa yeroo ispoonsara godhanii fidan, yeroo baayyee biyya keessatti humna hojii sana guutuu waan hin dandeenyeef ta'a," jechuun Aadde Waatsan kan hubachiisan

Dura taa'aan garee shaakala immigireeshinii fi sochii addunyaa Littler Mendelson PC Jorge Lopez kaffaltiin doolaara kuma 100 ''dorgommii Ameerikaa damee teeknooloojii fi indaastiriiwwan hunda keessatti akka gufachiisu'' kaasan

Dhaabbileen tokko tokko hojii isaanii US ala jijjiiruuf yaaduu danda'u, kun qabatamaan rakkisaa ta'uu danda'us, jechuun hubachiisaniiru.

Mariin naannoo H-1Bs kanaan dura garee fi deeggartoota Tiraamp keessatti qoqqoodinsa kan uume yoo ta'u, warri viizaa kana deggeran qeeqxota akka ogeessa tarsiimoo duraanii Steve Bannon mormaniiru.

Ji'a Amajjii keessa Tiraamp Waayit Haawusitti gaazexeessitootaaf ibsaa kennaniin, H-1B ilaalchisee ''falmii gama lachuu'' akka hubatan dubbataniiru.

Waggaa darbe yeroo duula filannoo isaaniitti indaastirii teeknooloojii irraa deeggarsa argachuuf osoo yaalanii, Tiraamp adeemsa dhaabbilee teknolojii gufachiisan irraa akka of qusatan yaada kennaniiru.

Jalqaba bara hojii isaanii isa jalqabaa bara 2017 irratti, Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu qorannoo iyyannoowwan H-1B dabalu mallatteessaniiru, kunis hanna adda baasuu fooyyessuuf kan yaalan ture.

Yeroo sanatti dhaabbileen teeknooloojii ajaja bulchiinsi Tiraamp H-1B kenne qeequun deebii cimaa kennaniiru.

Sagantaa H-1B irratti maallaqa dabalataa kaa'amuun isaa biyyoota akka Hindii madda iyyannoo viizaa akkasii isa guddaa ta'e keessatti yaaddoo guddaa uumeera.