Tiraamp waajjira isaatti gaazexessaa waa'ee qabeenya isaa gaafateen walitti bu'e

Gaazexessaan Awustiraaliyaa tokko yeroo aangoo irra jiru kanatti waliigaltee biizinasii taasise irraa Tiraamp hammam akka fayyadame gaafannaan pirezidaanticha waliin walitti bu'an.

''Awustiraaliyaa miite'' jechuun Tiraamp gaazexessicha himate.

Gaazexessaan miidiyaa Awustiraaliyaa [ABC] jedhamuuf hojjetu Joon Liyoonsi, ji'a Amajjii darbe erga gara aangootti deebi'ee Tiraamp qabeenya hagamii akka horate gaafateen.

Dubbiin kun Tiraampiin guddaa aarseera.

''Hin beeku'' jedhee deebise Tiraamp. Tiraamp qabeenya isaa kan hogganaan ijoollee isaa akka tahe hime.

''Akkan yaadutti amma ati Awustiraaliyaa baay'ee miidhaa jirta. Isaan garuu ana waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu barbaadu,'' jedhe.

Tiraamp ''yeroo dhiyootti'' ministira muummee Awustiraaliyaa Aantoonii Albaaniis waliin wal arguuf akka jedhan dubbatan. ''Guyyaan isa waliin wal argu waa'eekee ittan hima. Dubbii namatti hin tolle dubbatte,'' jedhe.

Yeroo gaazexeessichi gaaffii biraa gaafachuuf jedhu, Tiraamp quba isaa afaan irra kaa'uun ''callisi'' jedheenii gaazexessaa biraatti dubbachuu jalqabe.

Ji'ootaaf MM Awustiraaliyaa Albaanis Tiraampiin argachuuf yaalaa ture. Gaggeessitoonni lameen ji'a Waxabajjii keessa wal gahii G20 irratti wal arguun mari'achuuf turan.

Garuu Tiraamp waraana Baha Gidduuagleessaatti yeroos banameef jecha wal gahicha adda kutuun ariitiin gara waajjira isaaniitti deebi'an.

Torban dhufu ammoo Albaanis Kora Waliigalaa UN'f jecha Albaanis gara US deema.

Raadiyoo ABCtti akka dubbatanitti ministirri muummee Awustiraaliyaa Niw Yoorkitti Tiraamp waliin wal argu.

Ji'oota dhiyoon as hariiroon Awustiraaliyaa fi Ameerikaa qabbanaa'eera.

Tiraamp waliigaltee 'Aukus' jedhamu irra deebiin akka ilaalu himeera. 'Aukus' waliigaltee humna galaanarraa Ameerikaa, UK fi Awustiraaliyaa gidduutti mallattaa'eeru yoo tahu, waliigalteen kun doolaara biliyoona 239 baasa.

Dabalataan ji'a Eeblaa keessa Awustiraaliyaan meeshaalee gara UStti ergitu hundaaf qaraxa %10 akka kaffaltu irratti murtaa'eera.

Gaazexeesichi erga Tiraamp haala kanaan itti dubbateen booda yaada kenneen gaaffii seera qabeessa gaafachuun ''hagas waan nama aarsu'' miti.

Gaaffii seera qabeessa haaluma gaarii taheen gaafachuun akkamitti hariiroo biyyoota lameenii waggoota dheeraaf ture miidha jedhe.

''Anaaf gaaffilee akkasii dubbii namatti kaasu jedhee hin yaanne gaafachuun waanuma sirriidha jedheen amana. Gaaffiin koo sirriidha, qorannoo irratti kan hundaa'edha, ammoo akkaataa nama aarsuun waanan gaafadhe hinq abu,'' jedhe.

Miidiyaan inni hojjetuuf ABC ammoo gaaffichi qaama sagantaa qorannoo gadi fagoo irratti hundaa'ee 'Four Corners ' jedhamuu tahuu kaasuun, erga Tiraamp gara aangootti deebi'ee qabeenyi isaa hagam dabale kan jedhudha jedhe.

Ergasii fuulli miidyaa hawwaasaa Waayit Haawus ''Tiraamp gaazexessaa biyya alaa oduu sobaa tamsaasuu wanbadee tokko salphise'' jechuun maxxanse.