Og-barruufi siyaasa Oromoo keessatti addati kan yaadataman Kumsaa Buraayyuu boqotan

Madda suuraa, Maatii
Qabsaa'aan seenaa Og-barruu Afaan Oromoofi siyaasa Oromoo keessatti gumaacha taasisaniin addatti kan yaadataman Obbo Kumsaa Buraayyuu Baloo du'aan boqochuu maatiin BBCtti himan.
"Kumsaa Buraayyuu barreessaa, gaazexeessaafi qabsaa'aa gameessa Oromoo bal'aa biratti yaadatamudha," jedha ilmi obboleessa Kumsaa Buraayyuu dargaggoo Boonsaa Goshuu Buraayyuu.
"Yeroo maqaan Kumsaa ka'u dhimma Oromootu waliin ka'a; yeroo maqaan Kumsaa ka'u Og-barruu Oromootu waliin ka'a; qabsoo bilisummaa Oromootu waliin ka'a.
Kumsaa nuti daa'ima taanee inni biyya baqaa jiraatus isaafi miira isaa dhaggeeffataa guddanne. Kumsaan umurii isaa guutuu saba kanaaf kan jiraatedha. Karaa og-barruus, karaa siyaasaas ummata kanaaf [Oromoof] kan jiraatedha."
Torban dura bilbilaan waliin haasa'uu kan dubbatu Boonsaan, yeroo sanatti nagaasaa waan tureef du'a wasiila isaa kana yeroo dhaga'u naasuu guddaa amanuufillee isa rakkise keessa galuu ibsa.
Kumsaa Buraayyuu Godina Wallagga Bahaa aanaa Eebantuu, ganda Qeelloo jedhamtutti kan dhalate yoo ta'u, barnoota sadarkaa lamaffaa mana barumsaa Giddaa Ayyaanaa Sadarkaa lamaffaatti xumuree booda Yuniversiitii Finfinneetti Polotikaal Saayinsiifi Hariiroo Idil-addunyaa barachaa osoo jiruu sababa qbsootiin gidiraa irra gahaa tureen addaan kutuun gara Awustiraaliyaatti baqate.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n ibsa boqochuu Kumsaa Buraayyuu ilaalchisuun baaseen, Kumsaan akkuma biyya Awustraaliyaa seeneen gara Yunversiitiitti deebi'ee Bara 2001 keessa Yuunivarsiitii Teeknooloojii kuurtiin (Curtain University of Technology) irraa Saayinsii Siyaasaan Digirii jalqabaa fudhateera.
Bara 2006 University of Western Australia irraa Wal-qunnamtii Addunyaan Digirii Kabajaa fudhateera, Bara 2011 University of Western Australia irraa mummee barnoota Hariiroo Idil-addunyaa Digirii Lammaffaa fudhateera.
Kumsaa Buraayyuu qondaalota gameeyyii ABO waliin hojjeteera; isaanirraas beekamtiifi badhasni kennameeraaf. Isaan keessaa qondaala duraanii ABO Nadhii Gammadaa harkaa badhaasa yeroo fudhatan suurri bara sana ka'e amma miidiyaarratti qoodamee waan bara sanaa namoota qaabachiisaa jira.

Madda suuraa, SM
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
ABOn ibsa boqochuu Kumsaa Buraayyuu ilaalchisuun baaseen, erga Dhaabichi itti kenne hunda dirree itti bobba'eerratti gahumsaafi amanamummaan biyya keessaa hanga biyya alaatti bahachaa turuu ibseera.
Biyya baqaatti ammoo Yunivarsiitii oof Western Awustiraaliyaatti barnootasaa xumuruu danda'eera jedha dargaggoo Boonsaa.
Kumsaan gumaacha og-barruu keessatti taasiseen asoosama ammayyaa Afaan Oromoo 'Suuraa Abdii' jedhaamuufi gaazexeessummaatiin bara 1991 osoo biyyaa hin baqatiin gaazexaawwan Urjii fi Madda Walaabuurratti hojjetaa tureen yaadatama.
Qubee Afaan Oromoo barsiisuufi hawwisoo Oromoo keessattis gumaacha hin dagatamne gumaachuu hima Boonsaa Goshuu Buraayyuu.
Maatii warra guddaarraa kan jedhu ilmi obboleessa Kumsaa kun, obbolaan torba waliin dhalate keessaa inni isa quxisuu ta'uu hima.
Qabsoon Oromoo saffisaan bakka hundaa akka dhaqabu hamilchiisuu, ijaarsa dhaabaa biyya keessatti hirmaannaa ol aanaa taasiseen namoota hedduu qabsoof hiriirsaa ture kan jedhe ABOn ibsa isaatiin, yeroo jalqabaatiif Kutaa ABO Kibba Paasifik (South Pacific) kan biyya Awustiraaliyaa fi Niwuu Ziilaand hundeessuu, konyaalee biyyoota lameen keessaa godina gara garaa keessatti ijaaruu fi caasaa itti tolchuudhaan hundeessee waggoota dheeraaf gaggeessaa tahe hojjeta ture jedhe.
Waltajjiilee dhaabaa fi kan qabsoo sabaa Oromoon wal qabatan irratti hirmaachuudhaan beekumsaa fi dandeettii qabu bifa gara garaan gumaachuu irraa yeroo itti of qusate hin qabu jedheera dargaggummaa hanga gaheessummaatti keessatti gumaachaa ture ABOn.
"Ogummaadhaanis hojii mootummaa irra waggoota dheeraaf Kutaa Immigireeshinii (Immigration Department) jedhu keessa hojjechuu fi hiree argate hundaan namoota karaa hojii isaan wal bare hedduu eenyummaa saba isaa hubachiisaa fi hanga isaaf mijjatetti qabsoo Oromoof fira horaa jaala tureedha."
Kumsaa Buraayyuufi Asoosama Suuraa Abdii...
Hayyoonni keessumaa gaazexeessitoonniifi barreessitoonni buleyyii Kumsaa hojii isaatiin isa beekan, akkasumas jaallewwan qabsoo waliin qabsaa'aniifi firoonni isaa boqochuu qabsaa'aafi barreessaa kanaa ilaalchisuun akkamitti akka isa yaadataniifi ergaa jajjabinaa barreessaa jiru.
Lammii Taaddasaa (PhD) Yunivarsiitii Ambootti qorataa, barsiisaafi dursaa Muummeeti. Hayyuun kun waa'ee Kumsaa Buraayyuufi qabiyyee asoosamaa barreessaa kanaa akkas jedhuun barreessaniiru:
Kumsaa Buraayyuu barreessaa asoosama dheeraa Suuraa Abdii ta'uudhaanan isa beeka. Qaamaan isa beekuu baadhus Suuraa Abdii keessatti eenyummaan isaa, sadarkaan hubannoo isaa, quuqamniifi hubannoo inni waa'ee jiruufi jireenya saba Oromoorratti qabu marti Suuraa Abdii keessatti guddatanii mul'atu.
Asoosama Kumsaan Buraayyuu barreesse kana dubbisaa ta'ee qofa osoo hintaane qorannoo irratti waanan adeemsiseef itti dhiyeenyaan asoosaman beekudha.
Asoosamni Suuraa Abdii Asoosamota duraa kanneen jedhaman keessaa isa tokko. Suuraan Abdii asoosamoota bebbeekamoo ta'an Kuusaa Gadoo (1991) fi asoosama Goodaannisa (1992)'tti aansee bara 1993 asoosama barreeffamedha. Suuraan Abdii Asoosama ulaagaa asoosamaa guuttatee qindoomina afaanii bareedaa ta'een ergaa guddaa kan dabarsu asoosma bareedaafi jaallatamaadha.
Asoosama Kumsaan barreesse kana keessatti dhimmoonni seenaa, siyaasaa hawaasummaa diinagdeefi dhiibbaa kallattii garagaraan uummata Oromoorra gahaa turantu bal'inaan keessatti seeneffame.
Asoosama Suuraa Abdii keessatti ergaan waliigalaa sirnoota darban keessatti miidhaa saba Oromoorra gahaa turanidha. Oromoon biyya kana keessatti akkamitti akka ilaalamuufi bakka Oromoon biyya kana keessatti qabaachaa ture sirriitti asoosma agarsiisudha.
Asoosama kana keessatti taatee olaanaa ta'ee kan taphatu Amansiisaa Gurmuu sababa Oromoo ta'eef qofa Oromummaan isaa safartuu waan hundaa ta'ee osoo barnoota qabuu barnoota isaatiin kan walmadaalu hojii dhorkamee, namoota hanga isaa barnoota hinqabneen caalamee hojiin isaa inni jalqabaafi dhumaa kunuunsituu waajjira tokkoo ta'ee maatii isaa waliin jireenya gadadoo nama jiraatudha.
Kumsaanis Amansiisaa keessaan sababa Oromummaan isaaniirraan kan ka'e rakkoo Oromootarra gahaa ture agarsiisee jira.
Asoosama kanaan Kumsaan Buraayyuu rakkoo uummata Oromoo biyya kana keessatti sadarkaa nam-tokkee irraa kaasee hanga maatiitti, maatiirraa hanga sabaatti jiru hammam ulfaataa akka ture hubatee kan hubachiisedha.
Oromoon akka nama dhuunfaa, maatiifi sabaatti jireenya akkamii akka jiraatu maatii Amansiisaa Gurmuu akka fakkeenyaatti kaasuun asoosama agarsiisuu danda'edha.
Kumsaa Buraayyuu Asoosama kana bakka asoosamoonni isaaf fakkeenya ta'an hinjirretti asoosama kanneen biroof fakkeenya ta'uu danda'u barreessee jira. Kanaaf, Kumsaan seenaa ogbarruu Oromoo keessatti gahee guddaa akka qabu hojii isaa guddaa ta'e kanatu ragaadha.
Kumsaa Buraayyuu Asoosama Suuraa Abdii jedhu kana keessatti naannoo tokko qofatti osoo hindaanga'in godina biroo Oromiyaa keessa deemuun dubbistoonni aadaafi loogota naannoo biroo jirurratti hubannoo akka argatan asoosama gochuu danda'edha.
Oromoon naannoo garagaraa jiraatus saba isaatiif mararasiifannaa akka qabu kan gaafa rakkoo golga waliif ta'uufi Oromoon akka Oromootti amantiifi aadaa garagaraa qabaachuun tokkummaa isaa irratti dhiibbaa kan hinqabne ta'uu asoosama Kumsaa Buraayyuu kana keessatti dhimma agarsiifame isa biroodha.
Asoosama kanaan Kumsaan Buraayyuu rakkoon heddumatullee rakkoon hammam barri isaa dheeratullee namni obsaan guyyaa biroo har'a irra wayyu abdiin eeggachuu akka qabu asoosama irraa baratamudha.
Asoosama kana keessatti kan namatti roorrisuufi kan itti roorrifamu bifuma sanaan kan itti fufuu hindandeenye ta'uullee ifatti kan agarsiisedha. Akka asoosama kanaatti gaafa obsi miidhamaa sadarkaa dhumaarra gahu kan itti roorrifamu bara eegee qaama barootaaf isa miidhu dhabamsiisuu kan danda'u ta'uu asoosama agarsiisudha.
Suuraan Abdii ergaa gurguddaa darbutti dabalataan jechoonni Afaan Oromoo bifa adda ta'een walitti qindaa'anii bifa baramaa ta'eerraa bifa adda ta'een toora galanii bareedina Afaan Oromoo asoosama olbaasee agarsiisuu danda'edha.
Asoosamni kun kofalchiisaa ergaa barsiisuu danda'uun isaa asoosamoota biroo irraa dhimmoota adda isa taasisuufi jaalatamaa taasisanidha.
Asoosamni Suuraa Abdii qubee laatiiniin barreessuun biyya kana keessatti eeyyama yammuu argatu gara baroota jalqabaarratti asoosama barreeffame waan ta'eef, barreessitoota biroof asoosama daandii saaqan keessaa isa tokkodha. Daandii saaquu qofa osoo hintaane sadarkaa asoosamni itti barreeffamuu qabullee olkaasee barreessuun asoosamoonni boodarra dhufan asoosamoota fooyya'oo ta'uu akka qaban kallattii kan agarsiisedha.
Kanaaf, Kumsaa Buraayyuu namani har'a du'aan of biraa dhabne barreessaa asoosama ajaa'iba ta'e kanaati. Nama waa'ee saba Oromoo, jiruufi jireenya isaa itti siqeenyaan hubatee qalama isaatiin bareechee akka eenyuufillee galuu danda'utti barreessee olkaa'uu danda'edha.
Hojiin isaa kun dhaloonni har'aa Oromoo kaleessaafi Oromoo har'aa akka hubatuufi egeree isaa ammoo akka qajeelfatuuf kudhaama bara baraa ta'ee kan tajaajiludha.
Kumsaan Buraayyuu hojii guddaa akkasii saba kanaaf waan gumaacheef jaallattoota ogbarruufi Oromoo waliifalaa biraa galata guddaa qaba. Hojiin isaa guddaa ta'e kun ammoo siidaa ta'ee bara baraan kan ittiin yaadatamu ta'a.
Kumsa Buraayyuu ati goota ogbarruu Oromooti. Nagaan boqodhu!
Gama hojiitiin, Kumsaan bara 2001 irraa eegalee hanga ammaatti dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaatti miindeffamuun gaafatama sadarkaa adda addaa irratti ramadamee tajaajila kenna ture.
Kumsaan dhalatee waggaa 56 isaatti kan du'aan boqotan yoo ta'u, maatiis horatee abbaa-manaa fi abbaa ijoollee lamaati.












