Dr. Moggaa Firrisaa: Waldaa Maccaafi Tuulamaatii hanga KFO'tti

Madda suuraa, SM
Hambaa hundeessistoota Waldaa Maccaafi Tuulamaa fi itti aanaa pirezidantii waldichaa kan turan akkasumas dhaaba Kongiresii Federaalistii Oromoofi kaan keessatti gahee guddaa bahachuun maqaan guddaa kan horatan Dr Moggaa Firrisaa du'aan boqotan.
Dr. Moggaan imala hayyummaafi qabsootiin nama umrii guutuu waan amananitti cichoominaan jiraataa turan jedhamuun namoota isaan beekaniin ibsamu.
Dr Moggaa Firrisaa hakimni umuriisaanii guutuu qabsoo Oromoo keessa turan eenyu, akkamiin yaadatamu? BBC'n barreessaa seenaa fi maanguddoo Jimmaa kan ta'an Nabaanii Shaafii dubbisuun akkanaan qindeesseera.
Dr Moggaan eessatti dhalatan?
Dr Moggaa Firrisaa Jimma aanaa Gommaatti bara 1928tti kan dhalatan yoo ta'u, kan guddatan garuu ijoollummaasaaniitii kaasee Finfinnee masaraa mootii Hayilasillaaseetti.
Ogummaa fayyaa beekamaas turan. Obboleessisaanii isaan waliin masara mootiitti guddatan paarlaamaa Itoophiyaa keessa turan. Dr Moggaan garuu baruma bulchiinsa mootii Hayilasillaasee keessa qabsoo Oromootti makaman.
Namoota hangafaa Waldaa Maccaafi Tuulamaa hundeessan keessaas tokko kan turan. Waldicha keessattis itti aanaa Pirezidantii ta'uun gannaa hoggananiiru.
Qabsaa'ota Oromoo maqaa guddaa qaban kan akka Taaddasaa Birruu, Maammoo Mazamir, Huseen Bunee, Alamuu Qixeessaa fi kaan waliinis hojetaniiru. Hiriyoota garaa walii beekan, kan wal amananis turan.
Dr Moggaan qabsoota Oromoo yeroo lubbuun jiran qofa osoo hin taane gaafa miidhamanii fi ajjeefamanillee nama dursanii gahaniif turan. Yeroo qabsaa'onni Oromoo dhukkubsatan nama dhoksaan yaalan turan.
Gaafa artistii fi qabsaa'aan duraanii Eebbisaa Addunyaa ajjeefames warreen dursee reeffasaalafaa kaase keessaa tokko turan. Maanguddoon barnootaan qaroo, ogummaa isaaniitiin hayyuu akkasumas qabqabsoo Oromoo keessatti maqaa guddaa qaban kun ganna 97 isaaniitti Adoolessa 13, 2025 addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Nabaanii Shaafii barreessaa kitaabaati. Kitaabnisaa 'Seenaa Gootota Shanan Gibee' jedhu kan ganna afur dura maxxansiise keessatti seenaan namoota jaatamaa olii kan barraa'e yoo ta'u, isaan keessaa tokko seenaa Dr Moggaa Firrisaa ta'uu himan.
Dr Moggaa Firrisaa Abbaasanbii godina Jimmaa Aanaa Gommaa Ganda Booree Guddaa jedhamutti bara 1928 dhalatan. Umurii ijoollummaa isaaniitiin gara magaalaa Finfinnee deemuun masaraa Mootummaa Hayilasillaasee keessatti barumsa akka eegalan hima Nabaaniin.
Giraazmaach Firrisaa Abbaasanbii abbaan isaanii Gommaatti baay'ee akka beekaman kan dubbatu barreessaan kun, waraana Itoophiyaafi Xaaliyaanii irratti akka wareegaman hima.
Boodarras Mootiin Hayilasillaasee seenaa sana dhaga'uun ilmaan Firrisaa lama; Takkaa Firrisaa fi Moggaa Firrisaa gara Finfinneetti fudhachuun masara mootichaatti guddatan.
Achumattis baratan. "Obboleessi Dr. Moggaa, Takkaan hanga Hayilasillaaseen biyya bulchaa turetti waggaa 36'f paarlaamaa Itoophiyaa keessa" akka turan kan kaasu barreessaan kun, Dr Moggaan garuu "fallaa kanaati" jechuun sirna bulchiinsaa yeroo sana ture waliin faallaa ta'uusaanii ibsa.
Dr Moggaan "Hayilasillaaseedhuma biratti barnoota eegalanii bara 1947 barnoota isaanii kutaa 12ffaa umuruun" yunivarsiitii Gondaritti ogummaa qondaala fayyaa [Health officer] ta'uun eebbifaman. Boodarras baqaqsanii waldhanuu ta'uun ganna dheeraa waldhaanaa akka turan ibsa barreessaan kun.
Dr Moggaan ijoollummaadhaan mana mootii Hayilasillaaseetti guddatanis wasilaa isaaniirraa waa'ee seenaaf aadaa Oromoo dhaga'aa guddatani jedha barreessaan waa'ee seenaa isaanii fi gootota Shanan Gibee kaanii katabe kun.
Haala sanaan "Oromoon sirnisaa akkasi [qaba], gabroomfatamee jira; gootonni Oromoo, dacheen Oromoo akkasi jedhanii wasiillisaanii akka barsiisaa turan dubbatu" jechuun waan Dr Moggaarraa dhaga'e hima barreessaan seenaa isaanii kun.
'Wantichi akka Fara'ooniifi Musee ta'uu danda'a'
"Yeroosaan [Dr Moggaan] kutaa 12 xumuran yunivarsiitii Oksifoord, Landon irraa carraan iskoolarshiippii dhufe. Carraa sana isaan [Dr Moggaan] dhiisanii, nama Afaan Somaalee beekuuf kennan. Afaan Oromoo dubbataa dhaquu hin dandeessu jedhanii dhorgatan. Sababa sanaan edaa Oromoon akka hin baranne godhamaa jedhanii xiiqii keessa galan" jechuun mudannoo osoo isaan lubbuun jiraniin irraa dhaga'era jedhu himan Nabaanii Shaafii.
Boodarra "yunivarsiitii Gondar seenanii ogummaa fayyaa baratan. Sana booda gara Jimmaatti deebi'anii hogganaa buufata fayyaa aanaalee kudha afurii ta'uun hojjetaa turani" jechuun waan "afaan isaaniirraan dhaga'e" jedhu hima Nabaaniin.
Ilmaan Firrisaa lamaan waliin masaraa mootii Hayilasillaaseetti guddatanis karaa gara garaa filatan.
"Takkaan obboleessi isaanii paarlaamaadhuma mootummaa Hayilasillaasee keessa ture. Isaan kun [Dr Moggaan] garuu gara qabsoo Oromootti dabalamani" kan jedhan Nabaaniin, "wantichi akka Fara'ooniif Musee ta'uu danda'a" jechuun walitti dhufeenya Mootii Hayilasillaasee fi Dr. Moggaa ibsan.
"Afaan isaaniirraa akka dhageenyetti, [Dr Moggaan] waan afaan biraa hin beekneefi Hayilasillaaseen Afaan Oromoo na faana dubbata jedhu" jechuun hima Nabaaniin.
"Kallattiin Waldaa Maccaaf Tuulamaa hundeessuurraa jalqabe" jechuun akkaataa isaan ittiin qabsootti seenaan ibsa.
"Haati warraasaanii obboleettii Tasfaayee Dagaagaati. Tasfaayee Dagaagaammoo eegduu Jeneraal Taaddasaa Birruuti. Walitti hidhaminsi jara kanaa qabsoo Oromootiif" bu'uura jabaa akka kaa'es kaasa barreessaan kun.
'Ofirratti mallatteessanii yoon du'es nan du'a jedhaniitu…'
"Yeroo jalqabaatiif namni qarshii ofiitiin rasaasa kuma tokko bitee Waldaa Maccaaf Tuulamaa hidhachiisee Itayyaa akka dhaqan godhe isaanidha. Haalli yeroo sanaa ulfaataa ture. Itayya dhaquu irratti warri akka Maammoo Mazammir, Jeneraal Taaddasaa Birruufaa hidhamanii [turan]. Boodarra Maammoo Mazammir biraa fannisanii ajjeesan. Nama icciitiisaanii [Taaddasaa Birruu] lakkoofsa tokkoffaati" jechuun qooda Dr. Moggaan qabsoo Oromoo keessatti bahataa turan kaasa namni seenaa isaanii barreesse kun.
Yeroo qabsoo taasisaa turanittis Dr Moggaan yeroo gara garaatti "deddeebiin hidhamaa turani. Yeroo Itayyaatii deebi'an yeroo jeneraal Taaddasaan qabamanii hidhaman, hundi jaraayyuu hidhamaniiru. Miseensi Waldaa Maccaafi Tuulamaa bakka jiruu funaanamee hidhame.
''Isaanis hidhamanii turan. Kallattiin nu waliin hojjedhu jedhanii dabballoonni mootummaa yeroo gaafatan, hin hojjedhu jedhanii" akka deebisan yaadachiisa barreessaan kun.
"Lubbuun namoota hedduu harka isaaniitti hafeera. Caccabaa Oromoo hedduu hambisaniiru. Warra akka Raayyaa Abbaamaccaa, Ilfinash Qannoofaa yaalaa turan. Oromoon isaan [Dr Moggaa] qofa hospitaala keessaa qaba ture. Dr. Moggaan ofirratti mallatteessanii yoon du'es nan du'a jedhaniitu kan Rayyaafaa yaalaa" turan jechuun seenaa Dr. Moggaarra dhaga'e dubbatan.
Bara mootummaa cehumsaa "yeroo Waraanni Bilisummaa Oromoo diigamee humna TPLF'n bakka adda addaatti rukutamu isaanumatu dhoksaatti yaalaa ture" jechuun ogummaa isaaniitiin lubbuu qabsaa'ota Oromoo hedduu yaaluun du'arraa akka oolchaan himu.
"Wadaa Maccaaf Tuulamaa akka sababaatti kaafne malee Dr Moggaan isa qofaan hin dhaabanne. Dhaabbilee Oromoo warra akka ICAAT-dhaaba Baaroo Tumsaa hundeesse, warra akka MEISON, KFO fi ABO dabalatee" kaan keessattillee shoora guddaa akka bahataa turan "afaanuma isaaniitiin dubbataa turan" jechuun yaadachiisa Nabaaniin.
'Dhugumatti nama Oromoof jiraatee darbe jechuun Dr Moggaadha'
"Waldaa Maccaaf Tuulamaa qofa osoo hin taane, gaafa Oromoon bakka adda addaatti rakkatee dararamaa tures dhoksaatti 'Human Rights Watch' waliin hojjetaa turan. Ilfinash Qannoofaa huuman raayitiitti geessanii akka lubbuushii baraaran godhaniiru.
''Gaafa Eebbisaa Addunyaa du'u warra jalqaba lafaa kaase keessaa isaan tokkodha. Biyya keessaa hin baanu asumatti dhumna jedhanii, Eebbisaa Addunyaa waliin guyyarraa halkanirraa wal argu ture. Oromoo yeroo jedhan miiruma ittiin ibsanuu hin qabani. Jaalala guddaa saba kanaaf qabu.
''Dhugumatti nama Oromoof jiraatee darbe jechuun Dr Moggaadha. Qulqullummaan garaadhaan, lapheedhaan qofa osoo hin taane hojiidhaanis saba ofiif jiraachuun maal akka ta'e nama nutti agarsiisedha" jechuun waa'ee Dr Moddaa dubbata barreessaan kun.
"Dhaamsisaanii hedduudha. Oromoo tokkoome arguudha hawwiinkoo jedhu. Ulfinni Oromoo tokkummaadhaani jedhu. Jechoonni isaan keessaa bahu tokkoyyuu kitaaba tokko" jechuun waa'ee hayyumaasaanii dabalee ibsa.
Dr Moggaan ilmaan jaha akka horatanis dubbata Nabaaniin. Ilmaan isaaniis qajeeltootti barachuun biyya alaafaa akka jiraatan dabaluun hima. Qabsaa'ota Oromoof gatii guddaa baasan otoo lubbuun jiranii dhaloonni waan nurraa eegamu gochuu qabna" jechuunis dhaameera barreessaan kun.
Maanguddoon Abdulqaadir Abbaagaroo ammoo maatii Dr Moggaatiin olla walii turani. Maatii gootummaadhaan beekaman turani jedhu waa'ee maatii Dr Moggaa yoo dubbatan. Yeroo weerara Xaaliyaanii lammaffaa "akkamitti halagaan biyya keenya fudhata jechuudhaan baddaa turani [abbaan Dr Moggaa]. Waa'ee biyyaatiif qabsaa'aa turanii harka diinaatti nama du'anidha" jedhan maaguddoon kun.
Itti dabalunis, mootiin Hayilasillaasee erga biyya Ingilizii as deebi'anii booda seenaa sana dhaga'uun ijoollee Firrisaa "lama Finfinneetti beeta mangistiitti fudhatanii galanii achumatti akka baratan taasisan. Achumatti baratanii hamma doktorummaa gahanii biyya kana tajaajilaa kan turan ta'uun beeka" jechuun waa'ee Dr Moggaa dubbatu.
Dr Moggaan "baay'ee nama guddaadhaaf, nama biyyaaf yaadu, nama beekumsa guddaa qabu ta'uun" hawaasa biratti akka beekamnis himu maanguddoon kun.
"Quuqama ilmaan Oromoo qabu. Nama qabsaa'aa ture. Nama biyyaaf ofkennee hojjetaa ture ta'uusaati kanan beeku" jechuun waa'ee Dr Moggaa ibsu maanguddoon kun.
Qabsoo Oromoo keessatti gumaacha guddaa baasuu Dr Moggaa kan ibsan maanguddoon kun, isaan darbanis, hojiinsanii itti fufee dhalootatti akka darbu himaniiru.
Dhaabbileen siyaasa Oromoo waa'ee boqochuu Dr Moggaa maal jedhan?
"Hayyuu Oromoo bara jireenya isaanii guutuu qabsoo Oromoof, Oromummaa ijaaruuf ifaajjaa turan" jechuun ibsa gaddaa boqochuu Dr.Moggaa Firrisaa ilaalchisee baaseen Addi Bilisummaa Oromoo.
"Hayyuu, qabsaa'aa mirgaa fi bilisummaa Oromoo bara jireenya isaanii guutuu deemsa sochii qabsoo bilisummaa Oromoo keessa kan jiraatan, ummanni Oromoo roorroo fi cunqursaa alagaa jalaa ba'ee mirga akka argatuuf bara dargaggummaa isaanii irraa qabee haga du'aniitti ummata kanaaf hojjetaniiru.
''Jireenyi isaanii guutuun qaama jireenya qabsoo ummata Oromoo ta'ee darbee jira" jedheera ABO'n ibsa gaddaa waa'ee qabsaa'aa gaameessa kanaa ilaalchisee baaseen.
''Ejersa guddaa fakkiin dhalootaa" jechuun kan yaadachiise ibsi kun, "wareegama qaamaa-qalbii baasaa" akka turan kaasuun, "Qooda isaan deemsa qabsoo bilisummaa sabaa keessatti kennan seenaan bara baraan yaadata" jedheera.
'Riqicha dhaloota qabsoo gidduu fi mana kitaabaa jiraataa kan qabsoo ummata keenyaati'-KFO
'Boqochuun Dr. Moggaa Firrisaa nama tokko callaa dhabuu miti; muka guddaa gaaddisa isaa jalatti dhaloonni boqotee fi ija jabina itti horateetu kufe" kan jedhe ibsi paartii Kongiresiin Federaalistii Oromoo, "Isaan ogeessa ijaarsa sochii, riqicha dhaloota qabsoo gidduu fi mana kitaabaa jiraataa kan qabsoo ummata keenyaati" jechuun waa'ee hoggansasaa duraanii dubbatan.
"Goota dhugaa ummata Oromoo fi abbaa qabsoo bilisummaa" jechuun kan ibse KFO'n, "jireenyi Dr. Moggaa jireenya qofa osoo hin taane, ragaa ifaa kutannoo umurii guutuu kan hin raafamne, kan qabsoo haqaa, ulfinaa fi bilisummaa ummata Oromoof taasifameeti. Seenaan jireenya isaanii seenaa qabsoo Oromoo mataa isaati" jechuunis waa'ee imala hogganaasaa duraanii ibseera.
Hafuurri isaanii inni hin cabne, qabsoo hadhaawaa keessa isaan ceesisee, Warraaqsa Federaalistii Dimookiraatawaa Oromoo (WFDO) hundeessuun I/A Dura Taa'aa akka ta'an isaan kakaase.
Hanga soorama ba'anittis, Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO) keessatti hoggansa cimaa fi kabajamaa ta'uun tajaajilaniiru.
Boqochuun Dr. Moggaa Firrisaa nama tokko callaa dhabuu miti; muka guddaa gaaddisa isaa jalatti dhaloonni qabsaa'otaa itti boqotee fi ija jabina itti horateetu kufe" jechuun gadda itti dhaga'ame kan ibse paartichi.
Itti dabalunis, "Isaan ogeessa ijaarsa sochii, riqicha dhaloota qabsoo gidduu fi mana kitaabaa jiraataa kan qabsoo ummata keenyaati" jedheera KFO'n ibsa Adoolessa 14 baaseen.
Abbaa, gootaa fi mallattoo kutannoo hin cabnee dhabneerra" kan jedhe ibsi KFO, "Dr. Moggaan addunyaa kanarraa yoo darbaniyyuu, hafuurri, yaadoleennii fi hojiin jireenya isaanii barabaraan jiraata. Karaa isaan gootummaan jalqaban kana itti fufuun yaadannoo isaanii haa kabajnu" jechuun dhaameera.












