Injifannoon Tiraamp Yukireen, Baha Giddu-galeessaafi Chaayinaaf maal jechuudha?

Doonaald Tiraamp gara Waayit Hawusitti deebi’uun imaammata alaa Ameerikaa irra deebi’ee jijjiruuf kan qophaa'e yoo ta'u, waraanaafi rakkolee kutaalee addunyaa adda addaa keessatti mul'atu jijiiruuf waadaa galeera.

Tiraamp yeroo duula filannoo isaaniitti imaammataa hedduu taasisuu, seera bu’uuraa gidduu seentuummaa hin qabnee fi eegumsa daldalaa irratti xiyyeeffatan kan inni “Ameerikaan haa dursitu” jedhu irratti hundaa’ee iirratti waadaa galaa ture.

Injifannoon isaa waggoota dheeraa keessatti jeequmsa walfakkaatu gidduutti dhimma alaa Waashingitan itti dhiheessite keessatti jeequmsa guddaa ta’uu danda’u keessaa tokko agarsiisa.

Yaada inni hordoffii duula filannoo irratti kenne fi seenaa bara 2017 hanga 2021tti aangoo irra ture irraa kaasee mala inni naannoo adda addaa irratti qabaachuu danda’u tokko tokko walitti qabuu dandeenya.

Raashiyaa, Yukireen fi NATO

Duula filannoo kanarratti Tiraamp waraana Raashiyaa fi Yukireen gidduu jiru “guyyaa tokkotti” xumuruu akka danda’an irra deddeebi’anii dubbataniiru. Akkamitti akka ta'e yeroo gaafataman waliigaltee taasisuun to'achuuf yaada dhiyeessuurraan kan hafe addatti hin ibsine.

Barreeffamni qorannoo hoggantoota nageenya biyyaalessaa duraanii Tiraamp lama Caamsaa keessa barreessan akka jedhutti, Ameerikaan dhiyeessii meeshaa waraanaa Yukireeniif qabdu itti fufuu qabdi, garuu deeggarsa kana Kiiyev Raashiyaa waliin marii nagaa akka seentu haal-duree akka ta’u ibseera.

Raashiyaa sossobuuf, biyyoonni dhihaa Yukireen NATO keessa akka hin seenne tursiisuuf waadaa galu.

Gorsitoonni akka jedhanitti, Yukireen naannoo ishee hunda to'annoo Raashiyaa irraa deebifachuuf tattaffii taasiftu dhaabuu hin qabdu, garuu halaa qabannaa bakkaawwan waraanaa irratti hundaa’uun mari’achuu qabdi jedhan.

Mormitoonni Tiraampi paartii Dimookiraatotaa, pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin waliigaltee uumuu isaanii himatan, Tooftaan Tiraampi malan Yukireen harka kennachisuu ta'uu waan danda'uuf, yaada guutuu Awurooppaa balaadhaaf saaxiludha jedhu.

Tiraampi gama isaan waraana xumuruu fi miidhaa qabeenya Ameerikaa irra gahu hambisuun hojii isaa dursaa akka ta’e yeroo hedduu ibseera.

Waraqaaleen gorsitoota duraanii yaada Tiraamp hangam akka bakka bu'an ifa miti, garuu gosa gorsa inni argachaa jiru ilaalchisee akeekkachiisa nuuf kennuu danda'u.

Waraana xumuruuf mala inni “America First”ykn Ameerikaan haa dursitu jedhu dhimma tarsiimoo egeree NATO, gamtaa waraanaa Atlaantiik Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Gamtaa Sooviyeet jedhamu dhaabuuf hundeeffame hundatti akka babal'atu kan taasisuudha.

NATO'n amma biyyoota 32 kan qabu yoo ta’u, Tiraamp yeroo dheeraaf gamtaa kana shakkaa turan.

Ameerikaan NATO keessaa bahuun ishee, kunis gara jaarraa tokkoo booda hariiroo gamtichaa irratti jijjiirama guddaa kan fidu yoo ta'u, kun ammallee dhimma falmii ta’ee jira.

Michoonni tokko tokko miseensonni qajeelfama baasii ittisaa gamtichaa akka guutan gochuuf toftaa cimaan tokkichi jiru mariisisuu qofa akka ta’e yaadu.

Garuu dhugaan jiru hoggantoonni NATO injifannoon kun egeree gamtichaaf maal jechuu akka ta’ee fi bu’aan isaa hoggantoota diinaatiin akkamitti akka ilaalamu yaaddoo guddaa qabu.

Baha Giddu-galeessaa

Tiraampi akkuma kan Yukireen, Baha Giddu Galeessaattillee “nagaa” buusuf waadaa galaniiru - lola Israa’el fi Hamaas Gaazaa fi waraana Israa’el fi Hizbullaah Libaanos keessatti akka xumuran akeekuu malee akkamitti akka ta’e hin dubbanne.

Osoo Joo Baayiden kana caalaa aangoo irra ture,Hamaas imaammata ''dhiibbaa olaanaa'' Iraan garee kanaaf maallaqa kennitu irratti qabduun Israa’el irratti hin duultu ture jechuun irra deddeebiin dubbataniiru.

Walumaagalatti bulchiinsi Traamp imaammata Ameerikaa waliigaltee niwukilaraa Iraan ilaalchisee qoqqobbii cimaa irra kaa'ee fi ajajaa waraanaa humna guddaa qabu Jeneraala Iraan Qaasim Soleimaanii ajjeeseetti deebi’uuf yaala.

Waayit Haawus keessatti Tiraamp imaammata cimaa Israa’el deggeru tuman, Yerusaalem magaalaa guddoo Israa’el jechuun moggaasuun imbaasii Ameerikaa Tel Aviv irraa garasitti geessan

Tarkaanfiin kun bu’uura wangeelaa Kiristaanota Tiraamp, garee filattota Rippabilikaanotaa ijoo ta’eef humna kenne.

Muummichi ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Tiraamp “michuu gaarii Israa’el Waayit Haawus keessaa qabdu” jechuun jajataa turan.

Garuu qeeqxonni imaammanni isaa naannicha irratti dhiibbaa tasgabbii dhabsiisu qaba jechuun falmu.

Falasxeemonni bulchiinsa Tiraamp ugguran, sababa Waashingitan himannaa isaanii Yerusaalem - magaalaa wiirtuu seenaa jireenya biyyaalessaa fi amantii Falasxeemotaaf uumtu dhiisuu isheeti.

Iraan wayita Tiraamp waliigaltee seena qabeessa hariiroo dippilomaasii Israa’elii fi biyyoota Arabaa fi Musliimaa hedduu gidduu jiru idileessuuf “Waliigaltee Abrahaam” jechuun hojjataa turetti caalaatti adda baafamtee turte.

Kanas kan godhan Israa’el gara fuulduraatti mootummaa Falasxiin walaba ta’e gama isheetiin akka fudhattu osoo hin gaafatin - furmaata mootummoota lamaa jedhamu - kan kanaan dura waliigaltee naannoo akkasii biyyoota Arabaa gidduutti taasifamuutu haal-duree ture.

Biyyoonni dhimmi ilaallatu inumaayyuu Israa’eliif beekamtii kennuudhaan meeshaalee waraanaa Ameerikaa sadarkaa olaanaa qaban akka argatan taasifameera.

Falasxiinonni seenaa isaanii keessatti naannoo adda baafame keessaa tokkotti humna tokkicha gama kamiinuu waldhabdee kana keessatti bu'a qabeessa ta'een itti fayyadamuu danda'u qabatanii hafaniiru, dandeettii lafa irratti of ittisuu isaanii daran mancaase.

Tiraamp yeroo duula filannootti waraanni Gaazaa akka xumuramu barbaada jechuun ibsa hedduu kennaniiru.

Netaaniyaahuu waliin hariiroo walxaxaa, yeroo tokko tokko hiika hin qabne qaba ture, garuu dandeettii dhiibbaa irratti gochuu akka qabu beekamaadha.

Hoggantoota biyyoota Arabaa ijoo ta’an kanneen Hamaas waliin qunnamtii qaban waliinis seenaa hariiroo cimaa qaba.

Fedhii hoggansa Israa'eliif deeggarsa cimaa agarsiisuu fi waraana kana xumuruuf yaalu gidduutti akkamitti akka madaalu ifa miti.

Michoonni Tiraamp yeroo baayyee tilmaamamuu dhabuu isaa akka qabeenya dippilomaasii ta’etti ibsu, garuu Baha Giddugaleessaa dorgommii guddaa fi jijjiirama guddaa qabu keessatti, reefuu muddama hamaa seena qabeessa ta’e keessa jiru keessatti, sun akkamitti akka jijjiramus waanti ibsame hin jiru

ifa miti.

Michoonni Tiraamp yeroo baayyee tilmaamamuu dhabuu isaa akka qabeenya dippilomaasiitti agarsiisaa turan, garuu Baha Giddu Galeessaa dorgommii guddaa fi jijjiirama guddaa qabu keessatti rakkoo duraanuu madaallii seenaa qabu gidduutti, kun akkamitti akka taphatamu ifa ta’uu irraa fagaateera.

Tiraamp adeemsa dippilomaasii dhaabbate kan bulchiinsi Baayiden waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa mirkaneessuuf booji’amtoota Hamaasiin qabaman gadhiisuuf jalqabe deebisee jalqabuu fi dhiisuu murteessuu qabu.

Chaayinaafi daldala

Ameerikaan imaammata alaa ishee keessatti hariiroo tarsiimowaa akkasumas nageenyaafi daldala addunyaa irratti dhiibba guddaa qabu chaayinaa waliin qabdi.

Tiraamp yeroo aangoo irra turan Chaayinaan “dorgomtuu tarsiimoo” jechuun waamuun Chaayinaan gara UStti galchitu tokko tokko irra taaksii kaa'aniiru. Kunis Beejiing galtee gara Ameerikaa galchitu irraati qaraxa dabalataa akka kanfaltu taasisa.

Bulchiinsi Baayiden imaammata Chaayinaa irratti mala itti gaafatamummaa qabu fudhadha, jedhus, akka Tiraamp qaraxa guddaa hin keenye

Imaammanni daldalaa kun ilaalcha filattota biyya keessaa US keessatti waa'ee hojii omishaa Ameerikaa eeguu waliin walitti hidhata guddaa qaba

Tiraamp prezidaantiin Chaayinaa Xi Jinping ''hawwataa'' fi ''hamaa'' fi hogganaa bu'a qabeessa ta'ee fi namoota biiliyoona 1.4 ''kubba sibiilaa''n bulchu jechuun jajataniiru - kunis qaama faarsa Tiraamp ''abbootii irree'' faarsuun beekaman keessati.

Pirezidaantichi Chaayinaa to’achuuf jecha mala bulchiinsi Baayiden biyyoota naannoo biroo waliin tumsa nageenyaa cimaa Ameerikaa ijaaruu irraa fagaachuu waan malu fakkaata.

Ameerikaan Taayiwaan ofiin of bulchaa jirtuuf waraanaan gargaaruf jetti jirti, Chaayinaan akka bulchiinsa addaan baatee yeroo booda to’annoo Beejiing jala jirtutti ilaalti.

Tiraamp gara Waayit Haawusitti deebi’uu hordofee, Pirezidaanti Shiin maraataa fi balaafamaa ta’uu isaanii waan beekaniif, humna waraanaa fayyadamuun uggura Chaayinaan Taayiwaan irratti hin raawwanne ittisuu akka hin qabne dubbataniiru, akkasumas meeshaalee Chaayinaan galfaman irratti taarifa dabalataa akka kaa’an dubbataniiru.