Biyyootni hiyyeeyyiifi Sooreyyiin Afrikaa bara kanaa eenyu fa'i?

Afrikaan qabeenya uumamaan Ardii badhaate taatus waliigalatti addunyaa irratti hiyyeettii jedhamuun beekamti.

Rakkooleen siyaasaa, diinagdee, hanqinni nageenyaa, malaammaltummaafi waraanni sababoota hiyyummaatti hambisan keessaa eeramu.

Dhaabbatni Maallaqaa Addunyaa (IMF) biyyoota hiyyeeyyiifi sooreyyii Afrikaa bara kanaa adda baaseera.

Sadarkaa kana baasuuf omisha waliigalaa biyya keessaa, galii waliigalaa, qaqqabamummaa tajaajilootaa fi kaanis akka safartuutti fayyadameera.

Itoophiyaan biyyoota hiyyeeyyii jedhaman jalqabaa shan akkasumas biyyoota sooreyyii jedhaman jalqabaa shan keessa hin jirtu.

Haata'u malee akka gabaasa IMFtti Itoophiyaan biyyoota diinagdee gaarii qaban keessaa tokko akka taate ibseera.

Bara 2024 keessa guddinni waliigalaa Itoophiyaa dhibbeentaa 6.2 akka ta'u eegama. Qaalayinsi gatii ammoo akka malee dabalaa dhufus, dhuma bara kanaa hir'isaa adeema tilmaamni jedhu jira.

Itoophiyaa, Ayivoori Koosti fi Ruwaandaan bara 2024 keessa guddina diinagdee dhibbeentaa jahaa ol ni galmeessuu jedha tilmaamni IMF.

Biyyoota dureeyyii Afrikaa shan

Moriishiyees

Biyyi soorettiin Afrikaa bara kanaa Moriishiyees taateetti. Omishni waliigalaa biyyattii humna bituu lammiileeshee waliin wal bira yoo qabamu doolaara 31,157dha.

Biyyattiin omisha sukkaaraa fi indaastirii huccuun beekamti. Sochiin diinagdee ishee damee hedduun guddachuun gabaasameera.

Liibiyaa

Barootaaf waraana waliinii keessa kan jirtu Liibiyaan, bara kana biyya dureettii Afrikaa ta'uun sadarkaa lammataarra jirti. Galiin dimshaashaa lammiilee biyyattii mata mataan doolaara 26,527 dha.

Maddi qabeenyaa guddaan biyyattii boba'aadha. Bara darbe biyyattii keessatti tasgabbii buusuuf yaaliin godhame hanga tokko milkaahuun sadarkaa bara darbe qabattee turte akka cimsitu gargaareera.

Bootsiwaanaa

Biyyi Kibba Afrikaa kun galiin dimshaashaa lammiilee biyyattii mata mataan doolaara 20,311dha. Kanaanis badhaadhummaan Afrikaarraa sadarkaa sadaffaa qabattee jirti.

Biyyattiin guddina diinagdee damee hedduu agarsiisaa kan jirtu yoo ta'u, qabeenya almaazii qabduttii fayyadamuun, turizimiifi qonni guddina agarsiifteef sababoota ijoodha.

Gaaboon

Galii dimshaashaa lammiilee biyyattii mata mataan qaqqabu doolaara 19,865 galmeessuun biyyoota dureeyyii Afrikaa keessaa sadarkaa arfaffaarra kan jirtu Gaabooni.

Zayita boba'aa fi albuudotaan biyyi badhaate kun qabeenyota kanarraa guddina diinagdee guddaa galmeessaa jirti. Karoorri misoomaa itti fufaan mootummaan biyyattii hordofu, sochii diinagdee kaan waliin qindaa'uun guddina isheef sababa biroodha.

Masrii

Maasriin galii dimshaashaa lammiilee biyyattii mata mataan qaqqabu doolaara 17,786 qabaachuun Afrikaarraa sadarkaa shanaffaa jirti. Guddina uummataa guddaa qabaattuyyuu dameen turizimii, qonniifi indaastiriin guddinasheef gahee guddaa bahu.

Biyyoota hiyyeeyyii Shanan

Bara 2011tti biyya haaraa ta'uun beekamtii kan argatte Sudaan Kibbaa biyyoota Afrikaa hiyyeeyyiidha jedhaman keessaa adda duree taateetti.

Tasgabbii dhabuun siyaasaa, walitti bu'iinsifi hanqinni bu'uura misoomaa sababoota ijoo guddina biyyattii hudhanii qabaniidha.

Qabeenya boba'aa guddaa kan qabdu biyyattiin, uummatashee miiliyoona 11 ta'an keessaa harki hedduun mala qonnaa aadaarratti hirkataniiru.

Buruundii, Riippaablika Giddugaleessaa Afrikaa, Rippaablika Dimookraatawaa Koongoofi Moozaambiik biyyoota shanan hiyyeeyyiidha jedhaman keessaayi.