TikTokiin UStti akka hin cufamneef ijibbaata falmaataa jira

TikTok Jimaata har'aa Amajjii 10, 2025 Mana Murtii Olaanaa Ameerikaa dhimma nageenya biyyaalessaa fi bilisummaa dubbii qoratu duratti dhiyaatee uggura irra kaa'ame kuffisuuf falmii ijibbaataa ni taasisa.

Miidiyaa hawaasaa yeroo gabaabaa keessatti jaalatamummaa argate Tiktok abbaa qabeenyicha dhabbatichi Chaayinaa irraa akka adda bahu ykn hanga Amajjii 19'tti US keessatti akka ugguramu murtii bara darbe raggaasifame mormaa jira.

Mootummaan Ameerikaa TikTok yoo Ameerikaatti gurgurame malee Chaayinaan akka meeshaa basaasaafi tooftaa siyaasaatti fayyadamuu dandeessi jechuun falmaa jira.

Garuu dhaabbanni TikTok himannaa sana kuffisee, haqa malee akka irratti xiyyeeffatamee fi tarkaanfiin kun bilisummaa dubbii fayyadamtoota Ameerikaa gara miliyoona 170 ta'an sarba jechuun falma.

Manneen murtii gadii yaada Amerikaa kan deeggaran yoo ta'u, hala kana walxaxaa kan taasise pirezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp falmii kana gidduu galuun waliigalteen hojjechuuf yeroo akka dhabbatichaaf kennamuuf raawwiin seera bahee akka dhaabbatu gaafachuu hordofeeti.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti, Manni Murtii Olaanaa maal akka murteessu ifa miti, garuu murtii kanaan dura kenname kuffisuun waan baratame miti.

Manni Maree Bakka Bu'oota Ameerikaa bara darbe wixinee seeraa TikTok Ameerikaa guututti dhorkuu dandeessisu dabarsee ture.

Seerri kun appii kana fayyadamuu kan dhorku utuu hin taane dhaabbileen teeknooloojii gurguddoon kanneen akka Apple fi Google dhiyeessuu akka dhiisanii fi update akka dhorkan kan gaafatu yoo ta'u, kunis yeroon boodaa aappichi akka dhabamu kan taasisu ta'uu xiinxaltoonni yaada kan kennan.

TikTok maaliif US'tti dhorkamuuf yaadame?

TikTok UK dabalatee biyyoota hedduu keessatti meeshaalee mootummaa irraa dhorkamee jira. Indiyaa dabalatee biyyoota tokko tokko keessatti ammoo uggurri guutuu ta'e kaa'ameera.

Ameerikaan TikTok balaa "hamaa" ta'uu kan himtu mootummaan Chaayinaa abbaan qabeenyaa isaa Bayite Dance akka daataa fayyadamtootaa dabarsee kennuuf dhiibbaa gochuuf ykn dantaa Chaayinaa eegaa akka jiru fayyadamtootatti agarsiisuuf itti fayyadamuu danda'u falmiti.

TikTok qabeenyummaan isaa kan kampanii Chaayinaa ByteDance jedhamu bara 2012 keessa hundeeffameeti.

Dhaabbanni buufatasaa Beejing godhate kun Odola Kayimaan keessatti kan galmaa'e yoo ta'u, waajiraalee gara garaa guutummaa Awurooppaafi US keessaa qaba.

Tik Tok sooftiweerii viidiyoo ittiin gulaalan CapCut jedhamus qaba. Kana malees, appiiwwan gara garaa Chaayinaa keessatti qofa argaman ni qaba..

Manni Murtii Olaanaa seera kana heera mootummaa kan faallessu jedhee akka kuffisu, ykn seera kana qorachuu akka danda'uuf raawwiin isaa akka dhaabbatu ajajuu gaafateera.

Himanni Tiktok irratti dhiyaate odeeffannoo sirrii hin taane fi hanqina qabuu irratti hundaa'a jedhe dhabbatichi. Tiraamp guyyaa seerri kun hojiirra ooluu booda aangoo qabachuuf jiru.

Yeroo turtii isaanii jalqabaa US keessatti appii kana akka dhorkamu gaafatee ture, garuu duula filannoo irratti yaada sanaan faalla dhiyeessuu eegale.

Gabaasni abukaatonni Tiraamp dhuma baatii darbee dhiyeessan falmii seeraa irratti ejjennoo kan hin fudhanne ta'us, dhimmichi "mirga bilisummaa dubbii gama tokkoon fi yaaddoo imaammata alaa fi nageenya biyyaalessaa gama biraan yaaddoo ta'uu ibsa.

Tiraampi wayita duula filanoo ''TikTok dhorkuu ni morma'', ''erga aangoo qabannee rakkoo kana karaa siyaasaatiin furuu dandandeenya,'' jedhe.

Kunis erga Tiraamp hogganaa TikTok waliin wal arganii booda ture.

Investarooti TikTok bitachuuf fedhii ibsan, Ministira Maallaqaa duraanii Tiraamp Steven Minuchin fi abbaa qabeenyaa duraanii LA Dodgers Frank Mc Cowurt keessatti argamu.

US keessatti fayyadamtootni TikTok hedduun kan morman yoo ta'u, isaan keessaa tokko tokko bara darbe himannaa seeraa mataa isaanii kan dhiyeessan ta'uun ibsameera.