Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Benzeemaan Ministira Faransaay hidhata Jihaadistootaa qaba jedhaniin himachuufi
Taphataan kubbaa miilaa Faransaay Kariim Benzeemaa Ministira dhimma biyya keessaa biyyasaa akka hidhata Jihaadistootaa qabuutti isa ibsan mana murtii dhaabuuf akka jedhu gabaasame.
Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Faransaay Jeerland Daramaniin maxxansa dhimma Gaazaa ilaalchisee Benzeemaan X gubbaa maxxanseef deebii kennaniin Benzemaan Musliim Biraazerhuud waliin hidhata qaba jedhan.
Benzeemaan X gubbaatti kadhata warra Gaazaaf godheen ''ammallee irra deebiin haala haqa hin taaneen, dubartootaafi daa'imman osoo hin qoodiin boombiin haleelamuun miidhaman,'' jedhe.
Ministirichi haleellaa Hamaasiin lammiileen Israa'el 1,400 du'uusaaniirratti homaa hin dubbanne jechuun, ''Musliim Biraazerhuud waliin hariiroo qabuun sirriitti beekama'' jedhan.
Musliim Biraazerhuudiin kan morman jihaada kan jajjabeessu waan ta'eef akka ta'es miidiyaa CNews jedhamutti dubbatan.
Taphataan urjii badhaasa taphataa cimaa Ballon d'or bara darbee injifate kun ammaan tana Saa'udii Arabiyaa jiraata. Abukaatoonsaa Paaris jiru himannaa Ministirichi irratti dhiyeessan mormuun ibsa akka baasu, maqa baleessiinis himannaa akka banu ajajeera.
Abukaatoonsaa Kariim Benzeemaan dhaabbata kana waliin hariiroo xiqqaayyuu hin qabu'' jedheera.
Uummata nagaa haleellaa boombii jala jiraniif kadhachuun...Hamaasiif pirooppoogaandaa hojjechuu miti, shororkeessaa deeggaruus miti
Waan namni hedduun yakka waraanaati jedhaniin kanarratti gara laafina uumamaa agarsiisuudha.''
Gocha shororkeessummaa Hamaas Onkololessa 7 raawwate haguuguus hin danda'u jedhe abukaatoonsaa.
Kariim Benzeeman Ministira itti aanaa dhimma biyya keessaa Nadiin Moraanoo kan ''qaama pirooppagaandaa Hamaasi'' ittiin jedhan himachuuf akka jedhus ibsameera.
Ministirrichi dhaabni Musliim Biraazerhuud ''hawaasa keenya keessa seerota Islaamaa jajjaboo jajjabeessuuf karaa jiru mara fayyadama... kana hubachuu dhabuun garraamii ta'uudha. Garraamii ta'uu haa dhaabnu'' jedhan.
Musliim Biraazerhuud waggaa 80 dura Masrii keessatti kan hundeeffame yeroo ta'u bu'urri barsiisa isaa ammoo dhaabbilee barsiisa Islaamaa mankaraarsan akka Hamaasiif bu'uura ta'eera.
Dhaabbatichi Saawdii Arabiyaa, Masriifi biyyoota Baha Giddugalaa keessatti dhorkaamadha. Gamtaa Awurooppaa keessatti garuu dhorkamaas, shorokeessaas miti.
Ministirri dhimma biyya keessaa Faransaay maxxansa Benzeemaarratti kennaniin mormitoota isaaniin qeeqamaa jiru. Mormitootnisanaii dhimmicha siyaasaaf oolfata jedhaniin.