Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa’el duula waraanaa lafoo Gaazaa keessatti adeemsiftuun galmishee milkaa'uu danda'aa?
Angawoonni Israa’el hidhattoota Hamaas Gaazaa keessaa baasuuf dhaadataa jiru; sababa kanaanis Gaazaan haala kanaan dura turteen kan itti fuftu hin fakkaattu.
Haleellaa tasaa Hamaas Israa’el irratti raawwate hordofee Ministirri Mummee Beniyaamiin Netaaniyaahuu tokkon tokkoon hoggantoota Hamaas irratti tarkaanfii haaloo akka fudhatan himaniiru.
Kaayyoon tarkaanfii haaloo Israa’el ‘Duula goraadee sibiilaa’ (Swords of Iron) jechuun moggaafte kanaas duulawwan biyyattiin kanaan dura Gaazaarratti taasifterra baay’ee bal’ata.
Haa ta’u malee ergamni waraanaa kun gaafileen dhugummaan raawwatamuu kan danda’udhaa? Hooggantootni waraanichaahoo kaayyoosaanii akkamiin milkeessuu danda’u? jedhan yeroo irratti ka’an dhagahama.
Weerarri lafoo Gaazaarratti adeemsifamu waraana manaa manarraa magaalaa keessatti adeemsifamufi jiraattota nagaaf balaa kan qabudha.
Haleellaa qilleensarraa torbe darbe keessa Gaazaarratti raawwatameen namootni 2000 ol yemmuu ajjeefaman kuma 400 ol kan ta’an immoo iddoo jireenya isaaniitii buqqa’aniiru.
Humni waraanaa lafoo Israa’el gara Gaazaatti yemmuu duulu hoggantoota fi loltoota Hamaas adamsuun dabalataan namoota Hamaasiin butaman fi yoo xiqqaate 150 ta’an gadhiisiisuu kaayyeffateeti.
Itaamaajor Shuumiin raayyaa Israa’el Herzi Halevii, hoggantoota siyaasaa Hamaas Gaazaa keessa jiran adda foo’anii haleeluun “bittinneessuuf” dhaadataniiru.
Haa ta’u malee olaantummaan Hamaas waggoota 16’f Gaazaatti ture yemmuu xummuramu Gaazaan maal fakkaachuu akka dandeessu wanti yaadame jiraa? kan jedhu gaafii isa biraati.
“Israa’el miseensota Hamaas bittinneessuun garicha sochiin ala ni gooti jedhee hin yaadu. Sababnisaas garichi yaada finxaalessa Islaamaa qaba waan ta’eef” kan jedhan xiinxalaan raadiyoo raayyaa ittisaa Israa’el Amiir Baar Shaaloom, “haa ta’u malee hanga sadarkaa haleellaa raawwachuu hin dandeenyetti dadhabuu danda’a” jedhu.
Kaayyoon Hamaas dadhabsuu milkaa’uu kan danda’udha jechuun ni danda’ama. Ta’ullee Israa’el kanaan dura Hamaas waliin al afur wal waraantullee yaaliiwwan haleellaa rookkettii Hamaas dhaabuuf taasifaman osoo hin milkaa’in hafaniiru.
Dubbi himaan waraana Israa’el Letinaal Koloneel Jonaataan Konrishiyas akka jedhanitti, “xummura waraanaa kanarratti Hamaas kanaan booda lammiilee siiviilii Israa’el yaaddessuu fi ajjeesuuf humna akka hin qabaanne taasisuu barbaachisa” jedhaniiru.
Yaaddoo weerarri lafoo qaqqabsiisu
Sababootni duula waraanaa Israa’el gufachiisuu danda’an heddu jiraachuu akka danda’an amanama.
Gareen loltootaa Hamaas Izaddiin Al-Qaasaam jedhamuun beekamu halellaa waraanaa lafoo Israa’eel bantuuf qophaa’uu danda’a. Kanaanis fanjiiwwan kiyyeessuu fi haleellaawwan riphee loltummaa karoorfachuunsaas hin oolu. Dabalataan holqawwan lafa jalaa fayyadamuunis loltoota Israa’el irratti haleellaa raawwachuu danda’a.
Lola bara 2014 kutaa gara Kaabaa magaalaa Gaazaa keessatti adeemsifameen namootni siiviilii dhibbaan lakkaa’aman yemmuu ajjeefamanitti loltootni lafoo Israa’el fanjiiwwan farra taankiin, kunneen akeekanii dhukaasan fi haleellaa riphanii loluutiin miidhaan cimaan irratti qaqqabeera.
Israa’el duula lola lafoo amma yaaddeen walqabatee uummatni miliyoona 1.1 kunneen kutaa Kaaba magaalaa Gaazaatti argaman iddoo jireenyaa isaanii dhiisanii akka bahan ajajjeerti.
Biyyattiin loltoota idilee qabduun dabalataan duula amma gaggeessuuf yaaddeef miseensoota humna waraanaa eeggataa 360,000’f waamicha kan taasifte yemmuu ta’u, waraanni kun yeroo ji’ootaa fudhachuu akka malus himamaa jira.
Duulli waraanaa Israa’el bifa kanaan Gaazaa keessatti adeemsiftu, biyyattiin Gaazaadhaa akka baatuuf hawaasa addunyaan dhiibbaan osoo irrratti hin taasifamin yeroo hagamiif turuu dandeessi gaafiin jedhu akka ka’u taasisa.
Haleellaa qilleensarraa torbee tokkoof irratti raawwatameen mancaatii cimaan kan ishee mudate Gaazaan saffisaan “si’oolii” ta’aa jirti jechuun Dhaabbatni Baqattootaa Biyyoota Gamtoomanii akeekkachiiseera.
Lakkoofsi namoota Gaazaa keessatti du’anii saffisaan dabalaa kanjiru yemmuu ta’u, dhiyeessiin bishaanii, elektiriikii fi boba’aa adda citeera. Uummaticha keessaa walakkaa kan ta’us qe’eesaa dhiisee akka bahu itti himamee jira.
“Mootummaa fi waraanni Israa’el yoo xiqqaate deeggarsa hooggantoota biyyoota Lixaa akkasumas hawaasa idil addunyaa ni qabna jedhanii yaadu. Kanaafis yaadni jiru ‘yeroo waan qabnuuf tarkaanfii yaa fudhannu’ kan jedhudha” jechuun gaazexeessaan dhimma nageenyaa fi basaasaa Israa’el keessatti argamu Yoosi Melmaan hima.
Haa ta’u malee yeroo dhiyootti yookiin immoo bubbulees ta’u suuraawwan namoota beela’an mul’isan yoo bahan michuuwwan Israa’el gidduu ni seenu jedhees yaada.
Butamtoota gadhiisiisuu
Butamtoota keessa lammiileen Israa’el heddu jiraatanillee, lammiileen biyyoota biroo lakkoofsa olaanaa qaban fi kunneen lammummaa biyya lamaa qaban ni argamu. Sababa kanaan Ameerikaa, Faransaay fi Yunaayitid Kingdam dabalatee biyyoonni baay’een dhimmi butamtootaa isaan ilaallata.
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’el Maakron, “Faransaay ijoolleeshee gonkumaa hin gattu” jechuun lammiilee biyyattii Hamaasiin butaman gadhiisisuun gara biyya isaaniitti deebisuuf waadaa galaniiru.
Dhimmi butamtootaa namoota karoora waraanaa qopheessan irratti dhiibbaa uumuusaa ilaalchisee wanti ifatti beekamu hinjiru. Dabalataan angawoota Israa’el irrattis dhiibbaan biyya keessaa ni jira.
Amir Baar Shaalom dhimma kana taatee ALA bara 1972’tti Olompikii Muunik irratti raawwate fi kan loltoonni Filisxeem atileetota Israa’el 11 butuun itti ajjeessan waliin walbira qabuun xiinxala.
Waqtii sanatti mootummaan Israa’el hidhattoota buttaa sana keessatti hirmaatan adamsee ajjeesuuf duula gaggeessee ture.
Namoota yeroo ammaa Hamaasiin butamanii Gaazaa keessa iddoowwan garagaraatti argaman barbaadanii gadhiisiisuun humna garee komaandoo Israa’el maqaa Saayeret Maatkaal jedhamuun waamamuu ol ta’uu danda’a. Hamaas gama isaatiin Israa’el Gaazaa irratti haleellaa yoo bante namoota bute akka ajjeesu akeekkachiiseera.
Israa’el ALA bara 2011’tti loltuushee waggoota shaniif to’annoo Hamaas jala ture gadhiisiisuuf hidhamtoota 1,000 ol gadhiisunshee ni yaadatama. Amma garuu wal jijjiirraa hidhamtootaa lakkoofsa olaanaa qabu akkanaa taasisuusheen dura haalaan irratti yaadunshee hin oolu.
Akka fakkeenyaattis waljijjiirraa hidhamtootaa kanaan duraattiin Filisxeemota Israa’el gadhiiste keessaa Yaahiyaa Sinwaar tokko yemmuu ta’u, hidhaadhaa erga bahee booda Gaazaa keessatti hogganaa dhimma siyaasaa Hamaas ta’uusaatiin kunneen yeroo ammaa adamsaa jirtu keessaa inni isa tokkodha.
Deebii biyyoota ollaa
Dheerina yeroo haleellaa lafoo Israa’el magaalaa Gaazaa keessatti adeemsiftu ilaalchisee dhimmoota dhiibbaa taasisuu danda’an keessaa tokko deebii biyyoonni ollaa laatanidha.
Kunneen keessaa biyyi Gaazaa waliin daangaa qooddattu Gibxiin gaafii irra deddeebii kaaftu qabaachuu isheeti. Yeroo ammaatti Gibxiin karaa Raafih jedhamuun gargaarsi namoomaa gara Gaazaa akka seenu gaafachaa jirti.
“Duula waraanaa Israa’eliin miidhaan qaqqabaa yemmuu deemu Gibxiin Filisxeemota fuula kan dhorkatte waan fakkaatuuf dhiibbaan irratti jabaata” jedhu Dhaabbata Qorannoo Biyyaalessaa Israa’el keessa kan hojjetan Oofir Wintar.
Haa ta’u malee dhiibbaan kun Gibxiin jiraattonni Gaazaa lakkoofsa olaanaa qaban gara daangaashee akka seenaniif akka heeyyamtu yookiin ammo Israa’el irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu hanga feetutti ni qaqqaba jedhanii hin yaadan.
Naannoon daangaa Israa’el gama Kaabaan biyya Libaanon walin daangessus ofeeggannoon kan ilaalamudha.
Guyyoota darbanittis gareen hidhattootaa Islaamaa Libaanon keessa socho’u Hizboolaan haleellaawwan heddu Israa’el irratti raawwatus kun adda waraanaa biraa Israa’el irratti banmedha jedhanii hin yaadan.
Hizboolaa olaantummaan kan deeggartu Iraan, Israa’el irratti “adda waraanaa haaraa” akka bantu dhaadachuushee hordofee Pirezidaantiin Ameerikaa, “biyyas ta’e dhaabbata haala kana dantaa ofiif oolchuu barbaadu kamiifuu jecha tokko qofan qaba, innis ‘akka hin raawwanne’ kan jedhudha” jechuun akeekkachiisaniiru.
Akeekkachiisa pirezidaantichaa kana caalmaatti cimsuuf fi deeggarsa Israa’eliif qabdu agarsiisuuf Ameerikaan dooniishee xayyaarota waraanaa baatu gara kutaa Bahaa galaana Meditiraaniyaaniitti ergiteerti.
Carraa gara fulduraa Gaazaa
Hamaas sadarkaa olaanaan kan dadhabu yoo ta’e iddicha eenyutu qabachuu danda’a kan jedhu gaafiilee ijoo ka’aa jiran keessaa isa tokko.
Israa’el loltootashee Gaazaa keessaa qabdu fi qubattootashee kumaatamaan lakkaa’aman ALA bara 2005 waan baafteef irra deebiin bifa weeraraan seenuuf fedhii hinqabdu.
Gaazaa keessatti olaantummaa kan qabu Hamaas yoo dadhabe angawaan Filisxeem ALA bara 2007 Hamaasiin Gaazaa keessaa ari’ame, garee hidhataa kan hintaane fi West Baank gariin bulchaa jiru suuta gara Gaazaatti akka deebi’uuf hulaa ni bana jechuun Oofir Wintar amanu.
Dabalataan Gibxiin bulchiinsa Gaazaa angawaa Filisxeem Faataahin hogganamufi haalota jiran waliin ofmijeessaa deemuu danda’u ni deeggarti jechuunis himu.
Gama biraatiin immoo bu’uraalee misoomaa waraanoota darbaniin dabalatee manca’e deebisanii ijaaruunis dhimma eegamudha.
Hamaas tibbana Israa’el irratti haleellaa banuu isaatiin durayyuu Israa’el shaqaxoota tajaajila nagaa fi waraanaaf ooluu danda’an gara Gaazaa akka hinseenne to’annoo cimaa taasisaa turteerti. Kana boodas qoqqobbii Gaazaarra keesse kana daran cimsuuf fedhii ni qabaatti.
Dabalataan hawaasa Israa’eelif eegumsa taasisuuf naannoo dallaa daangaa Gaazaarra jirutti buufatni ykn naannoon ittisaa akka jiraatus gaafiin dhiyaachaa tureera.
Hogganaan duraanii Tajaajila Nageenya Biyya Keessaa Israa’el Yooraam Koohin, qaxaanaa (naannawani) nageenyaa isa amma jiru bakka bu’u fi kunneen daangaa kana qaxxaamuranii seenan “dhukaasanii ajeessuu” dandeessisu fageenya kilomeetira lama gara Gaazaa keessaa seenuun hundaa’uu qaba jechuun amanu.
Bu’aan duulli waraana lafoo Israa’el yeroo ammaatti Gaazaa keessatti adeemsisuuf itti qophaa’aa jirtu fidu waan fedhe ta’us Israa’el haleellaan walfakkaataan irra deebiin akka irratti hinraawwatamne gochuuf fedhii qabdi.