Waltajjiin horsiisee bultoota biyyoota Baha Afrikaa walitti fide maal kaayyeffate?

Gaalaa fi horsiisee bultoota galma barkumeetti

Madda suuraa, Ministry of Irrigation & Lowlands

Horsiise bultoonni biyyoota Baha Afrikaa garagaraarraa walitti dhufan Magaalaa Finfinneetti kan argamu Galma Barkumeetti walitti qabamaniiru.

Waltajjii ‘Agarsiisa Horsiisee Bultoota Baha Afrikaa’ jechuun qophaa’e kana Ministeera Jallisiifii Naannolee Gammoojjii Itoophiyaa fi IGAD’tu waliin ta’uun qopheesse.

“Kaayyoo guddaan agarsiisichaa horsiise bultoonni keenya keessaayyuu naannoo Baha Afriikkaatti keessatti argaman rakkoo akkamii qabu, qabeenya akkamii qabu, jiruu akkamii jiraatu, fulduratti maal ta’uu qabu kan jedhurratti marii jalqabuudha” jedhu addatti BBC’f yaadasaanii kan laatan Deetaan Ministeera Jallisiifii Naannolee Gammoojjii Dr. Birhaanuu Leenjisoo.

Agarsiisa kanarratti bakka bu’ootni horsiise bultoota biyyoota IGAD keessa jiranii akkasumas immoo biyyoota Baha Afriikkaa biroorraa dhufan irratti hirmaachaa akka jiranis himu.

Dhimmi jijjiirama qilleensaa horsiise bultoota biyyoota Baha Afriikkaa daran miidhaa jiru dhimmoota ijoo irratti mari’atamu keessaa tokko ta’uu kan himan angawaan kun, “Jijjiirama qilleensaan horsiise bultoota keenya akka malee qoraa jiru kana bifa akkamiitiin irra aanna? Misooma akkamii yoo babal’isne rakkoo isaanii kanarra aanuu danda’u? kan jedhurratti waliigaltee uumuudha” jedhan.

Muuxxannoowwanfii yaadawwan furmaataa bakka bu’oota hawaasaa, eksipartootafii angawoota mootummaarraa waltajjii kanarratti hirmaatanirraa argaman akka galteetti fayyadamuunis sagantaan misoomaa hojiitti hiikamuu danda’u akka qophaa’us Dr. Birhaanuun himaniiru.

“Waltajjii asitti argame kana babal’isuun fulduratti mariifii qorannoo gadi fagoo gochuun qorannoon sanaan tarsiimoofii imaammata misooma naannoo horsiise bulaa qopheessuun akka utubu gochuu itti fufnee hojjenna” jedhan.

Hirmaattota festivaala kanaa

Madda suuraa, Ministry of Irrigation & Lowlands

Hirmaattonni agarsiisichaa maal himu?

Aadde Awayi Isaak Alii waahillansaanii waliin ta’uun godina Booranaa Aanaa Mooyyaleerraa agarsiisa kanarratti hirmaachaa jiru. Omishaalee aannanii magaalaa Mooyyalee keessatti daldalanis agarsiisaaf dhiyeessaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Awayifii waahillansaanii deeggarsa dhaabbilee mitimootummaa irraa argataniin Waldaa Gumii Aannanii dhaabuun hojii daldala aannanii hojjetu.

“Gareen keenya waan aannanii hojjeta. Aannan gaalaa fi aannan loonii cufaatuu ni hojjenna. Aannan sana ni gurgurra, deebisnee akka shaayii dhaabnee, itittuus goonee ni gurgurra” jedhan.

Aannan kana horsiise bultoota aanaalee godina Booranaa garagaraarraa akka bitan kan himan Aadde Awayi, “gaafa waldaan walitti nuijaaran waa hinbeeknu ture. Amma akka dansaa waa baranne. Hojii hojjechuufii qusachuu beekna. Qusannee ilmee keenya ittiin barsiifannee ofillee jijjiirre” jedhan.

Gama biraatiin Naannoo Kibba Lixaa Itoophiyaarraa kan dhufan Obbo Baaraarii Siraaluuguu, omishaalee qonnaa horsiise bultoota naannoo isaaniitiin omishaman agarsiisaaf dhiyeessaniiru.

“Wanti akka qormaataatti ilaallu naannoo rakkoon bu’uraalee misoomaa baay’een itti jirudha. Naannoo horsiise bultoonni misoomaan duubatti hafan itti argamanidha. Rakkoon guddaan isadha” jedhan.

Waltajjiin kunis namoonni naannoo isaanii hinbeekne akka beekanfii kunneen hojii inveestimantii hojjechuu barbaadaniin akka ilaalamaniif carraa kan uumu akka ta’es Obbo Baaraarii himaniiru.

Gama biraatiin agarsiisni kun horsiise bultoota biyyoota Baha Afriikkaa keessa jiran gidduutti carraa muuxxannoo walii qooddachuu uumuun cinatti uummanni Itoophiyaa kunneen biroolllee jiruufi jireenya hawaasa horsiise bulaa biyyattii keessa jiranii akka hubataniif kan gumaachu ta’uu Deetaan Ministeera Jallisiifii Naannolee Gammoojjii Dr. Birhaanuu Leenjisoo himu.

“Haalli jijjiirama qilleensaa amma babal’ataa jira. Kan kana dura gammoojjii ta’ee qofa osoo hintaanee kan baddadarefii baddaa ture haalli qilleensaa jijjiiramaa waan dhufeef, warri horsiisee bulaa kunimmoo jijjiirama qilleensaa dandamachuurratti, bishaan kuusanii fayyadamuurratti muuxxannoo addaa qabu. Muuxxannoo sanirraa uummatumti biyyaatuu waan baay’ee irraa barata” jedhan.

Anga''ootaa fi horsiisee bultoota

Madda suuraa, Ministry of Irrigation & Lowlands

Qormaataafi carraawwan naannolee horsiisee bulaa…

Naannoleen horsiise bulaa Itoophiyaa keessa jiran carraawwanis qormaatawwanis akka qaban kan himan Dr. Birhaanuun, “Horsiise bulaafii nama naannoo gammoojjii akka naannoo rakkoodhaan hidhametti, akka naannoo qabeenya dhabetti, akka naannoo rakatutti ilaaluun ni jira. Saaxilamummaa inuma qabu garuummoo qabeenyas baay’ee qabu” jedhan.

Akka Itoophiyaatti naannoon horsiise bulaa naannoo qabeenyawwan gurguddaa itti argaman ta’uu himuun, “keessumaa akka biyyaatti lafti bal’aan nuti qabnu naannoo gammoojjii kana jira” jedhan.

“Rooba xiqqaa yaa argatan malee bishaan baddaafi baddadaree roobe kun laggeeniin gara gammoojjiitti gadi bu’a. Kanaafuu omisha qonnaa babal’isuudhaaf naannoon gammoojjii kun naannoo mijataa ta’uusaa mootummaan Itoophiyaa adda baafateera,” jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa qabeenya kana adda baasuun cinatti misoomsuuf tarsiimoo qopheessuu kan himan angawaan kun, misoomni naannoo horsiise bulaatti hojjetamu kun horsiise bulaa bira darbee akkuma biyyaattuu wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabaatus dubbatan.

Kana malees qabeenyi loonii horsiise bultootaa sharafa biyya alaa argamsiisaa kan jirus ta’uu himan.

Gama biraatiin hanqinni roobaafii hongeen waggoota darbe keessa horsiise bultoota kutaalee biyyattii garagaraa jiran miidhe qormaatawwan horsiise bultootaa isaan ijoo keessaa tokko ta’uu himan.

Miidhaa hongeen horsiise bultootarraan gahu kana hir’isuufii dhabamsiisuuf immoo ministeerri isaanii misooma jallisii gara naannolee gammoojjiitti babal’isaa jiraachuu himan.

“Misoomni jallisii gara gammoojjiitti yoo babal’ate, tokkoffaa bishaan daangaa kutanii gara biyyoota birootti ce’an kana hidhuudhaan akka yeroo hongeettii itti fayyadaman gochuurratti faayidaa qaba” jedhan.

Dhimma horsiise bultoota Booranaa…

Horsiise bultoonni Booranaa hongee waggoota darbe godinicha mudateen cimaa miidhaman. Qabeenyi loonii horsiise bultoota heddus manca’eera.

Taateen kun irra deebiin horsiise bultoota godinichaa akka hin miineef Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin akkasumas gama Ministeera Jallisiifii Naannoolee Gammoojjiitiin hojiileen garagaraa hojjetamaa jiraachuu Dr. Birhaanuun himu.

“Mootummaan Naannoo Oromiyaa Pirojektii Finnaa naannoo sanatti babal’isuun bishaan kuusuurratti haalaan hojjechaa jira. Ministeerri keenyas pirojeektota bishaan lafa jalaa misoomsuurratti hojjechaa jira” jedhan.

Kanaanis horsiise bultoonni loowwansaaniif dhiyeessii bishaanii akka argatan taasisuun cinatti nyaata horii misoomsuun akka fayyadaman taasisuuf hojjetamaa jiraachuus dubbatu.

“Naannoon sun diinagdee hongee dandamatu akka qabaatu gochuu keessatti hojii bal’aatu jalqabamee jira. Baruma darbe kanayyuu wanti jijjiirame baay’eetu jira. Waggaa lamafii sadeen dhufanitti garuu diinagdee roobnillee yoo hafe of danda’ee itti fufuu danda’u akka ta’u gochuu keessatti wanti mul’atu ni argama jedheen yaada” jedhan.

Ilaalchi naannolee horsiise bulaa rakkoo waliin walqabsiisuu bal’inaan kan mul’atu ta’uu kan himan Dr. Birhaanuun, ilaalchi kun sirrii akka hintaanes himu.

“Naannoon kun naannoo humna guddaa qabu, qabeenya guddaa qabu. Qabeenyafi humna naannoo sana jirutti fayyadamuu yoo dandeenye, isaan misoomsuu qofa osoo hinta’in akka biyyaatti waan baay’ee irraa argachuu dandeenya,” jedhan.