Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoon Beneshaangul Gumuz waggaa sagal booda mootummaa haaraa ijaaruuf filannootti jira
Naannoo Beneshaangul Gumuz keessatti wagga sagal booda filannoon mootummaa haaraa hundeessuu dandeessisu har’a gaggeeffamaa jira.
Akkuma kana naannolee biroo keessatti ammoo teessuma mana-maree qullaa turan guutuudhaafis filannoon ni gagggeeffama.
A L I 2013 yeroo filannoon waliigalaa biyyaalessaafi naannoo marsaa ja’affaa gaggeeffamee turetti, naannoo Beneshaangul Gumuz keessatti osoo hin gaggeeffamiin hafuun isaa ni yaadatama.
Sababa rakkoo nageenyaa naannicha keessa tureen yeroo sanatti filannoo gaggeessuun waan hin danda’amneef manni-maree wagga sagal dura hundeeffame hanga har’aatti hojiirra tureera.
Filannoon har’a gaggeeffamu kun mana-maree duraan ture bakka bu’uudhaan naannolee biyyattii biroorraa boodatti hafuun bulchiinsa naannoo haaraa akka hundeessu gargaara.
Filannoon har’a kun naannoo Beneshaangul Gumuz, Affaar, Somaaleefi Giddu-galeessa Itoophiyaa bakka filannoo biyyaalessaa A L I Waxabajji 14, 2013 fi Fulbaana 20, 2014 yeroo gaggeeffamee keessaa hafanitti gaggeefama.
Naannoon Beneshaangul Gumuz teessuma mana-maree bakka bu’oota ummataa sagaliifi mana-maree naannoo 99 kan qabu yoo ta’u, kanaan dura naannicha keessatti bakka filannoo gaggeessuun danda’ame keessatti teessumni mana-maree federaalaa sadiifi mana-maree naannoo 28 nama mo’ate argachuun isaanii ni yaadatama.
Naannichi teessuma hafan ja’a mana-maree bakka bu’oota ummataa keessatti bakka bu’aa osoo hin qabaatiin kan ture yoo ta’u, manni-maree naannoo 71 ta’us osoo filannoon irratti hin gaggeeffamiin tureera.
Teessuma mana-maree naannoo 28 Sochiin Bilisummaa Ummata Beneshaangul (SBUB), EZEMA, ABIN, akkasumas Paartiin Badhaadhinaa ta’uun dorgomanii turerratti guutummaan guutuutti kan mo’ate Paartii Badhaadhinaa ture.
AKka seera filannoo biyyattiitti garuu Badhaadhinni sagalee caalmaa mootummaa hundeessuuf isa dandeessisu waan hin argatiin tureef mootummaan haaraa osoo hin hundeeffamiin tureera. Yeroosaatti teessoo haferratti bakka bu’oota ummataa filanii mootummaa ijaaruuf haalli nageenyaa filannoo gaggeessuuf aanjessaa hin turre.
Sababa kanaan ammoo bulchiinsi naannichaa miseensota mana-mareefi hoji-raawwachiistota barri aangoosaanii dhumateen gaggeeffamaa ture jechuun paartileen mormitootaa qeeqaa turaniiru.
Haata’u malee, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa akka beeksisetti taanaan ammallee naannoo Beneshaangul Gumuz keessatti buufataaleen filannoo 4o keessatti rakkoon nageenyaa waan jiruuf har’as sagalee kennuun hin danda’amu.
Har’a filannoon biyyaalessaa ja’affaan hafeefi irra deebiin kan gaggeeffamu naannoo Beneshaangul Gumuz keessatti qofa miti. Affaar, Somaaleefi Giddu-galeessa Itoophiyaa bakka sababa garagaraatiin osoo hin gaggeeffamiin hafettis ni gaggeeffama.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa guyyoota darbe haal-dureewwan filannoof barbaachisan irratti qophiin barbaachisu taasifamee meeshaaleen sagalee kennuuf barbaachisan gara buufataalee filannootti rabsamuu beeksiseera.