‘Diigamuun Masjiidaa mul’atee kan hin beeknedha’ -Sheek Haji Ibraahim Tufaa

Manni-Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa masjiidawwan tibbana naannoo Oromiyaa magaala Shaggar keessatti diigamaniin walqabatee mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin marii taasisuufi furmaatarra gahuu beeksise.
Mootummaa naannoo Oromiyaatti bulchiinsi magaala Shaggar masjiidota seeraan ala ijaaraman jedhe 22 diiguunsaa ibsicharratti kan himame yoo ta’u, jiilli Pirezidaantii mana marichaa Sheek Haji Ibraahim Tufaan durfamu marii sa’aa shaniif ture Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waliin taasisuu isaatu himame.
Manni marichaa ibsa har’a Waxabajjii 8, 2023 miidiyaaleef kennamerratti haasaa kan taasisan Sheek Haji Ibraahim Tufaa “taateen magaala Shaggar keessaatti uumame diigamuun masjiidaa mul’atee kan hin beekneefi dhageenyee kan hin beekne, haala rifaasisaatu nurratti uumame,” jedhan.
Haata’u malee, rakkoon uumame marii guyyaa kaleessaa adeemsifameen furnmaata argachuu himaniiru.
Mariicharratti maal fa'itu ka'e?
Marii guyyaa kaleessaa Waajjira Pireesidaantii Naannoo Oromiyaatti adeemsifamerratti bakka bu’ootni Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa fi angawoonni naannoo Oromiyaa argamuun isaanis himameera.
Magaala Shaggar keessatti masjiidotni 22 diigamuu kan hime ibsi mana marichaa, gaafii masjiidaa uummatni Musliimaa qabuuf deebiin hatattamaa akka barbaachisu mootummaa naannichaaf gaafii dhiyeessuu himeera.
Kana malees, rakkoo uumame mariin furuun osoo danda’amuu mariin osoo hin taasifamin masjiidota diiguun uummataafi mootummaa gidduutti muufii kan uumeefi lubbuun namaas akka badu kan taasise ta’uun ibsicharratti eerameera.
“Qaamoleen nageenyaa Musliimota nagahaa irratti kallattiin dhukaasuun ajjeessuun fi madeessuun isaanii sirrii akka hintaanefi qaamoleen lammiilee nagaa irratti dhukaasuun ajjeesaniifi madeessan seeraan akka gaafataman” kan jedhus qabxii maricharratti ka’edha jedhameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama biraatiin Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dursa dhimmicharratti mariin taasifamuu dhabuunsaa dogongora akka ta’e himuun isaanii ibsicharratti eerameera.
“Magaalli Shaggar duudhaa amantaa bu’uura godhachuun akka ijaaramufi dhaabbileen amantaa kan Islaamaafi manneen amantaa biroo baay’inaan pilaanii magaala Shaggar keessatti hammatamuu isaanii” pireezidaantichi dubbachuun isaanii ibsicharratti ka’eera.
Kana malees, magaala Shaggar keessatti iddoon ijaarsa masjiida guddaa akka biyyaatti eeramuu danda’uufi Yunivarsiitii Islaamaaf ta’u akka kennamus himaniiru jedhameera.
Magaalichi amayyaa’aa i pilaanii qofaan ijaarsi kan itti adeemsifamu ta’ee akka ijaaramuuf ijaarsawwan seeran alaa magaalicha keessa jiran diiguun kan itti fufu akka ta’eefi dhaabbileen amantaas kanaaf akka tumsan pireezidaantichi gaafachuun isaaniis himameera.
Hanga pilaaniin magaala Shaggar hojiirra ooluu eegaluttis Musliimota iddoowwan manneen jireenyaa guutumaan guutuutti hin diigamnetti jiraniif masjiidawwan yeroof keessatti salaatan majliisni naannoo Oromiyaa fi bulchiinsi magaala Shaggar mari’achuun iddoo ijaarsa masjiidaa akka qopheessan dubbachuun isaaniis himameera.
Manneen amantaa magaala Shaggar keessa jiran 800 keessaa 656 pilaaniin ala kan ijaaraman ta’uun isaanii Obbo Shimallis dubbachuun isaanii ibsicharratti kan himame yemmuu ta’u, adeemsa manneen amantaa pilaaniin ala ijaaraman kunneen seera qabeessafi sadarkaa magaalichaa gitaniin bakka buusuuf taasifamu keessatti mootummaan kana booda kan hin diigne ta’uufii dhaabbileen amantaa mataa isaaniin kunneen diigamuu qaban akka diigaman akka taasifamu himuu isaanii ibsichi hima.
Dhimma namoota hidhamaniifi miidhaan irra gahe
Musliimota torbee lamaa as hanga guyyaa kaleessaatti hidhaman akka gadhiifaman taasisuu ilaalchisee har’a sa’aa 9:00 irratti angawoota Poolisii Federaalaa fi Poolisii Magaala Finfinnee waliin mariin akka taasifamu kan hime manni marichaa, “musliimotni hidhaman hundi garaagarummaa tokko malee akka hiikaman eegna,” jedheera.
Kana malees kunneen diigamuu masjiidotaa osoo mormanuu masjiidota Anuwaar fi Nuuritti ajjefaman yaadachuuf masjiidota kunneen magaala Shaggar keessatti diigaman bakka buusuuf ijaaraman keessaa tokko maqaa ‘Masjiida Shahiidotaa’ jedhamuun akka moggaafamus Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa beeksiseera.












