Finfinneetti salaata Jumaan booda hookkara ka'een miidhaan qaqqabe

Masjiida Anuwaar

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa

Magaalaa Finfinnee naannoo Masjiida guddicha Anuwaarii fi naannoo isaatti jeequmsa hordoftoota amantichaa fi humnoota nageenyaa gidduutti mudateen miidhaan dhaqabuu maddeen naannicha turaniifi Poolisiin himan.

Salaata Jimaataa booda sagaleen dhukaasaa naannoo masjiidichaatti dhagahamuu fi namootni lubbuun isaanii darbe fi miidhaan qaamaa irra gahe akka jiran maddeen BBC himaniiru.

Gamtaan waloo nageenyaafi tasgabbii Itoophiyaa ibsa baaseen Naannoo Masjiida Anuwaaritti rakkoo mudateen lubbuun namoota sadii darbuufi namoota murtaahan irra miidhaan gahuu ibse.

Itti dabaluunis poolisootaafi hooggantoota hojii nageenya mirkaneessuuf boba'an 63 irra balaan xiqqaa fi guddaan gaheera jedhe.

Hordoftootni amantichaa tokko tokko masjiida Anuwaaritti dhiyoo kan jiru masjiida Beeninitti sirna salaataa raawwatanii bahan BBCtti akka himanitti, salaata booda naannoo masjiida Anuwaarii sagalee dhukaasaa dhagahuun gara sana imalan.

Karaarratti namoota bittinsuuf jecha humnootni nageenyaa ''kallattiin dhukaasuu’’ isaanii ibsan.

Namoota rasaasaan dhahamanii karaarratti kufan akka arganis himaniiru.

''Ani namoota lama itti dhukaafame kufan argeera. Safara xaaliyaanii ani dhokadhe jiru keessa humnoonni mootummaa gaaffii tokko malee mana namaa seenuun, warra dhoksees, warra dhokatees reebaa turan.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni kun ''Masjiida Anuwaar keessa qofa namoota afuritu du’e'' jedha.

Dhukaasaan booda hordoftootni amantichaa poolisii irratti dhagaa darbachuu fi sana booda poolisoonni mana namaa irra deemuun bakka dhokatanii baasuun reebaa turuu namootni ijaan argan BBCtti himaniiru.

Ibsi gamtaa waloo nageenyaafi tasgabbii Komishiniin Poolisii Federaalaa qoode warri jeequmsa kaasan ''amantaa daheeffatanii sirna heera mootummaan jiru diiguuf kanneen shiraniidha'' jedha.

Namni biraa BBC’n dubbisee fi maqaan isaanii akka dhahamu hin feene, hojii daldalaa irratti bobba’un akka jiraatan himuun, yeroo rakkoon kun mudatu poolisoonni dhukaasaa akka turanii fi namoota reebuu arguu dubbatan.

Maddeen lameenuu namoota baay’ee irra miidhaan qaamaa gahuu arguufi namootni du’an akka jiranis dhagahuu himaniiru.

Barsiisaan amantaa Islaamaa beekamaan Ustaaz Abubakar fuula Feesbuukii isaanii irratti akka barreessanitti ''tarkaanfii humnaa namoota nagaa sagada irra turan irratti fudhatameen musiliimota hedduu irra miidhaan gaheera,’’ jedhan.

Miidhaa qaamaa fi lubbuu namaa irra gaheera jedhamuuf BBC’n qaama poolisii fi hospitaalota irraa odeeffannoo argachuuf yaalaa jira.

Torban har’aa ture hookkara Markaato naannoo Masjiida Anuwaaritti mudateen lubbuun namoota lamaa darbuu fi poolisoota 50 ol irra miidhaan dhaqqabuu Qajeelchi Poolisii Magaalaa Finfinnee kan beeksise.

Mormiin kun kan jalqabe komii masjiidotni magaalaa Shaggar keessaa ''seeraan ala ijaaraman’’ jedhamuun mootummaadhaan diigamuu hordofeeti.

Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee masjiidota magaalaa Shaggar keessaa seeraan ala jedhamuun diigaman akka dhaabbatuu fi warra diigamanis bakka isaaniitti deebisuuf qaamolee dhimmi isaa ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu himeera.

Manni marichaa erga kaleessa guyyaa Kamisaa dabarseen hordoftootni amantaa Islaamaa magaalichatti argaman salaata Jimaataa karaa nagana gaggeessuun deebi’uu akka qaban dhaameera.

Dabalataan soda rakkoo nageenya amudachuu danda’a jedhuun naannoo masjiida Anuwaarii fi Markaatoo bakka tokko tokkoo maneen daldalaa cufamanii akka turan maddeen BBCtti himaniiru.

Kana irraa ka’uun walakkaa Markaatoo naannoo Masjiida Anuwaar dabalatee isa barameen ala humnootni nageenuaa baay’inaan bobbaafamuu himan.

Salaata Jumaan boodas walitti hokkarri ka’uun humnootni nageenya atarkaanfii humanaa namoota irratti fudhachuun miidhaan dhaqabuudha kan himan.

Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa fi Poolisiin magaalichaa waa’ee miidhaa dhaqabee hanga ammaa waan jedhan hin jiru.

Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa magaalaa haaraa hundoofte Shaggar keessaa masjiidotni 19 diigamuu ibseera.

Haa tahu malee, dhiyeenya ibsa mootummaan naannoo Oromiyaa kenneen maneen dhuunfaa fi amantaa diigaman kan seeraan alaa fi eeyyama malee ijaaramanidha.

Diiggaan manneetii amantaa raawwate amantaa bu’uura godhachuun miti jedheera. Garuu kanneen dhimma siyaasaaf itti fayyadaman jiru jechuun waa'ee mormii ka'ee balaaleffateera.

Dabalataan magaala kana keessaa kan dhiigame masjiidota qofa osoo hin taane manneetii amantaa Ortodoksii, Pirotestaantii fi waaqeffannaa akka jiran himameera.

Paartiin Kongirensii Federaalistii Oromoos ibsa baaseen mootummaan diiguun dura hawwaasa waliin marii gahaa hin taasifne, loogii kan qabuu fi iftoomina kan hin qabnedha jechuun ibse.