'MM biraa deebii dhabnaan mirga keenya kabachiifachuuf tarkaanfii fudhanna'- Sheek Hajjii Ibraahim

Madda suuraa, ENA
Manni Maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggaritti masjiidonni yoo xiqqaate lakkoofsaan torba ta'an qaamolee mootummaan jalaa diigamuu hime.
Manni Maree kun masjiidota magaalaa dhiheenya hundeeffame- Shaggar keessatti diigaman jedhe ilaalchisee Ministira Muummee biyyattiitti xalayaadhaan iyyachuu ibseera.
Pireezidantiin Mana maree kanaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, ji'a Ramadaanaa bara kanaarraa eegalee yoo xiqqaate masjiidonni torba diigamuu fi ammallee masjiidota diiguun itti fufee jiraachuu BBCtti himan.
''Masjiidota diigaman torba keessaa shan Sabbataatti, lama ammoo Buraayyuutti ta'uu gabaasi na qaqqabeera,'' jedhan.
''Masjiidonni kunneen maaliif akka diigaman qaama diige gaafachuudha. Nuti nu jalaa diigamuu malee qaama diige argannee sababa kamiin akka diige gaafachuu hin dandeenye,'' jechuun masjiidonni maaliif akka diigaman hanga yoonaa hin barin akka jiran ibsan Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa.
Masjiidota diigaman keessaa kanneen akeekkachiise dursee itti kennamee fi kanneen tasa diigaman jiraachuus dureen amantii kun BBCtti himaniiru.
Dhimma kanarratti aanga'oota magaalaa Shaggar dubbisuuf yaaliin BBCn taasise sababa aanga'oonni bilbila hin kaasneef hin milkoofne.
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa xalayaa gaafa Caamsaa 18, 2023 Ministira Muummee biyyattiif barreesseen , dhimmi masjiidota magaalaa Shaggar keessatti diigamaa jiranii hatattamaan akka furmaata argachuu qabu gaafateera.
''Dhiheenya kana magaalaa maqaa 'Shaggar' jedhuun bifa haaraan hundeeffame keessatti, seeraan ala ijaaraman jechuun masjiidonni hedduun bulchiinsa magaalichaan nu jalaa diigamaa jiru,'' jechuun manni maree kun xalayaasaa keessatti eereera.
Dabaluunis, ''diigamuu masjiidotaa ilaalchisee kantiibaa magaalichaa waliin bilbilaan dubbannee waan furmaata ta'urratti waliigalleerra jennee amannus, bulchiinsi magaalichaa garuu ji'a Ramadaanaa keessa yeroof masjiidota diiguu dhaabuun, Ramadaana booda garuu masjiidota diiguun cimee itti fufeera,'' jechuun rakkoo mudate xalayaa kanaan ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Diigamuun masjiidotaa waan bulchiinsi magaalichaa ''seeraan ala ijaaraman'' jedheef qofa kan akka salphaatti dhiifamu osoo hin taane, dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu hordoftoota amantii Islaamaati jedha xalayaan jaarmiyaa amantii kanaan barraa'e.
Kanaaf masjiida diiguun hatattamaan akka dhaabbatu Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa xalayaan gaafatus deebii akka hin arganne manni maree kun ibseera.
''Pireezidantii naannochaa xalayaadhaan erga beeksifnee, akkasumas qaamaanis argannee dubbisuuf beellama qabannee wayita jirrutti majiidota diiguun itti fufuun hooggantoota mana maree kanaa fi hawaasa muslimaa akkaan mufachiiseera,'' jedha xalayaan kun.
Manni maree waliigalaa kun Ministirri Muummee Abiy diigamuu masjiidotaa ilaalcisee ''furmaata hatattamaa kennuuf aangoo guutuu waan qabaniif,'' akka tarkaanfii fudhatan gaafateera.
Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa gaaffilee Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaaf dhiheessan wayita ibsan, ''masjiidonni diigaman baasii mootummaan deebi'anii nuuf yaa ijaaraman. Kanneen jiran diiguunis yaa dhaabbatu. Osoo hin mariisisin masjiida diiguusaaniif hawaasa muslimaa dhiifama yaa gaafatan,'' kan jedhan ta'uu eeran.
Tattaaffiin sadarkaa magaalaa Shaggar fi sadarkaa naannoo Oromiyaatti taasisan milkaa'uu baatus, Ministira Muummee biraa garuu furmaata akka argatan abdatu Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa.
''Masjiida kunuunsuu fi qaamni biraas akka kunuunsu gochuun itti gaafatamummaa keenya isa ijoodha,'' kan jedhan Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, xalayaa Ministira Muummeef barreessaniin yoo deebii dhaban, ''tarkaanfiin itti aanu akkaataa heera mootummaan gara mirga keenya kabachiifachuutti deemuudha,'' jedhan.












