Hookkara Finfinnee naannoo Masjiida Anuwaaritti ka'een lubbuun namaa darbe

Madda suuraa, Feesbuukii Poolisii magaala Finfinnee
Hookkara magaalaa Finfinnee, Markaatoo naannoo Masjiida Anuwaaritti mudateen lubbuu namaa darbuun kaan irra ammoo miidhaan qaamaa dhaqabuu poolisin magaalaa Finfinnee beeksise.
Jimaata har’aa salaataan booda naannoo biraatii Masjiidni diigameera jechuun hookkara ka’een lubbuun namoota lamaa darbuu poolisiin ibsa miidiyaa hawaasaa irratti baaseen himeera.
Dabalataan poolisoota nageenya kabachiisaa turan irras miidhaan qaamaa dhaqabuu ibseera.
Markaatoo naannoo addaa Gaaz Taraa jedhamee beekamutti namoota lama irra miidhaan gahee yaalaaf ergamanii mana yaalaatti lubbuun isaanii darbuu ibse.
Dabalataan namoota nagaa afur tahan irra miidhaan qaamaa yoo gahu, nageenya kabachiisuuf kan bahan ajajoota poolisii fi miseensota poolisii 37 akkasumas humnoota adda addaa poolisoota gargaaruuf bahan 15 irra miidhaan qaamaa jabaa fi salphaan dhaqqabuu poolisiin magaalittii himeera.
Namootni miidhaan qaamaa isaan irra gahe yaala irra akka jiranis ibseera.
Qaamota jeequmsa kana kaasniin awutoobisiiwwan Tajaajila Geejibaa Uummata magaalaa Finfinnee tahan irra miidhaan gaheera
Hokkorri naannoo masjiida Anwaaritti jalqabe karaa Gaaz Taraa, Qorqorroo Taraafi Sabaattanyaarraan naannoo Amadee fi kaanirra babal'isuuf kan yaadame tahus yaalii humnoota nageenyaan to'achuun danda'ameera jedha ibsichi.
Poolisiin Finfinnee miidiyaa, hawaasaa irratti ''Finfinneen jeequmsa jabaa keessa akka galtetti oduun hafarsamuun alatti rakkoon uumame to'annoo jala oolee naannichatti gara hojii idileetti deebi'ameera,'' jechuusaa ibsi Feesbuukii irratti bahe kuni hima.
Jeequmsa kana hoogganuufi qindeessuun akkasumas sadarkaa olaanaa taheen hirmaachuun ''namoonni shakkaman 114 to'atamuun seeraan qorannoon irratti taasifamaa jiraachuu,'' beeksiseera ibsichi.
Uummata Musliimaa Finfinnee irrattis tahe dhaabota amantii irratti, ''rakkoon otoo hin jiraatiin iddoowwan biraa irratti masjiidni jigeera sababa jedhuun hiriira seeraan alaa taasisuun, jeequmsaafi hokkora kakaasuun, namaafi qabeenyarratti miidhaan gaheera,'' jedha ibsi kuni.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Manni Maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggaritti masjiidonni yoo xiqqaate lakkoofsaan torba ta'an qaamolee mootummaan jalaa diigamuu himeera.
Manni Maree kun masjiidota magaalaa dhiheenya hundeeffame- Shaggar keessatti diigaman jedhe ilaalchisee Ministira Muummee biyyattiitti xalayaadhaan iyyachuu ibseera.
Pireezidantiin Mana maree kanaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, ji'a Ramadaanaa bara kanaarraa eegalee yoo xiqqaate masjiidonni torba diigamuu fi ammallee masjiidota diiguun itti fufee jiraachuu BBCtti himan.
''Masjiidota diigaman torba keessaa shan Sabbataatti, lama ammoo Buraayyuutti ta'uu gabaasi na qaqqabeera,'' jedhan.
''Masjiidonni kunneen maaliif akka diigaman qaama diige gaafachuudha. Nuti nu jalaa diigamuu malee qaama diige argannee sababa kamiin akka diige gaafachuu hin dandeenye,'' jechuun masjiidonni maaliif akka diigaman hanga yoonaa hin bariin akka jiran ibsan Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa.
Kanaaf masjiida diiguun hatattamaan akka dhaabbatu Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa xalayaan gaafatus deebii akka hin arganne manni maree kun ibseera.
''Pireezidantii naannochaa xalayaadhaan erga beeksifnee, akkasumas qaamaanis argannee dubbisuuf beellama qabannee wayita jirrutti majiidota diiguun itti fufuun hooggantoota mana maree kanaa fi hawaasa muslimaa akkaan mufachiiseera,'' jedha xalayaan kun.
Manni maree waliigalaa kun Ministirri Muummee Abiy diigamuu masjiidotaa ilaalcisee ''furmaata hatattamaa kennuuf aangoo guutuu waan qabaniif,'' akka tarkaanfii fudhatan gaafateera.
Dhiyeenya magaalaa haaraa hundeeffamte Shaggar keessatti ‘’seeraan ala ijaaraman’’ maneen jedhaman hedduu diigamaa jiru.












