Wantoota ijoo yaadannoo waggaa tokkoffaa waraana Yukireen irratti ta'aa jiran

Madda suuraa, Reuters
Waraanni Yukireen erga eegalee waggaa tokko guutera. Guraandhala 24, 2022- waggaa har'aa Raashiyaan ifatti waraana banuun Yukireen weerarte.
Waraanni kun Waraana Addunyaa Lammaffaa booda ardii Awurooppatti waraana guddaafi hamaa gaggeeffamaa jiruudha jedhama.
Jireenyi lammiilee Yukireen hedduun manca'eera. Maatin gargar faca'ee, kumaatamni du'anii, miliyoononni qe'ee irraa buqqa'aniiru.
Waggaa har'aa ganama obboroon ka'uun pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin "oppireeshinii waraanaa adda ta'e" Yukireen irratti labsuu karaa TV dubbatan.
Battalumatti misaa'elli jalqabaa magaala guddoo Yukireen Kiiv rukute.
Akkuma lafti bari'een pirezidantin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin Rashiyaan guutummaa biyyattii misaa'elaan haleelaa akka jirtu ibsuun waamicha deeggarsa dhiyeessun lammiileen biyyattii loluu danda'an meeshaa akka fudhatan labsan.
Waraanichi erga eegaleen booda biyyoonni Lixaa deeggarsa meeshaalee waraanaa gara garaa Yukireenif arjoomuu egalan.
Yaadannoo waggaa tokkoffaa waraana kanaa ilaalchisee ofii maaltu ta'aa jira?
US deeggarsa dabalataa kennuufi
US deeggarsa waraanaa dabalataa dolaara biliyeena 2 ta'u Yukireenif kennuuf akka jirtu aangawaan olaanaa US tokko himaniiru.
Gorsaa dhimma nageenya Waayit Haawus kan ta'an Jeek Sulivaan jalqaba torbee kanaa Baayidan wajjin daawwannaa icciitii Yukireenitti taasisanii turan.
Turtii achitti taasisan irratti Yukireen US irraa deeggarsa meeshaalee waraanaa kanneen akka taankii, konkolaataa misaa'ela dhukaasu "HIMARS" jedhamuun beekamufi dhukaatuuwwan garaa garaa erguuf akka jirtu Zeleniskiitti himanii ture.
Meeshaalee kanneen argannaan waraana Raashiyaa qolachuu akka danda'an Zeleniskiin dubbatanii ture.
Deeggarsa dabalataa US gochuuf jirtu kanaan meeshaaleen dabalataa akkamii Yukireenif akka kennaman Jaak Sulivaan pirezidantii Yukireenitti hin himne.

'Itti fufnee lolla'
Yukireen hin cabne, harkas hin kennanne "boris ittuma fufnee lolla" jechuun yaaddannoo waggaa tokkoffaa itti Raashiyaan biyya isaanii weerarte sababeeffachuun Zeleniskiin haasaa taasisaniin dubbatan.
Haasaa isaanii kanaan pirezidantiin Yukireen Volodmir Zeleniskiin, "bara kana mo'icha argachuuf waan dandeenye hunda ni goona" jedhan.
Weerara Raashiyaan biyyattii irratti gaggeessite qolachuuf loltoonni, ogeeyyin fayyaa, tola ooltonnifi michoonni Yukireen biyya bakkee jiran hunda oolmaa isaaniif galateeffataniiru Zeleniskiin.
"Yaaddoo, haleellaa, boombii kilaastaraa, kiruuz misaa'elii dirooniiwwan kamikaazii, humna ibsaa balleessuufi qorra hundumaa dura dhaabbanne. Sana caalaa cimoodha nuti," jedhan Aab Zeleniskiin.
Waamicha marii Chaayinaan taasifte
Oduun biraa har'a dhagahame ammoo Chaayinaan biyyoonni wal waraanaan lamaan mariif akka taa'an waamicha dhiyeessuu isheeti.
Ibsa fuula 12 qabu baasten Chaayinaan itti fayyadama meeshaa waraanaa nikularaas akka mormitu ibsiteetti.
Qabxiin jalqabaa ibsa kanaa biyyoonni wal-waraanan lamaan birmadummaa biyyoota hundumaa akka eegan kan jedhuudha.
Biyyoonni addunyaas ilaalcha "Waraana Hololaa" keessaa bahuun qoqqobbii Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii sagalee caalmaan hin raggaasisne biyya biraarra kaa'urraayis akka of qusatan addunyaaf waamicha dhiyeessite.
Waraana Yukireen irratti labsuu isheetin biyyoonni baay'een Raashiyaarra qoqqobbii kaa'aniiru.

Chaayinaan weerara Raashiyaan gaggeessite kana mormuu dhiisuu isheetiin US irraa komiin ishee mudateera.
Dhiyeenya kanammoo Chaayinaan meeshaa waraanaa Raashiyaaf dhiyeessuufi jechuun komatte US. Garuu, Chaayinaan himannaa kana hin fudhattu.
Roobii, Guraandhala 23 qondaala Chaayinaa olaanaa kan ta'an Wang Yi daawwannaaf Raashiyaa deemanii ture.
Daawwannaan kun "haala addunyaan keessa jirtu tasgabbeessuf" murteessaa akka ta'e ibsite Chaayinaan.












