'Mana Kiristaanittiirra haleellaan raawwataa jira' -Sinodosii

Madda suuraa, EOTC
Sinoodosiin Mana Kirsitaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa yaa'ii ariifachiisaa waamee ibsa baaseen abbootii amantaafi amantootaa mana kiristaanittiirra haleellaan raawwatamaa jiraa jedhe.
Tarkaanfii qaamoleen nageenyaa mootummaa fudhataa jiraniin miseensota mana kiristaanittiirra miidhaan qaamaafi lubbuu qaqqabaa jira jedhe.
Sinoodosichi ibsa Sanbata baaseen kutaalee biyyattii adda addaatti phaaphaasotaa fi amantoota hidhuufi hiraarsuu dabalatee gochoota seeraan alaa irratti raawwatamaa jira jedhe balaaleffateera.
Sinoodosichi gaaffiin Mana kiristaanittii deebii hin argatu yoo ta'e, hordoftoonni amantichaa torban har'aa ganama bakka hunda irraa walitti dhufuun addabaabayii masqalaatti hiriira nagaa akka bahan akeekkachise.
Ibsichi itti dabaluun, kutaa lallabaa Arsii Lixaa magaalaa Shaashamanneetti Mana Kiristaanaa Gabrasibihaat Qidduus Mikaa'eel jedhamu irratti qaamoleen ''mootummaa dahoo godhatan weerara raawwachuuf yaalii taasisaniiru'' jedheera.
Barreessaan sinodosichaa qulqulluu abbaa Pheexroos sinodosiin Oromiyaa fi Sabaafi sablammiilee jedhamee seeraan ala ijaarame ''deeggarsa mootummaan'' dhaabbilee Mana Kiristaanittiirra weerara raawwachaa jiruu jechuunis himatan.
Abbootiin amantaa hidhamuufi hiraarfamuun akkasumas kutaalee lallabaa isaanii keessaa akka bahan ta'aa gara kutaa lallabaa isaaniitti akka hin deemne doorsifamaa jiraachuun gaddisiisaadha jedhan.
Gocha kana dura dhaabbachuufi Mana Kiristaanittii eeguuf amantoota bahan irratti tarkaanfii gara jabiinaa poolisiin fudhateen adda babahiitti yakki ajjeechaa raawwateera'' jedhan.
Haata'u malee dubbii himaan sinoodosii garee dhiheenya hundaa'ee Obbo Haayilamikaa'eel Taaddesee, deeggartoonni Mana Kirsitaanittii gariin ifatti waamicha waraanaa gochaa jiruu jechuun mootummaan gaafatama nagaa kabachisuu isaa akka bahatu torbanuma darbe keessa gaafachuun ni yaadatama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lakkoofsa miidhamtootaa ifa osoo hin godhinis namoonni hedduun miidhama guddaafi xiqqaan irra gahuu himan.
Abbaa Pheexroos lakkoofsa namoota du'anii adda hin baasiin malee maddi odeeffannoo AFP namoonni sadii ajjeefamuu gabaaseera.
AFP'n maddeen gidduugala miidiyaa sinoodosii Mana Kiristaanittii waabeffachuun gabaasa baaseen dhukaasa miseensonni humna addaa Oromiyaa bananiin namootni sadii ajjeefamanii afur madaahuu hime.
Shaashamaneetti rakkoo nageenyaa dhalate kanaan walqabatee BBC'n miidhaa qaqqabe ofiin adda baasuu hin dandeenye.
Sinoodosiin Oromiyaafi Sabaa fi Sablammiilee jedhamuun dhiheenya ijaarame, Phaaphaasota kutaalee lallabaa 26 muude bakka hojii isaaniittti imalaa jiruu. Taateen Shaashamannees guyyaa Phaaphasiin kutaa lallabichaa garasitti imalanitti raawwate.
Barreessaan sinodosii garee haaraa abbaa Saawuroos amantoonni afaan isaanii akka tajaajilaman hin taane jechuun muudama Phaaphaasota erga kennanii booda Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo irraa mormii fi uggurri irratti baheera.
Muddama qaamolee mana Kiristaanittii gidduutti dhalate kana hordofees MM Abiy yaada kennanii tureen gama lamaaniinuu dhugaan jira jedhanii ''furamuufis salphaadha'' jedhaniiru.
''Garuu ammoo gaaffii afaan ofiiin tajaajilamuu kana salphaatti ukkaamsanii darbuun hin ta'u'' jechuun dubbatan.
Manni Kiristaanaa yaada MM Abiy kanaan kan madaala hin eegne jechuun qeeqxee gaaffileen qabdu deebii hin argatu taanaan hiriira bahuu dabalatee aarsaa kamuu kaffaluuf qophii ta'uu akeekkachiifteetti.












