Muddama mana amantaa Ortodoksii keessatti mudateefi araara dhihaate

Madda suuraa, Daniel Chala
Muddamni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti mudate hordoftootaafi abbootii amantaa gidduu garaagartee uumeera.
Torban dura dureewwan amantaa beekamtii mana amantichaa malee Phaphaasii muuduun walqabatee Manni Kiristaanaa yaa’ii atattamaa taa’un dhorkuu akkasumas adda baasuu himte.
Dureewwan amantii Abuuna Saawurosiin hoogganaman garuu murtee kana akka hin fudhanne ibsuun, abbootii amantaa muudan bakka ramadamanitti gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Gama kaaniin manni kiristaanaa magaalaa Finfinneefi Jimma dabalatee gaggeessitoonni amantichaa humnoota nageenyaan hidhamanii akka turan ibsiteetti.
Paatiriyaarkiin mana kiristaanichaa Abuuna Maatiyaas mootummaan ‘‘sirni mana amantichaa akka hin cabne, nagaan akka hin boorofneefi dhiigni kiristaanotaa akka hin dhangalaane’’ eegumsi akka taasifamu gaafatan.
Dureewwan amantii lamaanii qaami tokko isa kaan akka hin simanne ummata walirratti kaasaa jiru jechuun wal himataniiru.
Mootummaan garuu hanga yoonaatti dhimma kana irratti waan dubbate hin qabu.
Mana Kiristaanaa Ortodoksiitti duree amantii kan ta’an, Malaaka Hiwat Qomoos Abbaa Walda Iyyesuus Seefu Galataa dhiibbaan ummatarra jiraachuu himu.
''Warra Kiristaanaa eenyu deeggartuu jechuun gaafataa jiru. Maal jechuudha kun?... akka Waaqa ofii hin faarfanne gochaa jiru.
''Abuuna Saawuroos waliin dhaabbattu immoo Qulqulluu Sinodoos waliin dhaabbattu, filadhaa jechaa sodaachisaa jiru,’’ jechuun BBC’tti himan.
Akka isaan kaasanitti, waan akkanaa magaalaa Amboo akkasumas Walisootti dhagahame.
''Ammas lubbuun namaa osoo hin darbiin akka eegumsa argatu,’’ jechuun mootummaa gaafatan.
''Namoonni bilbilanii rakkoo keessa akka jiranii fi sochii adda addaa akka irratti godhaa jiran,’’ nutti himan jechuun dubbatan.
Isaan akkas haa jedhan malee, Barsiisaa Diyaaqon Daani’el, ''Namoota gurmeessuudhaan,’’ kanneen danquuf yaalan jiru jechuun BBC'tti himan.

Madda suuraa, EOTC Broadcasting
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama kaaniin dureewwan amantii Abuuna Saawurosiin hoogganamaniifi phaaphasii muuduu ibsanuun murtee Qulqulluu Sinodosii akka hin fudhanne ibsanis, qaamoti rakkoo uumuuf sosso’an akka jiran himan.
''Namoota gurmeessuudhaan,’’ kanneen danquuf yaalan jiru. ''Ummanni osoo hin fedhiin Jimmarratti, ummata kibbaarrattis iddoo tokko tokkotti … dirqisiisanii akkana gochaa jiran,’’ jechuun BBCtti himan Barsiisaa Diyaaqon Daani’el.
''… kunis rakkoo ummataa nuti uumaa jirru osoo hin taane, humni xiqqoo wayii wanta kana mormuudhaan nagaan akka boora’u gochuudhaaf sossocho'aa jiruudha,’’ jechuun himatu.
Muddamni tibbana raawwatame kunis komii dureewwan amantaa kana dura muudaman, kan dureewwan amantaa Qulqulluun Sinodosii ‘hunda-hammataa miti’ jechuun haaraa muuduu ibsuu waliin walqabata.
Gama Qulqulluu Sinodosiifi gareen amantichaa Abuuna Saawurosiin hoogganaman, gamaa gamas dhaabbachuun quba walitti haa qaban illee malee, dhimma kana irratti gama mootummaa wanti jedhame hin jiru.
Hireen dureewwan amantii kana dura mana kiristaanittiin bakkeewwan amma haaraan itti ramadamanis maal akka ta'u ammatti ifa miti.
Osoo kun kanaan jiruu, Sambataafi Dilbata dureewwan amantichaa haaraa muudaman gara Naqamtee, Gimbiifi Dambi Dollootti gaggeeffamuun ibsameera.
Barsiisaa Diyaaqon Daani’el ‘simannaan ho’aa’ akka ture ibsuun kun akka itti fufu ibsan. Gama lixa biyyattii hanga ammaatti rakkoon uumame hin jirus jedhan.
''Amboo kaasee hanga Dambi Dolloo gahaa jiranitti ummanni ofi isaatiin simannaa godhaa akka jiru,’’ ibsanii. ''Ummanni ragaadha,’’ jechuun dubbatan.
Araarri eegale jiraa?
Mana amantaa keessatti aangoo olaanaa kan qabu Qulqulluun Sinodoosii dureewwan amantaa sadan sochii kana keessa qooda fudhatan jedhe aangoo lubummaa isaanii irra mulquu ibseera.
Akkasumas ofirraa fo’us ibse. Haa ta’u malee, yoo dhiifama gaafatan akka simatu hime.
Murtiin kun dureewwan amantii kunneen aangoo amantii isaanii akkasumas qabeenya mana kiristaanaa akka hin fayyadamne dhorka.
Dureewwan amantaa gochaa kana keessaa qooda qabaachuun isaanii ibsameefi dhorkamuun isaanii ibsames, Abuuna Saawiroos, Abbaa Zeenaa Maarqosiifi kan Abbaa Ewosxaatewoodha.
Haata’u malee, dureewwan amantiichaa kunneen murtee Qul. Sinoodosii akka hin fudhanne ibsan.
''Dogoggoraa fi dantaa dhuunfaa luboota lakkoofsaan muraasa ta’anii dhaggeeffachuun Qulqulluun Sinoodosii dhorkaan nurra kaa’e kan hiika hin qabneedha,'' jedhan Abuuna Saawiroos.
Barsiisaa Diyaaqon Caalaa akka jedhanitti, kanuma keessa qamoleen araaraaf dhufan akka jiran dubbatu.
''Wanta amma gootan kana dhiisaatii isin abbootiin sadan qofti deebi’aa jechaati kan jiran jiru. Kuun immoo [kaanimmoo] akka alatti hafaniifi,’’ kan gaafatan jiru jechuun himu.
Akka Diyaaqon Daani’el jedhaniitti, Abuuna Saawiroos fa’i araara fudhachuu ni barbaadu.
''Araara fudhachuudhaaf fedhii qabu. Araarri garuu kallattiin ittiin fudhatan gaaffiin ummataa deebisuurratti kan hundaa’e ta'u qabaata,’’ jechuun ibsu.
''Abbootiin amantaa muudaman kana kutaa biyya lallaba isaaniirratti ramaduudhaan, gaaffii ummataa kana yoo deebisan qofaadha.
''Akkuma jiranitti abbootii muudaman kana fudhatanii wajjiin araaramna malee qophaa isaaniitti araara hin barbaanne isaan,’’ jechuun BBC’tti himan.
Dureewwan amantii kunneen manni kiristaanaa ummati afaan isaan akka baratuuf gaaffii dhihaataa ture ‘hin deebisne’ jechuun murtee kanarra gahuu kana dura ibsaniiru.
Manni Amantaa gama isheetiin lammiileen afaan garagaraan akka waaqeffatan socho’aa akka jirtu ibsiti.












