'Amuruutti haleellaa hidhattootaan yoo xiqqaate namoonni 60 ajjeefamaniiru'- KMNI

Godiina Horroo Guduruu Aanaa Amuruutti haleellaa hidhattoonni namoota nagaa irratti gaggeessaniin namoonni 60 yoo du'an 70 madaa'uu isaanii Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibse.

Haleellaa kun kan gaggeeffame Hagayya 23 hanga 25, 2014 ALI tti walitti fufiinsan kan gaggeeffame yoo ta'u namoonni nagaan kuma 20 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiri jedha komishinichi.

KMNI jiraattota aanichaa dubbiseera jedhee ibsa har'a baasen, ''humnoonni mootummaa naannicha gadhi dhiisanii bahuu hordofee namoonni nagaan haleellaa kanaaf saaxilamaniiru'' jedhe.

Torbee darbe gaafa Fulbaana 1, 2022 jiraattonni aanicha irraa buqqa'an ajjeechaa kana kan raawwate hidhattoota "Faannoo" jedhaman akka ta'e BBCtti himanii turan.

Jiraatan BBCn torbee darbe tokko akka jedhanitti hidhattoonni kunneen haleellaa raawwataniin kan isaan irratti xiyyeeffatanii kan ajjeesan dhiirota akka ta’eefi daa’imman xixiqqaallee kan dhiira ta’an haadharraa butanii ajjeesaa akka turan ijaan arguus himan.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa har'a baase keessati ajjeechaa kana kan raawwate ''hodhattoota naannoo Amaaraa fi aanalee naannawa haleellan itti gaggeeffamee irraa dhufaniin'' jedheera.

Akka ibsa kanaatti Hagayya 23 hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo-kan mootummaan Shanee ittiin jedhu magaala guddoo aanichaa kan taate magaala Oborraa to'achuuf yeroo jedhanitti saba Amaaraa keessaa nama sadi ajjeessan.

Kana hordofee qaamoleen hidhatan gandoota aanaa Amuruu dabalatee aanalee naannoo Amaaraa irraa cehanii dhufuun gaafa Hagayya 24 fi 25 ALI tti dhalattoota Oromoo irratti haleeellaa akka raawwatan ibse komishinichi.

Gandoonni aanichaa ajjeechan itti raawwate kun ammayyuu taanan sodaa nageenyaa jala akka jiruu fi ''lammillen kuma 20 ol ta'an buqqa'anii magaala Oborraatti haala rakkisaa keessa jiru'' jedhe KMNI.

Dabalataanis aanalee biroo kanneen akka Jaardagaa Jaartee, Abee Dongoroo fi Kiiramuus rakkoo wal fakkaatan mudachuu akka danda'u ragaa jiraattota irraa akka argate ibseera.

Komishinarri KMNI Dr. Daani'eel Baqqalaa haleellan namoota nagaa irratti gaggeeffamu akka isaan yaaddesse ibsuun mootummaan bakkeewwan yaaddoo nageenyaa qaban keessa humnoota nagaa gara bakka biraatti yeroo geessu lubbuu, qaamni fi qabeenyi lammiilee nagaa balaarra akka hin buune of-eegganno gochuu akka qabu akeekkachiisan.

Haleellaa Godiina Horroo Guduruutti lammiilee nagaa irratti gaggeeffame kana ilaalchisee Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta'ee kan federaalaa ifatti waan jedhan hin qaban.