Dubartiin hordoftoota miidiyaa hawaasaa horachuuf jecha dhalashee summii nyaachifte himatamte

Dubartii hordoftoota miidiyaa hawaasaa horachuuf dhalashee summii nyaachifte

Madda suuraa, Queensland Police

Dubartiin Awustiraaliyaa miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uumtu hordoftoota horachuuf, akkasumas gargaarsa walitti qabuuf jecha dhalashee summii nyaachifte himanni irratti baname.

Haati jiraattuu Awustiraaliyaa kutaa Kuwinsilaand taate kun dhukkuba ilmoon ishee qabdu miidiyaa hawaasaarratti dubbachuun beekamti.

Qorattoonni akka jedhanitti garuu, ilmooshee umuriin wagga tokkoo summii nyaachisaa turte. Ilmoon ishee kun "dhukkubaafi yaaddoo hamaa keessa yeroo taatutti" waraabuudhaan miidiyaa hawaasaarratti dhiyeessiti.

Ji'ootaaf qorannoon erga gaggeeffamee booda dubartiin umuriin ishee wagga 34 taate kun to'annoo jala oolfamteetti. Gidirsuudhaan, summii kennuufiidhaan, daa'ima akka hin taanetti dhimma itti ba'uufi sossobuudhaan himatamteetti.

Itti-gaafatamaan kutaa poolisii Inispekter Pool Daaltan, "gochi kun akkam akka dhiphisaafi fokkisaa ta'e ibsuudhaafillee jechoonni na hanqatu," jedhan.

Hagayyaa hanga Onkoloolessaatti qorichoota hakiimaan hin ajajamiin ilmoosheef kennaa akka turte beekameera.

Qorichoota hayyamni hin kennamneef akka bittellee dhoksuuf yaalteetti jedhameera.

Qorichoota namoonni biroon fudhatanii isaanirraa hafes fudhattee dhalasheetiif kenniteetti.

Poolisiin dhimma kana qorachuu kan jalqabe baatii Onkoloolessa keessa ture. Daa'imnishee kun dhukkubsattee erga hospitaala deemtee booda qorannoon banameera.

Daa'immattiin, "miidhaan qoor-qalbiifi qaamaa cimaan" akka irra gahes ibsameera.

Qorannoo daa'ima kanaaf taasifamerraa hubachuun akka danda'ametti, qorichoota hin ajajamiiniif fudhachaa akka turte beekameera.

Himatamtuun kun karaa 'GoFundMe' maallaqa dolara kuma 37 ta'us walitti qabatteetti.

Marsariitiin gargaarsa walitti qabu 'GoFundMe' jedhamu kunis maallaqa sassaabame kana akka deebisu poolisiin beeksiseera.

Poolisiin akka jedhetti, saamicha kana keessatti kan hirmaate biroo yoo jiraateef jechuun qorannoo taasisullee nama biraa hirmaate hin argine.

Himatamtuun kun yeroo dhiyootti mana-murtiitti dhiyaattis jedhameera.