Dubartiin daa’ima guddifachaan fudhatte ajjeefte hidhaa ganna 18’n adabamte

Leyilaand Korkiil

Ingilaanditti dubartiin ilma baatii 13 guddifachaan fudhattee ajjeefte hidhaa waggaa 18’n adabamte.

Looraa Kaasil manashee kaaba Inglaanditti argamu, iddoo Baaroow jedhamutti, Amajji 2021 ture daa’ima kana kan ajjeefte.

Dhaddachi Mana Murtii Preston Crown, ajjeechaa fi daa’ima irratti gochaa suukaneessaa raawwachuun balleessaa dha jedheeraani.

Abbaan warraa ishee Iskoot Kaasil du’a daa’ima kanaaf sababa tahuunis tahe ajjeechaasaa eeyyamuudhaan hirmaachuurraa bilisa jedhameera.

Haati warraa fi abbaan warraa bara 2005 erga gaa’ela dhaabanii booda sababi rakkoo wal-hormaataan daa’ima godhachuu hin dandeenyeef, Looraa Kassil mukaa’uu jabaa keessa turte.

Bara 2019 garuu daa’ima guddifachaan fudhachuuf murteessan.

Kanaanis daa’ima kunuunsa daa’immanii ture Leyilaa Jeems wajjinins wal-argan, daa’ima fudhachuuf af-gaaffiifi leenjii kennamu hunda darbuun baatii Hagayyaa, 2020 daa’ima kana fudhachuun guddisuu jalqabani.

Kaasil namni ganna 38, hidhaa umriii guutuu, yoo xiqqaate waggaa 18 hidhaa akka dabarsituuf ishee diqisiisuun adabamteetti.

Yeroo himannaan ishee mana murtiitti dhagahamu haati mucaa deesse wayyaa gurraacha uffattee, sagaleeshee ol-kaastee bo’aa turte.

Aadde Looraa Koorkiil nama daa’imashee ajjeefteen ‘bulguu’ jechuun itti dubbatteetti.

Abbaan alangee, Jarmii Beekar, Kaasil yaada ‘’ofittummaa’’ qabdi. Daa’ima sana wajjiin hariiroo uumuun itti ulfaatus, of bira tursiifteetti, maatiin kuni guddifachaa addaan kutuu dhiisuun isaanii ‘’gadda guddaa fidee’’ jedhan.

Daa’imni Leyilaand jedhamu, Kaasil yeroo fudhattuun daa’ima baatii saddeetii ture, gara wiirtuu daa’imman tursiifaman kan fudhatame immoo akkuma dhalateen ture.

Dhaddachi himannaa dhagahaa ture haati warraa fi abbaan warraa daa’ima kanaa wajjin hariiroo gaarii uumuuf rakkachaa turuu hubate.

Kaasil abbaan warraashee waajjira jirutti yeroo ergaa ergitu daa’ima Leeyilaand Jeems maqaa arrabaan ibsitee barreessitiif ture. Daa’ima kana akkatti dhaante osoo hin hafiin fa’i ibsaa barreessiti ture.

Gaafa Amajjii 2021, halkan keessaa gara sa’atii 5:15 bilbila yeroo balaa 999 bilbiluun, Leeyilaand soofaarraa kufee akka gaggabeefi akka hin taanetti harganaa akka jiru himte.

Guyyaa itti aanu hospitaala daa’immanii Liivarpuul, Aldar Heey jedhamutti lubbuunsaa darbe. Hakiimonni garuu seenaa Kaasil himte shakkanii turan.

Gaafa jalqaba himannaan irratti dhiyaate Kaasil daa’ima kana ajjeesuu amantus, ‘’ajjeesuuf yaadeen miti kana kanin raawwadhe,’’ jetteetti.

Dubartin kuni daa'ima ajjeesuuf amantee garuu ajjeesuuf yaaddee akka hin turre himte

Madda suuraa, Cumbria Police

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartin kuni daa'ima ajjeesuuf amantee garuu ajjeesuuf yaaddee akka hin turre himte

Dhaddhachatti yeroo dubbattus yeroo daa’imni kuni boo’u, ‘’mataa na dhukkubsee,’’ gatii tureef akka calliisuuf nan isa hurgufee achiin akka tasaa mataansaa soofaatti dhahe jette.

Ollaan garuu waan lafaan dhahe fakkaatu dhageenyerra, daa’ima boo’u garuu hin dhageenye jedhan. Abbootiin alangaa immoo Kaasil yeroo daa’imni balaqqamu ‘’akkaan aartee turte’’ jedhan.

Hakiimonni madda dhukkubaa qoratan, daa’imni sammuusaa keessa dhiigni akka dhangala’u kan godhe akkaan wayiitti buufamuu mala jedhan.

Soofaarraa kufuun akka nama balaan konkolaataa irra gahetti mataa keessaan hin dhiigu jedhan.