Dubartiin hojjattuu manaashee dararuun ajjeefte hidhaa waggaa 30'n adabamte

Madda suuraa, Getty Images
Dubartii lammii Siingaapoor hojjattuu manaashee lammii Miyanmaar taate beelessitee, darartee dhumarratti ajjeeste irratti hidhaan waggaa 30 murtaa’e.
Piyaang Nigaay Doon miidhaa irra ga’erraa yeroo bara 2016tti lubbuun ishee darbe ulfaatinni qaama ishee kg24 qofa ture.
Abbootiin alangaa gochi dubartiin haadha warraa poolisii taate raawwatte kun “hamaa fi namummaa kan hin qabnedha” jedhaniiru.
Ms Murugayan, ganna 40, ajjeechaa Piyaang dabalatee himannaa irratti dhiyaate hedduu amanteetti. Abbaan seeraa akka jedhanitti dubartiin kun hojjattuu ishee ganna 24 akkamiin darartee, qaaneessitee, beelessitee fi dhumarratti ajjeeste abbootiin alangaa sirriitti ibsaniiru.
Biyyattii keessatti kun “yakka dararanii ajjeessuu” hamoo keessa isa tokkodha kan jedhan abbaan seeraa, shammarreen kun ajjeefamuu ishee dura darara hamaa irra ga’e jechi sirriitti ibsu hin jiru jedhaniiru.
Ms Murugayan shammarree kana dararuu kan eegalte Onkololeessa 2015tti Piyaang yeroo jalqabaaf hojjattuu ta’uuf Singaappooritti imaltetti akka ta’e dhaddacha kana irratti himameera.
Viidiyoon kaameeraa mana jireenyaa keessa jiru du’a isheen dura ji’ootaaf dararaa irra ga’aa ture mul’iseera, takka takka guyyaatti yeroo hedduuf reebamti ture.
Dabalataanis Murugayaan shamarree kana kaawuyyaa ho’aatiin akka gubdee fi “akka kosii ishee asii fi achii ishee akka daddarbatte” gabaafameera.
Nyaatni Piyaangiif kennamu yeroo hedduu daabboo bishaan keessa dhuubame ykn nyaata cabba’aa firiijii keessaa ba’e ykn ruuzii xiqqoo akka ta’e manni murtii dhaga’eera. Ji’oota 14 keessatti ulfaatinni shammarree kana kg 15’n hir’ise.
Hojjattuun ganna 24 kan duute Adoolessa 2016 keessa erga Murugayaa fi harmeen ishee sa'aatii dheeraaf ishee dararanii booda ture.
Qorannoon boodarra taasifame akka mul’iseetti Piyaang kan lubbuun ishee darbe erga irra deddeebiin hudhamtee booda hanqinni oksijiinii sammuu ishee keessatti waan uumameefi.
Murugayan dhibee xiin-sammuun hubamtee turte sababa jedhu dhiyeessuun abukaatonni ishee hidhaa waggaa saddeet ykn sagal qofaaf akka adabamtu gaafatanii turani.
Abbaa warraa ishee - hojii poolisummaa irraa ari’amee fi harmee ishee irratti yakka kanaan wal qabate himanni adda addaa irratti dhiyaateera.
Lammileen biyyoota akka Indooneeshiyaa, Miyanmaar ykn Filippiinsi hojjattoota manaa ta’uun Siingaappoor keessa jiran gara 250,000 ta’u.
Dararaan hojjattoota manaa irraa ga’u akkanaa kan baramedha.
Bara 2017tti jalaleewwaan hojjattuu isaanii lammii Filippiinsi beelessuun himataman hidhaa seenaniiru. Bara 2019ttis jaalalleewwan biroo hojjattuu isaanii lammii Miyanmaar dararuun hidhaa seenaniiru.














