Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xalayaan jaarraa tokko dura yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa barrefame qaruuraa keessatti argame maal hima?
Xalayaa loltoota Awustiraaliyaa lamaan bara 1916 barreeffame waggoota dhibbaa oliin booda qarqara galaanaa kibba dhiha Awustiraaliyaa keessatti qaruuraa keessaa argameera.
Yaadannoowwan kun loltoota kanaan kan barreeffaman yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti gara dirree waraanaa Faransaayitti imala isaanii erga jalqabanii guyyoota muraasa booda ture.
Loltuun tokko, Pite Malcolm Neville kan jedhamu yoo ta'u, galaan haati isaa isaaf hiite ''dhuguma gaarii'' akka ta'ee fi ''gammachuu'' akka qabu haadha isaaf barreesse.
Kan nama gaddisiisu garuu ji'oota booda umurii isaa waggaa 28tti ajjeefame.
Loltuun biraa Williyaam Harley kan umuriin isaa waggaa 37 ture waraana kana keessa darbuun gara biyyaatti deebi'ee ture.
Xalayaaleen kun erga argamee hortee maatii loltoota kanaaf kennaman yoo ta'u, isaanis xalayaa yaadannoo waaggaa 109 booda argame kana ajaa'ibsiifataniiru.
Jalqaba baatii kanaa, qaruuraa xalayaa yaadannoo qabu kun jiraattota naannawa Dhiha Awustraaliyaa kan ta'an Deb Birown fi maatii isheetiin, qarqara galaanaa keessaa aragemutu himame.
Dubartiin kun Abbaa warraa fi intala ishee waliin qarqara galaanaa daawwachaa yeroo turanitti balfa walitti qabuuf yeroo qulqulleessan qaruuraa furdaa cirracha keessa jiru akka hubatan kan himte.
"Yeroo baayyee qarqara galaanaa keenya qulqulleessina, kosii tokkollee gonkumaa bira hin dabrbinu. Kanaafuu qaruuraa xiqqaan kunis achi taa'uu waan hin qabneef achii kaasnee," jechuun Aadde Biraawuun dhaabbata oduu Asoosheetid Preesitti himaniiru.
Waraqaan sun jiidha taʼus, xalayaawwan lamaan amma iyyuu dubbifamuu kan dandaʼan yoo taʼu, kunis xalayaan kun akka maatii namoota kanaa qaqqabuuf kn ishee kakaase ta'uu dubbatte.
Aadde Biraawuun, teessoo haadha isaa yaadannoo kana keessatti waan ibsameef, maqaa loltuu kanaa fi magaalaa dhaloota isaa toora interneetii irratti barbaaduudhaan ilma obboleessa Neville, Herbiye Neville argatte.
Obbo Neevil muuxannoon kun maatii isaaniif, keessumaa Maariyaan Deevis - intala obboleessa Pite Neevil - kan obboleessi abbaa ishee waraanaaf bahee deebi'ee akka hin dhufne yaadattu, waan argite kana ''waan hin amanne'' akka ta'e ABC News'tt himte.
Xalayaan lammaffaan kan barreeffame Williyaam Harleyin yoo ta'u, nama qaruuraa kana argate hundaaf kan barreeffame ture. Haati isaa waggoota dura du'aan boqottee turte.
Intalli ilma Pite Harley, Ann Turner, ABC'tti akka himtetti, isheen fi ilmaan loltuu kanaa afran lubbuun hafan ergaa kanaan ''hedduu ajaa'ibsiifamaniiru'' jetteetti.
"Dhugumaan dinqii ta'ee nutti dhagahama, ergaan akaakayyuun keenyaa nu bira ga'uun akka waan nutti dubbateetti nutti dhaga'ama," jechuun ibsiteetti.
"Dargaggeessi inni kaan haadha barreessuu qabu akka qabu, ergaan qaruuraa sana keessa jirus gara haadha isaatti kan qajeelfamee ta'uu isaa yeroon argu baay'ee natti dhaga'ama, akaakayyuun keenya garuu yeroo dheeraa dura haadha isaa dhabee waan tureef nama qaruuraa sana argate sanatti barreesse."jedhe
Qaruuraa kana "bakka biraayit jedhamutti galaana irratti darbatame, akka xalayaan Pite Harley, kan' Great Australian Bight' qarqara galaanaa kibba biyyattiitti argamutti akka darbatame agarsiisa.
Piroofeesarri dhimma galaanaa qoratan tokko akka ABC'tti himanitti,qaruuraan kun gallaana keessa torban muraasa qofa taruun gara qrqatti bahee Ashawaa keessa awwalamuun waggoota 100f turuu danda'uu akka hin oolle ibsan.