Dooniin waraanaa Awustiraaliyaa bara waraana Addunyaa 1ffaa ,HMAS AE-1, argamte

Hafteen caccabaa doonii waraanaa Awustiraaliyaa barbaacha waggaa 103 booda argamte.

Maqaa HMAS-1 jedhamuun kan beekamtu dooniin jalqaba waraana Addunyaa 1ffaa irratti dhimma itti ba'amte bara 1914 lammiilee Awustiraaliyaa fi Biriiteen 35 qabattee Rabaul, Papua New Giinii keessatti dhidhimte .

Dooniin kun barbaacha yeroo kudha sadaffaaf taasifameen booda Papua New Giinii oddoola Duke of York jedhamuu fi galaana naannawa sana jiru keessatti argamte.

Argamuun doonittii icciitii seenaa jalqabaa doonii Awustiraaliyaaf furmaata jedha mootummaan biyyattii.

''Argannoon kun seenaa yabala galaanarraa Awustiraaliyaa abuuruuf baayyee murteessaadha'' jedhan Ministirri Ittisaa Mariis Payinii.

''Doonii yeroo jalqabaaf akka Awustiraaliyaatti dhabneedha . Kan yeroo jalqabaaf Waraana Addunnyaa 1ffaa keesatti itti fayyadamneedhas. Gadda guddaa ummata keenyaa fi michuuwwan keenyarra ga'eedha.''

Warri barbaacha doonii kanaarrati bobba'an meeshaa teekinooloojiitiin galaana jala bololi'anii meetira 300 gadi seenuun argatan.

Mootummaan biyyattiis gosa namoota doonii sana keessatti miidhamanii qorachuun bara baraan akka yaadatu beeksiseera.