Waraanni Israa'el namoota nagaaf eegumsa gochuu dadhabuu gabaasni jalqabaa haleellaa Onko.7 bahe mul'ise

Waraanni Israa'el namoota nagaaf eegumsa gochuu dadhabuu isaa gabaasni jalqabaa haleellaa Onkoloolessa 7, bara 2023 Hamaas raawwate ilaalchisuun bahe mul'ise.

Gabaasichi ''Waraanni Israa'el ergama nagaa lammilee sivilii Israa'el eeguu dadhabe'' jechuun ibse.

Gabaasni fuula 19 qabu kun dhimmoota balaa kana hordofsiisuun lubbuu namoota namoota 1200 dabarse kanneen duraanuu beekaman fa'aa eera.

Haleellaa hidhattoonni Hamaasi fi hidhattoonni Filisxeem biroo 5000tti dhiyaatan raawwatan hordofee namoonni 251 butamaniiru.

Gabaasi kun waan addaa qabaachuu baatus fedhiin Hamaas maal akka ture sirnaan hubachuu dhabuu fi dandeettii hidhattoota kanaa xiqqeessanii ilaaluun akka ture ibsa.

Gabaasichi akka jedhutti, Waraanni Israa'el Gaazaa akka yaaddoo nageenyaa ijootti ilaalu ture jedha.

Gabaaasichi akka jedhutti, Waraanni Israa'el yaaddoo nageenyaa ijoodha jedhe kana waamaa ture Iraanii fi Hezbollaadha.

Imaammanni Waraana Israa'el Hamaasiif beekamtii hin kennu, ''filannoo biraa barbaaduttis hin jiru'' jedha.

Waraanni Israa'el dhimma Gaazaarratti ''tooftaa walitti bu'iinsa xiqqeesu hordofaa ture'' jedha.

Waraanni Israa'el Hamaas waraana guddaaf hin qophoofne, fedha waraana banuu hin qabu jedhee amana ture.

Ragaan bara 2018 kaaase jiru akka akeekutti, Hamaas karoorri baasaa ture ''qabatamaa kan hin taane ykn hojiitti hiikama jedhamee kan yaadamu hin turre'' jedha.

Sun ''fedha Hamaasirraan kan hafe qabatamaan hojiitti hiikama jedhamee hin yaadamne'' jedhamaa ture.

Haata'u malee, qorannoon jalqabaa qalbii qondaalota basaasa waranaa Israa'el hin hawwannne ture.

Gabaasichi fedhiin Hamaas maal akka ta'ee fi akkamitti ofirraa qolachuun akka danda'amurratti waraana Israa'el keessatti of dhaadutu ture jedha.

''Gaaffiin ka'aa ture tokko, tarii yoo dogoggorre akkam ta'a? dhimma jedhurratti hin mariyatamne'' jedhe gabaasni bahe.

Adeemsa keessa qaawwi ''hordoffii qorannoo basaasaa fi taatee qabatamaan jiru guddataa bal'ate jedha.

Gabaasichi 'aadaa, afaan, amantaa fi seenaa dabalatee ilaalcha diinni addatti qabu hubannoon qabnu gadi bu'e'' jedha.

Gabaasichi aadaan daarektoreetii basaasaa geeddaramuu qaba jedhe.

Humni qilleensaa biyyattii wayita Hamaas haleellaa banu saffiisaan deebii kenne, garuu loltoota Israa'el fi namoota nagaa fi shororkeessitoota garuu adda baasuun rakkisaa ture,'' jedhe.

Gabaasichi akka jedhutti, iddoowwan kaanitti namoota sivilii madaa'an dura loltootatu bakka itti mada'aanii kaafame jedha.

Ajajan waraana Israa'el aangoo gadhiisan Lentenaal Jeneraal Herzii Halevii kufaatii mudatee ittigaafatamummaa guutumaan guutuutti nan fudhadha jedhe.