Haleellaan Israa’el Iraan irratti raawwatteerratti Ayaatollaah Alii maal jedhan?

Hogganaan Olaanan Iraan Ayaatollaah Alii Kameni akka jedhanitti, haleellaan Israa’el halkan Jimaataa Iraan irratti raawwatte garmalee harbeessuu ykn gadi xiqqeeffamuu hin qabnu jedhan.

Hogganaan kunis yeroo biyyi isaanii haleellaa Israa'eliif haaloo ba'uu dandeessi jedhamee tilmaamni adda addaa ka'aa jirutti hasasawa of eeggannoo guddaa qabu kana kan taasisan.

Haleellaa Israa’eel raawwatteen yoo xiqqaate loltoonni afur kan jalaa ajjeefaman Iraan, biyyattiin waraana hin barbaaddu ture amma garuu ''deebii sirrii ni kenniti'' jedhan pireezdaantiin biyyattii Maasohud Pezeshkiyaani.

Israa’el haleellaa Iraan irratti raawwatteef haaloo ba’uuf Jimaata darbe ture naannoolee Iraan hedduu iddoowwan buufata waraanaa irratti xiyyeeffachuu ishee kan ibsiteetti.

Xiyyeeffannoon kun bakka misaa’ela balistikii gara 200 ta’u kan Onkoloolessa 1 gara Israa’elitti irraa dhukaafame dabalatee akka ta'es eerameera.

Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun haleellaa kanaan Israa’el sirna ittisa qilleensaa fi oomisha misaa’elaa Iraan laamshessite jedhan. Haleellichi dandeettii Iraan misaa’ela dhukaasuu fi oomishuuf qabdu irratti miidhaa guddaa geessiseeras jedhan.

Gaazaa keessatti haleellaa qindaa'aa fi itti fufaa raawwachaa kan jiran Netaaniyaahuun ''haleellaan kun sirrii, ulfaataa fi kaayyoo isaa kan galmaan ga'eedhas'' jedhan.

“Qaamni bulchiinsaa seera buʼuuraa salphaa tokko hubachuu qaba. Innis "Qaama nu miidhe nutis ni miinaa" jedhan.

Maddeen akka jedhanitti, Iraan haleellaa irratti raawwatame kana kan xiqqeessitee yoo ta'u, misaa’eloonni irra caalaan isaanii fashalaa'anillee, kanneen hin kufne ammoo sirna ittisa qilleensaa irratti miidhaa murtaa'e akka geessisan himaniiru.

Hogganaan olaanaan Iraan haleellaa kana booda ergaa jalqabaa dabarsaniin, "Aangoo fi fedhii ummata Iraan, akkasumas dantaa ummata Iraan bu'ureeffateen tarkaanfii Israa'el irratti fudhachuun kan aanga'oota biyyattiti," jedhan.

Pireezdaantiin biyyattii Masohud Pezeshkiyaani walgahii mana maree Irratti haasaa Hogganaa Olaanaa kanaaf deebisuudhaan, "nuti waraana hin barbaannu, garuu mirga biyyaa fi ummata keenyaa ni kabachiifna" jedhan.

Haleellaan Israa’el Iraan irratti raawwatte kan eegame caalaa daangeffamee akka ture ibsameera.

Ameerikaan michuu ishee Israa’el dhaabbilee boba’aa fi niwukilaraa Iraan akka hin rukunne ifatti dhiibbaa kan goote yoo ta’u, haleellaan kunniin Teel Aviiv qajeelfama kana raawwachaa akka jirtu agarsiisa jedhameera.

Iraan haleellaa Israa’el karoorfatte sa’aatii muraasa dura “Odeeffannoo akka argatte” ministirri haajaa alaa ishee Dilbata kana ibsaniiru.

Abbaas Aragchi gaazexeessitootaaf akka himanitti, “Halkan sana haleellaan raawwatamuu akka danda’u yaadni nu qaqqabe ture” jedhan. Garuu dhimmicha irratti Odeeffannoo dabalataa kennuu hin barbaanne

Biyyoonni dhihaa waldhabdeen biyyoota Baha Giddu Galeessaa gidduutti uumame waraana hunda galeessa ta’e fiduu danda’a jedhanii sodaachuun Iraan deebii akka hin kennine gaafataniiru.

Miidiyaaleen Iraan haleellaa kana booda sochiin ummataa akkuma barame itti fufuu fi miidhaa qaqqabsiisu daangeffamee akka ture gabaaseera.