Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan namoota waa'ee du'a Caarlii Kirki barreessan adamsitee viizaa isaanii haquu eegalte
Ameerikaan namoota waa'ee du'a Chaarlii Kirki ilaalchisuun miidiyaa hawaasummaarratti yaadasaanii barreessan adamsitee adabaa jirti.
Bulchiinsi Pirezidant Tiraamp hanga ammaatti namoota waa'ee du'a michuusaa oduu aagaa godhanii odeessan ja'a jalaa viizaa haqeera.
Ministeerri dhimma alaa US ''Ameerikaan lammiilee alaa Ameerikaanotaaf du'a hawwan keessummeessuuf dirqama hin qabdu,'' ergaa jedhu X irratti maxxanse.
Ministeerichi maxxansa namoota ja'aa miidiyaa hawaasummaarraa suuraa kaasuun erga mul'isee booda viizaa isaanii haqe.
Maxxansi namoota kunneenii ajjeechaan michuu Rippaablikaanotaa Chaarlii Kirki irratti Fulbaana darbe raawwate akka sirrii ta'etti ibsa.
Michuun cimaan Pirezidant Tiraamp, Chaarlii Kirki, bulchiinsa Yuutaa keessatti osoo yunivarsitii keessatti haasaa taasisuu ajjeefame.
Ga'eessi umrii waggaa 31tti ajjeefame kun Ameerikaanota duudhaa ganamaatti cichan biratti akka gootaatti yaadatama.
Keessattuu mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi dargaggoota Rippaablikaanota ta'an hedduu kakaasuun warra Paartii Rippaablikaanotaa biratti maqaa gaarii qaba.
Bulchiinsi Tiraamp erga namni isaan akkaan abdatan kun ajjeefamees kabaja isaaf qaban hin hir'isne.
Ministeerri dhimma alaa namoota ajjeefamuu Kirki akka tarkaanfii eebbifamaatti ibsan adamsee viizaa irraa haquuf duula cimaa eegaleera.
Hanga ammaa namoonni ja'a viizaan isaanii haqame lammiilee Arjentiinaa, Afrikaa Kibbaa, Meeksikoo, Biraaziil, Jarmanii fi Paaraguwaayi ta'uu ministeerichi ibseera.
Viizaan namoota kunneenii yoom akka haqamee fi viizaan namoota kunneenii gosa kam akka ture ifa miti.
Ministeerri dhimma alaa US namoota viizaa jalaa haqe maqaasaanii hin ibsine. Lammiin Afrikaa Kibbaa Nihalamulo Baloyi jedhamu garuu viizaan isaa haqamuu Rooyitarsi fi Washingtan Post dabalatee miidiyaalee hedduutti himeera.
Barreeffamni inni maxxanse kanneen Ministeerri dhimma alaa US walitti qabe keessa jira.
Maxxansi isaa ''Kirki akka gootaatti yaadatamuu hin qabu,'' jedha, hordoftoota nama kanaatiin ''namoota gadi bu'oo'' jedheen.
Sababa kanatti viizaan biizinesii inni qabatee ture torbee darbe jalaa haqamuu ibse lammiin Afrikaa Kibbaa kun.
Namoota waa'ee ajjeechaa Chaarlii Kirki irratti yaada kennan jalaa viizaan haqamuun kan ibsame guyyaa Pirezidant Tiraamp badhaasa Presidential Medal of Freedom jedhamu Kirkiif kennan ture.
Tiraamp michuusaanii du'aan of biraa dhaban Chaarlii Kirki ''akka goota wareegameetti,'' ibsu.
Ajjeechaa isaaf qaamolee finxaaleyii ykn dhaadhessitoota jedhanitti quba qabu.
Kirki Fulbaana 10 Yuniversitii Yuutaa keessatti osoo namoota kumaatamaan lakkaa'aman fuulduratti ba'uun haasaa taasisuu rasaasaan ajjeefame.
Sagantaa The American Comeback jedhamu, kan inni irratti dubbataa ture, kan qindeesse dhaabbatuma isaa Turning Point USA jedhamu ture.
Guyyaa lama booda dargaggeessi umrii waggaa 22 Taayiler Roobinsan jedhamu ajjeechaa Chaarlii Kirkiin shakkamee to'atame.
Bulchiinsi Tiraamp viizaa haquun adabbii eegaluunsaa Rippaablikaanonni ajjeechaa Kirki booda kanneen isa qeeqan irratti duula cimaa eegaluu mul'isa.
Pirezidantii Itti Aanaa JD Vaansi jaarmiyaaleen hojjettoota isaanii waa'ee Kirki du'a Kirkitti gammadan akka gabaasan akeekkachiisaniiru.
Namni sagantaa TV dhiheessaa ture Jiimii Kiimel waa'ee ajjeechaa Kirki irratti akkuma yaada kenneen qilleensarraa kaafame, garuu boodarra bakkatti deebi'e.
Bulchiinsi Tiraamp duraanuu maqaa godaantota ofirraa dhaabuu jedhuun viizaa barattoota hedduu haqeera.
Bara kana keessa viizaan barattoota 6,000 caalanii haqameera.