Michuun Tiraamp sochii qeerroo Ameerikaa dursuun beekamu ajjeefame Chaarlii Kiirki eenyu?

Chaarlii Kiirki dargaggeessa sirna ganamaa leellisuun Ameerikaa guutuutti beekamuu fi michoo dhiyoo Doonaald Tiraampidha.

Miidiyaa irrattis nama dhiibbaa uumuun beekamuu fi Tiraampi akka filannoo mo'atuuf shoora olaanaa bahatedha.

Roobii kaleessaa Kolleejjii Utaah keessatti sagantaa karaa dhaabbata isaa 'Turning Point USA' jedhamuu osoo qopheessuu umurii isaa waggaa 31'n ajjeefame.

Dhaabbata 'Turning Point USA' jedhamu isumatu umurii isaa waggaa 18'n hundeesse. Poolisiin rasaasa itti dhukaafameen ajjeefamuu hime.

Doonaald Tiraamp ajjeefamuu Chaarliin akka baay'ee gaddan ibsan.

''Nama guddaa fi beekamaa, Chaarlii Kiirki ajjeefame. Namni akka Chaarlii onnee dargaggoota Ameerikaa argatee fi beeku hin jiru.''

Ajjeechaa Chaarlii Kiirki irratti qorattoonni maal jedhan?

Qorattoonni FBI fi Dippartimantiin Nageenyaa Utaah erga Chaarliin ajjeefamee ibsa jalqabaa kennaniiru.

Ibsa kanaan dura shakkamaan tokko to'atameera jedhanii ture daarikterri FBI, Kaash Paatel.

Qondaalonni waan bakka Chaarliin itti ajjeefame ilaalchisee jedhan kunooti:

Kiirkii eegdota dhuunfaa isaan gara hospitaalaatti geeffame, achitti lubbuun isaa darbe

Dhukaasichaan booda namni tokko hatattamaan to'annoo jala ooleera, garuu haleellicha keessaa harka hin qabu jechuun ni gadhiifame.

Dubbii qondaalonni kennan wal dhaha, Poolisiin ammayyuu shakkamaa adamsaa jiraachuu hime, kaan ammoo to'annoo jala ooluu himan.

Bulchaan naannichaa Kooksi daariktera FBI wlaiin dubbachuu himanii, shakkamaan to'annoo jala jira jedhan.

Kaameeraan naannichaa CCTV nama haleellaa kana raawwate waraabeera, uffata gurraacha guutummaan kan uffatee fi gamoo fuuldura Chaarliin taa'aa ture tokko irraa dhukaasuu hin hafne jedhame.

Bulchaan Utaah, Ispeenser Kooksi, Ameerikaanonni ''wal jibbuu dhiisuu qabu'' jechuun ergaa dabarsan. Ajjeechaa Chaarlii Kiirki ''ajjeechaa siyaasaati'' jedhan.

Hogganaan poolisii Yuunvarsiitii bakka Chaarliin itti ajjeefamee poolisoonni jaha nageenya akka kabachiisaniif ramadamanii akka turan himan.

Namoonni 3,000 ol sagantaa Chaarlii Kiirki hordofuuf bahanii akka ture himan.

Dhaabbanni 'Turniing Point USA' jedhamu umurii isaa waggaa 18'n jalqabe. Yaadni isaa sirnaa fi duudhaa ganamaa uummanni biyyichaa ittiin beekamu ture leellisuu fi warra ilaalcha bilisaa [Libral] qaban barsiisuu ture.

Sagantaa daawwii yuunvarsiitota irratti dhaabbanni isaa 'Turning Point USA' gaggeessuuf jalqabe irartti argamuuf Yuunvarsiitii Utaah keessatti argame. Roobii kaleessaa yeroo itti dhukaafamuun ajjeefame.

Barattoonni 3,000 ol saganticha irratti kan argaman yoo tahu yaada isaanii dhiyeessuun Chaarlii waliin wal falmuuf kan qophaa'e ture.

Sagantaa Pookaastii isaa fi maxxansi isaa guyya guyyaan miidyaa hawwaasaa irratti bahu, barattoota waliin dhimmoota akka jijjiirama qilleensaa, amantii fi duudhaalee maatii akkasumas warra saala jijjiirratan irratti yeroo wal falmu garsiisa.

Jalqaba sagantaa poodkastii Chaarlii irratti yeroo Tiraamp dubbatu agarsiisa. Deeggaraa fi michuu Tiraamp guddaadha.

''Chaarlii baay'ee galateeffachuun barbaada. Inni nama addaati, jaalala inni biyya isaaf qabu, haamileen isaa adda. Dhaabbata dargaggootaa baay'ee cimaa tahe ijaareera.''

Dhaabbanni miti-mootummaa ijaaree fi ittiin beekamu kana yeroo Baaraak Obaamaa yeroo lammaffaaf filamu bara 2012 jalqabe.

Yaadni isaa dargaggoota dammaqsuu yoo tahu, ''qajeeltoo itti gaafatamummaa hawwaasaa, gabaa bilisaa fi mootummaa daangeffame beeksusii ture.''

Filannoo Ameerikaa bara darbee keessatti namni hunduu bahuun akka sagalee isaa kennuuf gaheen Chaarlii baay'ee guddaa akka ture himama.

Dargaggoonni kumaatamaan filannoof akka galmaa'an gochuun Ariizoonaa keessatti Tiraamp akka mo'atu gochuun Tiraamp biratti hedduu leellifama.

Hariiroon Chaarlii Kiirkii fi Tiraamp akkaan kan cime erga Tiraamp filannoo mo'ateeti.

Yeroo Tiraamp Waashingitan DCtti sirna kakuu raawwachuun aangoo qabatu saganticha irratti argamee ture.

Yeroo marsaa lamaanuu Tiraamp waajjira isaa Waashingitan ture nama dedebi'ee isa dubbisuu fi waliin hojjechaa turedha.

Jalqaba bara kanaatti ammoo ilma Tiraamp, Doonaald Tiraamp Jnr waliin gara Giriinlaand deemee ture.

Yeroo sana Tiraamp Ameerikaan Giriinlaandiin fudhachuu qabdi jechaa turan.

Abbaa isaa ogeessa arkitekcheraa tahe irraa kan dhalate Chaarliin naannoo Chikaagootti erga kolleejjii galee addaan kutee bahuun siyaasa irratti xiyyeefate.

Kolleejjii West Pooyint [West Point], kolleejjii humna waraanaa galuuf iyyatee ture. Garuu hin milkoofne. Kanaaf yeroo hayyootaa fi barattoota yyuunvarsiitii waliin imaammataa fi ilaalchota adda addaa irratti wal falman ati ofiiyyuu digirii tokko hin qabdu jedhamuun qeeqamaa ture.

Sagantaa Rippaabilikaanotaa hedduu irartti guutummaa US keessa deemuun dubbii taasisaa ture.

Duudhaa ganamaa akka malee leellisuun kan beekaman 'Tea Party' jedhamanii fi sagantaa ilaalcha kana irratti hundaa'e guyya guyyaan raadio irratti dabarsuunis hordoftoota miliyoonotaan horachuun beekama.

Chaarlii Kiirki amantaa kiristaanaa leellisuun beekama. Macaafa Qulqulluutti nama hedduu amanu jedhama.

Haati warraa isaa bareedduu Ariizoonaa tahuun kana dura kan filamte yoo tahu ijoollee lama waliin godhataniiru.

Ilaalcha siyaasaa isaa keessatti maatii isaa gidduugaleessa godhachuun dubbachuun beekama.

Qawwee to'achuun ilaalcha inni adda durummaan kaasu yoo tahu dhimmoota siyaasaas tahe hawwasummaa kaasu keessatti dhimma kana dhiisee hin beeku.

Ji'oota muraasa dura Chaarlii Kiirki akkas jedhee ture. gaan Gatii baasanii osoo argatanii gaarii ture, garuu wagga waggaan ajjeechaan qawwee biyya kanatti raawwatu akka haaromsa biraa fiduu qabnu nutti agarsisia'' jedhe.

Ofiis qawweemaan ajjeefame.

Saala jijjiirrachuu ka jedhu cimsee morma. Weerara Koroonaa irrattis ilaalcha adda tahe qaba ture. Filannoon pirezidaantummaa 2020 hatameera jechuun ifatti dubbataa ture.

Akkas tahee garaagarummaa yaadaa qabnu hundaa furuu kan dandeenyu gadi teenyee mari'achuun qofa jedhee amana jedhan Daarikterri Gidduugala Hoggansa Baaptist [Center for Baptist Leadership] Wiiliyaam Woolf.